Kontiraaktara Xiqqaa hiika

Kontiraaktara Xiqqaa jechuun nama qaxxarriidhaan tajaajila kennu osoo hin dabalatiin nama heeyyamni kennameefiif hojii albuuda baasuu waliin tajaajilawwan walqabatan nama kennudha.Jechi Labsii Bulchiinsa Taaksii keessatti hiikni itti kenname labsii kana keessatti hojjiira kan oolu yoo ta’ee fi Labsii kanaan hiikni kan itti hin kennamne yoo ta’e hiika Labsii Bulchiinsa Taaksii keessatti kennameef ni qabaata. Namaa fi Kontraaktara Heeyyamni Kennameef Irratti Gibira BuusuuFooyya’iinsi Kutaa Torba kana jalatti tumaman akkuma eegametti ta’ee, Keewwatni kun nama yookiin kontiraaktara heeyyamni kennameef irratti raawwatinsa ni qabaata.Gibira nama yookiin kontiraaktara heeyyamni kennameef ilaalchisee Kutaa kanaa fi kutaawwaan biroo Labsichaa jalatti kan tumame gidduu walsimuu dhabuun kan uumame yoo ta’e Kutaan kun raawwatiinsa ni qabaata.Nama yookiin kontiraaktara heeyyamni kennameef irratti taarfni gibira galii hojii daldalaa raawwatinsa qabaatu % 25 ta’a. Namni heeyyamni kennameef kaffaltii kamiyyuu kantiraaktara xiqqaa jiraataa Naannichaa hin taaneef raawwatu irraa % 10 gibiraaf hir’isee Abbaa Taayitichaatiif galii taasisuu qaba.Akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 4 tiin hangi gibira kaffalamuu kan shallagamu baasiiwwan moobilaayizeeshinii fi dimoobilaayizeeshiniin hir’ifamaniiti dha. Daangaa Hir’ifama Baasiiwwan Hojii Albuudaa Yookiin Boba’aa Irratti TaasifamanNamni heeyyamni kennameef naannawaa heeyyamni itti kennameef keessatti baasii hojii albuuda baasuu hojjachuuf baasu hir’ifamaan kan qabamuuf naannawaa heeyyamni itti kennameef keessatti hojii albuudaa waliin walqabatee galii hojii daladalaa bara gibiraa keessatti argate irraa qofa ta’a.Namni heeyyamni kennameef naannawaa heeyyamni itti kennameef keessatti bara gibirichaatti yeroo hojii albuudaa hojjatutti kasaaraan kan isa muudate yoo ta’e kasaaraan kun gara bara gibirra itti aanuutti darbee namni heeyyamni kennameef naannawaa heeyyamni itti kennameef keessatti hojii albuuda baasuu hojjechuun galii hojii daldaalaatiin argatu irraa hir’ifamni ni taasifama.Namni heeyyamni kennameef kasaaraa isaaa akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 2tiin guutummaa guutuutti hir’isuu kan hin dandeenye yoo ta’e, kasaaraa hin hir’ifamne bara gibiraa itti aanutti dabarsuu fi hanga bakka buufame akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 2 jalatti ibsameen galii waliigalaa baruma gibirichaatti argame irraa hir’isuun kasaarichi guuttummaa guutuuttii hir’ifamee haga xumuramutti dabarsuu kan danda’u yoo ta’uu, garuu namni heeyyamni kennameef kasaara...