ndii deebisanii haaromsuu hiika

ndii deebisanii haaromsuu jechuun naannawaa mirga albuudaa yookiin waliigaltee boba’aa keessatti haammatame sirreessuuf baasiiwwan fuulduraaf barbaachisan haguuguuf bu’uura mirga albuudaa yookiin waliigatee boba’aatiin taa’uu qabuu fi maallaqa Biiroo Bishaan, Albuudaa, fi Inarjii fi namni yookiin kontraaktarri heeyyama fudhate waliin bulchani dha. Hir’ifama Invastmantiif Taasifamu Namni yookiin kontiraaktarri heeyyamni kennameef dameelee hojii misoomaa biroo abbaa taayitaa heeyyama kennuutiin heeyyamameen baasii invastimantii hojii invastimantii irra oole galii waliigalaa tokkoon tokkoo bara gibiraa irraa hanga % 5 hir’ifamuu ni danda’a.Namni yookiin kontraaktarri heeyyamni kennameef akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 1tiin bara gibiraa tokko keessatti hanga maallaqaa hir’ifama taasisee bara gibiraa hir’ifamichi taasifame irraa eegalee hanga dhuma bara gibiraa itti aanutti invastimantii irra kan hin oolchine yoo ta’e, galii waliigalaa nama yookiin kontraaktara bara gibirichaatti heeyyama fudhate irratti ida’ama.Mirga Dabarsuu Mirga dabarsuun kan raawwatamu haalawan armaan gadii guutamanii yoo argamaniidha: