Baafata
WIIRTUU LEENJII QAAMOLEE HAQAA FEEDARAALAA
MOOJULA LEENJII LEENJIFAMTOOTA HOJII DURAATIIF QOPHA’E
ITTI GAAFATAMUMMAA MIIDHAA OTOO WALIIGALTEEN HIN JIRAATIIN QAQQABU, KAN FOOYYA’E.
WIIRTUU LEENJII QAAMOLEE HAQAA FEEDARAALATIIN KAN QOPHAA’E.
Kan hike- Abbabaa Jootee Gulaaltuun – Xxxxxxx Xxxxxx
Baafata
Fuula Seensa 1
BOQONNAA TOKKO 2
1. Qabxiilee bu’uuraa seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo walii
galteen hin jiraatiin qaqqabuu 2
1.1. Maalummaa seera itti gaafatamummaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu 2.
1.2.Maddoota itti gaafatamummaa 3
1.3.Kaayyoo seera itti gaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu. 4
1.4. Gosoota miidhaa fi beenyaa 4
BOQONNAA LAMA 6
2. Qabxiilee falmisiisoo naannoo ittigaafatamummaa miidhaatti ka’an 6
1.4.Gaafattoota xxxxxxx xxxxxxx 0
1.5.Namni itti gaafatamummaan irratti kufu eenyu? 10
BOQONNAA SADII 14
Miidhaa fi gosoota miidhaa 14
3. Maalummaa miidhaa 14
3.1. .Xxxxxxx xxxxxxx 00
3.1.1 miidhaawwan ifa ta’an 15
A. miidhawwaan qaqqaban 15
B.miidhaa gara fuul-duraatti qaqqabu 15
3.1.2. xxxxxxx xxxxxxxx 16
BOQONNAA AFUR 18
Sirna beenyaan miidhaa(kasaaraa) itti kaffalamu 18
4. Waa’ee maalummaa beenyaa akka waliigalatti 18
4.1.Sirna beenyaan miidhaawwan ifa ta’aniif ittii kaffalamu 19
4.1.1. Sirna beenyaan walmadaalu ittiin kaffalamu 19
I. Miidhamaan otoo miidhaan hin qaqqabiin dura bakka(xxxxx) irra turetti deebisuu
..........................................................................................................19
II. Bakka buusaan beenya’uu. 20
III. Faayidaa argamuu danda’u madaaluudhaan beenya’uu 20
Akkataa beenyaan miidhaa qaamaa fi balaa du’aa itti kaffalamu 20
I. Akkaataa beenyaan miidhaa qaama ittikaffalamu 20
1. Miidhaa qaamaa hojjetaa qacaramaa 21
A. Hanga miidhaa qaqqabee ilaalcha keessa galchuu 22
B. Yemmuu miidhaan qaqqabetti galii(mindaa) hojjetichaa 23
C. Umurii(yeroo) hojjetich hojii irra turuu danda’u 23
2. Nama hojii mataa xxxx xxxxxxxxxx xxxxxxx 23
3. Miidhaa qaama nama hojii hojjechaa hin xxxxx xxxx qaqqabe 23.
II. Balaa du’aa 24
4.1.2 sirna beenyaan wal hin ginne itti kaffalamu 25
I. balleessaa miidhamaa 25
II. Xxxxx addaa tilmaama sammuu bu’uura godhachuudhaan beenyaan murtaa’u 26
A. Gochi balleessa ta’uu beekuu dhabuun miidhaa qaqqabe 26
X. Xxxxx sababa ajaja qaama olaanuutiin raawwatamu 27
C. Miidhaa ni qaqqaba jedhamee hin yaadamne 28.
D. Waa’ee rakkisummaa tilmaamaa 29
X. Xxxxx barbaachisaa 30
F. Ittigaafatamummaa hojjetaa qacaramaa 31.
4.2.Sirna beenyaan miidhaa haamilee ittiin kaffalamu. 31
4.3.Sirna akkaataa biraatiin beenya’uu 32
I. Waanta(qodaa) fudhatame deebisiisuu 33
II. Xxxx fakkaataadhaan bakkabuusuu 33
III. Waa’ee kabajaa fi maqaa gaarii 34
4.4. akkaataa shallagii beenyaa seera waliigaltee fi waliigalteen alaa. 35
4.5. miidhamtoota yakkaati fi gaaffii beenyaa 36
Gudunfaa 42
Seensa
Mana murtii keessatti ,Seerri itti gaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu, kutaa seeraa gaffiin baay’ee falmisiisaan fi walxaxaan itti ka’uudha. Seera kana kan ilaallatan dhimmoota rakkisoo guyyaadhaa guyyaatti mudatanii fi tumaalee seerichaa qixa xxxxxx xxxxx irra kan ka’e seericha xxxxx walfakkataa ta’een hojiirra oolchuuf qorannoo bal’aa barbaachisa. Kana hubachuudhaan seericha kayyoosaa waliin, bifa walfakkaatuun gama hojiitti hiikuutiin, manneen murtii keessatti hir’ina hubannoo olaanatu mul’ata.
Kaayyoon barreeffama kanaa naannoo seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuuttii qabxiilee falmisiisoo irradeddebi’anii ka’an mariidhaaf dhiyeessuudhaan hojmaata irratti hir’inoota jiran eeruudhaan yaada furmaataa agarsiisee leenjifamtootni seerichaa fi hojmaata irratti hubannoo caalmaa akka argatan gochuu fi seerichaaf xiyyeeffannaa kennuudhaan qorannoo bal’aa akka taasisan kakaasuudha.
Dhimmoota qabatamaan mudatan agarsiisuuf hojii karoorfame waan ta’eef barrefamich “akkaadamii” seerichaa ykn dhimmoota yaad- baruu kan xiinxalu miti.
Kanaafuu boqonnaan calqabaa barreeffamichaa yaadota bu’uuraa seera ittigaafatamummaa miidhaa walii galtee malee dhufu kan tuttuqu xxx xx’u boqonnaa lammaffan ittigaafatamummaa miidhaa ilaalchiisee gaaffiiwwaan bu’uuraa fi adeemsarratti ka’an irratti kan xiyyeeffatudha.
Boqonnaa sadaffaan qabxiiwwaan waa’ee miidhaa fi madaalli hanga miidhaa ilaalchisuun ka’an kan xiinxaluudha. Boqonnaan dhumaa kaayyoo seera ittigaafatamummaa miidhaa waliigaltee malee qaqqabuu kan ta’e dhimma beenyaa irratti kan xiyyeeffate xxx xx’u, kutaadhuma kana keessatti gama beenyaa shallaguu fi murteessuutiin qabiyyee seerichaa fi dhimmotni hojmaata irratti mudatan sirritti ni ibsamu.
Kaayyoo barreeffamichaa galmaan ga’uudhaaf leenjifamtootni qabxiilee barreffamicha keessatti ka’an qo’achuudhaan fi mariidhaan gabbisuudhaan, gilgaalotaa fi gaaffiiwwan kutaalee hunda jalatti ka’an xiyyeffannadhaan hojjechuutu irraa eegama.
BOQONNAA TOKKO
1. Seera itti gaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu. Qabxiilee bu’uuraa
Kutaa kana keessatti dhimmootni waliigalaa seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hinjiraatiin qaqqabuu ka’umsumaaf gabaabbinaan ni ibsamu. Kayyoon kutaa kanaa leenjifamtootni mana barnoota seeraa keessatti seera ittigaafatamummaa otoo waliigalteen hinjiraatiin qaqqabuu ilaalchisee sadarkaa yaad-baruutiin kan baratan bifa waliigalaatiin teechisuudhaan kutaalee itti aanan keessatti waa’ee dhimmota gadfageenyaan ilaalamanii hubannoo akka qabatan gochuudhaaf.
1.1.Maalummaa seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu.
Seera hariiroo hawaasaa xxxxxx keessatti, kutaa waliigalteen otoo hin jiraatiin miidhaa qaqqabuuf ittigafatamummaa dhufu ilaalu boqonnaa isa duraa lakkofsa 2027 jalatti gochoota ittigaafatamummaa hordofsiisaan tarreessuun alatti hiikkaa maalummaa seerichaatiif waan kenne hin argannu. Haa ta’u malee moggaasni maqaa seerichaa akka agarsiisutti seerri ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu yaadota sadii kan ofkeessatti qabateedha. Yaadni inni calqabaa otoo waliigalteen hin jiraatiin kan jedhu xxx xx’x, inni lammafaan miidhaa kan jedhuudha. Sadaffaan immoo ittigaafatamummaa miidhaa kanaa kan ilaallatuudha. Kanaafuu yaadota kana sadan irraa ka’uudhaan seerich hariiroon waliigaltee otoo hin jiraatiin ykn walitii dhufeenya waliigalteerratti hin hundoofne keessatti faayidaa namaa seeraan eegame ykn xxxxx xxxxx irratti miidhaan yemmuu qaqqabu miidhaa kanaaf qaama itti
gaafatamummaan irratti kufu kan adda baasuu fi miidhamni kunis bifa beenyaatiin akka sirraawu seera taasisu ta’uusaa hubachuun ni danda’ama.
Seerich walitti dhufeenya waliigaltee kan hin ilaallanne ta’uu ibsuun isaa bu’uuraanis ta’ee bu’aasaatiin seera waliigalteerraa adda kan ta’e qaama seera hariiroo hawaasaa ta’uusaa kan hubachiisu xxx xx’u, dantaa ykn mirga irratti miidhaa qaqqabu kan ilaallatu waan ta’eef seera yakkaa gochoota yakkaa dantaa ykn mirga irratti raawwataman ilaallaturra seera adda ta’eedha.
1.2.Maddota ittigaafatamummaa.
Walitti dhufeenya waliigaltee keessatti maddi mirgaa ykn dirqamaa waliigaltee namoota sanaa xxx xx’u ittigaafatamummaa otoo waliigalteen hin jiraatiin dhufuuf immoo maddi dirqamaa seeradha.
Seera hariiroo hawaasaa lakkofsa 2027 jalatti akka tarreeffametti madda ittigaafatamummaa xxxx sadiitu jira. Maddi ittigaafatamummaa inni duraa balleessa ofiitiin dantaa ykn mirga nama biraa irratti miidhaa geessisuudha. Seera hariiroo hawaasa lakkofsa 2029 jalatti akka mul’atutti balleessaan ittiyaadamee ykn daguudhaan akkasumas gocha raawwachuudhaan ykn raawwachuu dhabuudhaan uumamuu danda’a.
Dhimmotni balleessaa jedhaman seera hariiroo hawaasaa lakk. 2030 -2064tti tarreefamanii kan teechifaman xxx xx’u, xxxxx xxxxxxx xxxxxxxxxxxx jedheen kana beekee ittiyaadee ykn daguudhaan raawwachuudhaan ykn raawwachuu dhabuudhaan faayidaa ykn mirga nama biraa irraan miidhaa geessisuu kan ilaaluudha. Namni Balleessa isaatiin miidhaa kana qaqqabsiise miidhamaa beenya’uuf ittigaafatamummaa seeraa qaba.
Maddi itti gaafatamummaa inni lammaffan balleessan homtuu otoo hin jiraatiin miidhaa qaqqabuuf ittigaafatamummaan yemmuu jiraatuudha. Ittigaafatamummaan kun kan dhufu seerich dhimmoota balleessadha jedhee tarreessen alatti hojii balleessa hin taaneen ykn xxxxx waanti inni qabate ykn kan dhuunfaa isaa ta’e faayidaa ykn mirga nama biraa irratti miidhaa geessisu kan ilaalatudha. Akkataa kanaan haalonni ittigaafatamummaa hordofsiisan seera
hariiroo hawaasaa lakk. 2066 hanga 2089 jalatti tarrefamanii akka kaa’amanitti ofii-isaa ykn nama biraa, qabeenya ofii ykn kan nama biraa irratti balaa sirrumatti ga’uu danda’u akka hin geenye ittisuuf xxxxx nama biraa irratti miidhaa geessisuu, qama namaa irratti miidhaa geessisuu, namni tokko kan qabate ykn kanisaa kan ta’e waan dhowu ykn keemikaalota summawoo, sarara humna ibsaa humna olaanaa qaban diriirsuudhaan, bifa dachee uumamaa jijjiruudhaan, hojiiwwan warshaa balaafamoo hojjechuudhaan miidhaan yoo qaqqabu, beeylada kanisaa ta’e ykn faayidaa mataasaaf qabaterratti miidhaan yemmuu ga’u, qaamarratti miidhaa yoo geessisu, xxxxxxx xxxxxxxxxxx xxx xxxxxxxx, meeshaaleen hidhaman miidhaa yoo geessisan kan ilaallataniidha.
Xxxxx xxxxxx miidhaan yemmuu qaqqabutti miidhamaan miidhaa isa irra qaqqabe qofa xxxxx xxxxx namoota seerichaan ittigaafatamaa ta’anii agarsiisuun isa irraa hin eegamu. Isaanis badii hin qabnu jedhanii falmuu hin danda’an. Karaan isan Ittigaafatamummaa jalaa miliqan miidhaan sun badii miidhamaatiin kan qaqqabe ta’uu agarsiisuudhaan qofa.
Maddi ittigaafatamummaa inni sadaffaan immoo miidhaa namni biraan geessisuuf ittigaafatamummaa fudhachuu kan ilaaluudha. Bu’uurri ittigaafatamummaa kanaa hariiroo seeraa nama miidhaa geessisee fi nama itti gaafatamummaa baatu gidduu jiruudha. Seera hariiroo hawaasaa lakk. 2120 hanga 2137tti tumaalee teechifaman irraa akka hubannutti hariiroon kun daa’ima umurii gaa’ilaaf hin geenyee fi warrasaa ykn eegduusaa ykn guddiftuusaa, hojjetaa fi hojjechiisaa, barreessa fi maxxansaa gidduu hariiroo jirudha.
Namni miidhaa kan geessisu balleessa isaatiin ykn balleessaan otoo hin jiraatiin ittigaafatamummaa geessisuun mirga ykn faayidaa nama biraa irra miidhaan yemmuu qaqqabu, haallii fi hariiroon seericharratti kaa’ame jiraannaan bakka isa miidhaa qaqqabsiisee ittigaafatamummaa kan baatu nama seerich ittigaafatamaa taasisuudha.
1.3.Kaayyoo seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu.
Kaayyoon seera ittigafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu nama miidhame beenya’uudha. Kutaa biraatiin akka ilaallutti nama miidhame bifa miidhamasaatiin walmadaaluun ykn haalota addaatiin fkn balleessa miidhamaatii fi waantotni biro beenyaa
tilmaama sammuutiin murteessisan yemmuu mudatan beenyaa miidhaasaatii gadi ta’e beenya’uudhaan miidhicha dhabamsiisuu ykn sirreessuudha.
1.3.1. Gosoota miidhaa fi beenyaa.
Miidhaa jechuun mirgoota ykn faayidaalee seeraan eegumsi godhameef irratti kasaaraa ykn hir’ina qaqqabsiisuu xxx xx’u, fuul-duratti kutaa biraa keessatti bal’inaan akka ilaallutti miidhaan, amma ifatti kan mul’atu ykn gara fuula duraatti qaqqabuu kan hin oolle ykn kan hin mul’xxxx miidhaa haamilee ta’uu ni danda’a.
Seera hariiroo hawaasaa lakk. 2090 fi 2091 jalatti akka tumametti bu’uuraan miidhaan hanga maallaqaa walgitaa ta’een beenya’ama. Haa ta’u malee miidhich akka tasaa ykn haalli itti qaqqaabe xxxxx sammuun yaaduun hin danda’amneen xxx xx’ee fi hanga miidhichaa beekuun rakkisaa xxx xx’e, xxxxx murtii haalota waantotaa ilaalcha keessa galchuudhaan tilmaama sammuutiin beenyaa murteessuu akka qabu seera hariiroo hawaasaa lakk. 2101 fi 2102 jalatti caqafameera. Beenyaan tilmaama sammuu kun, ilaalch sammuu yemmuu dirqisiisutti hanga miidhaa qaqqabeetii gadi ta’uu ni danda’a jechuudha. Haaluma walfakkatuun miidhaan haamilee hanga kana jedhamee maallaqatti tilmaamuun waan hin danda’amneef beenyaansaa tilmaama sammuutiin ta’ee ,baaxiin mallaqasaas qarshii Itiyoopiyaa kuma tokko caaluu akka hin qabne seera hariiroo hawaasaa lakk. 2116(3) jalatti tumameera.
Labsii sab-quunnamtii fi bilisummaa odeeffannoo lakk. 590/2000 keewwata 41/2/ jalatti akka tumametti immoo beenyaan miidhaa haamilee maqa balleessummaa sab- quunnamtiitiin qaqqabu hanga qarshii Itiyoopiyaa kuma dhibba tokko ga’uu akka danda’u xxxxx addaatiin kaa’ameera.
Meeshaalee fudhataman faayidaaleesaanii waliin deebisiisuu fi meeshaalee miidhaan irra ga’e gosasaaniitiin bakka buusisuun seera hariiroo hawaasaa lakk. 2118 fi 2119 jalatti akka xxxx beenyaa filannootti kaa’ameera.
Miidhaan qaqqabe kabajaa fi maqaa gaarii wajjiniin kan walqabatu xxx xx’e beenyaansaa bu’uura seera hariiroo hawaasaa lakk. 2126 tiin baasii nama miidhaa geessiseetiin beeksisa maqaa haaromsuu maxxansiisuudha.
Gochaa miidhaa geessisaa jiru ykn miidhaa hordofsiisuu immoo bu’uura seera hariiroo hawaasaa lakk. 2121 tiin dhorkuun dhabsisuun furmaata akka ta’e eerameera.
Gaaffilee (gilgaala)
1. Xxxxxx mana murtii tokkotti dhiyaate irratti himataan himannaa dhiyeesseen himatamaan kanaan dura himannaa sobaa nahimatee jennaan himatnisaa kufaa ta’eera. Yeroon himannaa sana ofirraa ittisuuf deddebi’aa turetti, nama saawwan koo naaf tiksu waanan hin qabneef, bineensaan naduraa nyaatamaniiru. Kanaafuu himatamaan himannaa sobaatiin mana murtiitti na deddebsuudhaan saawwan koo bineensaan akka nyaataman waan taasiseef beenyaa naaf haa kaffalu jechuudhaan gaafateera. Dhimmi xxx xxxxx ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabutiin furmaata maalii qabaata?
2. Namni yakkaan himatamee yeroo dheeraadhaaf hidhaarra ture tokko dhumarratti ragaan qabatamaan yakka raawwachuusaa hubachiisu hin dhiyaanne jechuudhaan xxxxx murtii bilisaan xxx xxxxxxxxx, namoota miidhamtoota jedhamanii isa himachiisan himannaa sobaa fi ragaa hin qabneen nahimachiisanii miidhaan akka narra ga’u taasisaniiru waan ta’eef beenyaa naaf haa kaffalan jechuudhaan yemmuu himatu himatamtootni gamasaaniitiin himannaa yakkaa kan dhiyeesse nuyi otoo hin ta’iin abbaa alangaa waan ta’eef nut himatamuu hin qabnu jechuudhaan falmiisaanii dhiyeessaniiru. Abbaa murtii dhimmich dhiyaateef otoo taate maal murteessita? Himataan himannaa dhimma hariiroo hawaasa kana waajjira abbaa alangaa irratti dhiyeessuuf bu’uura seeraa ni qabaataa?
3. Mana murtii biraatti dhimma dhiyaateen , namni tokko nama biraa irraa harree ergifatee mucaan isaa bishaan waraabdee harree kanatti feetee akka fidduuf isheetti kenna. Xxxxx xxxxxx mucaan namichaas harree kana ooftee bishaan waraabuuf deemaa otoo jirtuu, mucaan nama sadaffaa daandiirratti itti dhufee harritti karaa boddesheetiin uleedhaan yemmuu rukutu harrittiin utaaltee fuula mucaa namicha harree ergifatee dhiittee ilkaan fuula duraa cabsuudhaan miidhaa qaqqabsiifte. Miidhaa kanaaf ittigaafatamaa kan ta’u eenyudha? Bu’uura seera kamiitiin?
BOQONNAA LAMA
2. Qabxiilee falmisiisoo naannoo ittigaafatamummaa miidhaatti ka’an.
Boqonnaa kana keessatti dhimmootni gaaffilee seera bu’uuraa fi adeemsaa naannoo itti gaafatamummaa miidhaatti ka’aniin walqabatan ni ibsamu. Kaayyoon kutaa kanaa gaaffii beenyaa miidhaa eenyu akka dhiyeessuu fi gaaffich immoo eenyurrati dhiyaachuu akka qabu hubachiisuudha. Leenjifamtootni kutaa kanarraa beenyaa miidhaa eenyu argachuu akka qabuu fi akka hin qabne; ittigaafatamummaan miidhaa eenyurratti akka kufu sirritti hubatu.
1.4. Gaafattoota beenyaa miidhaa
Seera hariiroo hawaasaa lakk. 2141 jatatti akka mul’atutti, hanga miidhaa isarra ga’ee fi ittigaafatamummaa isa miidhaa geessisee hubachiisuudhaan himannaa dhiyeessuu kan danda’u nama miidhaan irra ga’eedha. Nama miidhaan irra ga’e yoo jedhamu xxxxx seeraatiin kallatiidhaan nama miidhaan irra ga’e ykn sababa namni kun miidhameen al- kallatiidhaan namoota biroo miidhaan argatu ta’uu ni danda’a/seera hariiroo hawaasaa lakk. 2095 fi 2144 ilaalaa/.
Kanaa olitti akka caqafametti bu’uura seera hariiroo hawaasaa lakk. 2142 tiin gaaffiin beenyaa hanga miidhaa qaqqabee qofa otoo hin ta’iin ittigaafatamummaa isa miidhaa qaqqabsiisees hubachiisuuf dirqama qaba. Itti gaafatamummaan hariiroo hawaasaa waliigalteerraa ykn otoo waliigalteen hin jiraatiin walitti dhufeenya jirurraa madduu ni danda’a. Bu’aan lamaan isaanii garuu garaa garadha. Ittigaafatamummaan walitti dhufeenya waliigaltee irraa xxxxx xxxxx waliigalteetiin furmaata kan argatu xxx xx’u, itti gaafatamummaan waliigalteen alaa immoo seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuutiin bitama.
Garaa garummaa seerota kanaa hubachuu dhabuudhaan hojiirratti walitti dhufeenya waliigaltee irratti hundaa’erratti namni miidhaan irra ga’e, miidhaasaatiif seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu irratti hundaa’uudhaan haalli beenyaa itti gaafatu ni mudata. Xxxxxxxxxx seera walii galteetiin ykn seera ittigaafatamummaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuutiin keessummeessuun adeemsarrattis ta’ee bu’aasaatiin garaa garummaa bal’aa qaba.
Hojjetaan tokko hojiirra otoo jiruu miidhaa irra ga’uun yoo du’e, inni du’uusaatiin kan miidhaman maatiin hojjetichaa seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu bu’uura godhachuudhaan himannaa beenyaa miidhaa hojjechiisaa irratti yoo dhiyeessan xxxxx murtii himannich itti dhiyaate himannicha akkamitti qajeelchuu(hogganuu) qaba? Bu’aan isaa hoo maal ta’a?
Leenjifamtootni irratti mar’adhaa.
Abbaan konkolaataa otoo waliigalteen hin jiraatiin namarrattis ta’e qabeenya irratti miidhaa yoo hordofsiise dhimmich kan qajeelfamu seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuutiin(seera hariiroo hawaasaa lakk. 2081 - 2084) tumaalee jiraniinidha. Walitti dhufeenya waliigaltee irratti hundaa’ee, keessumattuu ittigaafatamummaa miidhaa geejiba uummata deddebisuun qaqqabuuf roogummaa kan qaban seera waliigaltee fi seera daldaat. Konkolaattota otoo waliigalteen hin jiraatiin miidhaa geessisaniif abbaan qabeenyaa ykn fayyadamaan badii yoo hin qabaatiinillee miidhichaaf beenyaa walgitu kaffaluu kan qabu xxx xx’u, geejibni waliigaltee irratti hundaa’ee uummata deddebisu miidhaa imalaa ykn meeshasaarratti yoo qaqqabsiise qaamni waliigale miidhicha kan qaqqabsiise badii mataa isaatiin xxx xx’e qofa bu’uura seera daldalaa lakk. 636(1)tiin beenyaa hanga qarshii Itiyoopiyaa kuma afurtamaa kaffaluuf ittigaafatamummaa qaba.
Namni geejiba uummata deddebisu yaabee imalaa jiru tokko sababa konkolatich garagaleef ofiisaa fi meeshaasaa irratti miidhaan yoo qaqqabe himannaa beenyaa seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuutiin abbaa qabeenyaa konkolaatichaa irratti dhiyeessee abbaan qabeenyaa konkolaatichaa immoo himannichi xxxxx xxxxxx dhiyaachuu hin qabu jechuudhaan yoo morme furmaatnisaa maali?
Leenjifamtootni irratti mar’adhaa.
Duraan bulchiinsa naannoo 14tti mana murtii godinaa(zoonii) m/murtii jedhamaa turetti g/s/lakk. 863/84 ta’erratti himattootni mucaan xxxxxx nu sooru konkolaataa waajjira himatamaatiin hojiif deemaa otoo jiruu, konkolaatich garagalee mucaan xxxxxx waan du’eef himatamaan ittigaafatamummaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuutiin beenyaa nuuf kaffaluu qaba jechuun himannaa yoo dhiyeessan waajjirri himatamaan falmii dhiyeesseen mucaa himattootaa fi himatamaa gidduu walitti dhufeeny ture waliigaltee hojii irratti kan
hundaa’e waan ta’eef, gaaffiin himattootaa keessumeefamuu kan qabu bu’uura waliigaltee hojiitiin xxxxx xxxxx ittigaafatamummaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu kan ilaalu waan hin taaneef himannich cufamuu qaba jedheera.
Xxxxx murtii godinichaas mormii himatamaa fudhachuudhaan himannicha kufaa xxx xxxxx himattootni murticha komachuudhaan mana murtii waliigalaatti ol iyyannoo dhiyeeffataniiru. Xxxxx murtii waliigalaas dhimmicha eerga qorateen xxxxx xxxxxx xxxx. 1525/88 irratti ol- iyyannoo himattoota kufaa gochuudhaan murtii mana murtii jalaa cimseera.
Murtii manneen murtii kanatti waliigaltaa? Maaliif?
Bu’uura seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa lakk. 27(1) tiin sababa miidhaa namarratti ykn qabeenya socho’u irratti qaqqabeetiin himannaan beenyaa gaafachuuf dhiyaatu mana murtii naannoo miidhaan itti qaqqabetti argamuttidha. Bu’uura seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa lakk. 24(2) fi seera daldalaa lakk. 647tiin immoo himannaan ittigaafatamummaa miidhaa deddebisaa uummataa ykn geejibaan qaqqabee ilaalchisee kan dhiyaatu,filannoo himataatiin bakka geejibsiisaan dhaabbataadhaan jiraatu ykn hojiin isaa muummeen jiru ykn bakka bu’aan waliigalticha raawwate iddoo jirutti ykn meeshaan fe’ame bakka ga’u(bu’u)tti mana murtii argamuttidha.
Namni konkolaataa uummata deddeebisu yaabee imalaa ture tokko konkolaatich garagaluusaatiin ofiisaa fi meeshaasaarra miidhaan yoo qaqqabe gaaffii beenyaa keessumeessuuf xxxxx murtii aangoo qabu isa kamidha?
Xxxx xxxxx qabame kana wajjin qabxiin ka’uu malu kan biraa miidhaan qaqqabe du’a xxx xx’e, balaa du’aa miidhamaa irra ga’e irraa kan ka’e miidhaa gama ittiin bulinnaa isaanii irra ga’uuf maqaasaaniitiin beenyaa gaafachuu akka danda’an seera hariiroo hawaasaa lakk. 2095 jalatti tumameera.
Miidhich du’a yeroo hordofsiisetti namoota beenyaan isaaniif kaffalamuu malu seerich lakk. 2095 jalatti tarreessee teechisuudhaan namoota tarreeffamaniin alatti namootni biroo du’a kanaan miidhamuusaanii yoo hubachiisanillee beenyaan akka hin malleef seera hariiroo hawaasaa lakk. 2096 jalatti caqafameera.
Xxxxxxx tarreeffamaan kan teechise keessaa “wallaadochu” jechi jedhu abbaa fi haadha qofa kan agarsiisuudha moo akaakayyuu fi akkoo ni dabalata gaaffii jedhu kaasuu danda’a. Tumaa seericha hiikaan amaariffaa xxxxx “wallaadochu” jedhu yoo fayyadamu hiikkoon Ingiliffaa immoo (“ascendants and descendants”) kan xxxxx xxxxxxxxxxxx. Xxxxxxxx Xxxxxxxxxx akaakayyuu fi akkoo kan dabalatu xxx xx’x, jechi amaariffaa kana bakka bu’a moo hin bu’u? xxxxx “wallaadochu” fi “walaajochu” jedhu gidduu garaa garummaan jiru maal? Kan jedhu Gaaffii ta’uun isaa hin oolu.
Dhimma mana murtii tokkotti dhiyaateen akaakayyuu isaa sooruudhaan namni jiraachisu konkolaataadhaan rukutamee sababa du’eef, akaakayyuunisaa miidhaa ittiin bulinnaa dhabuudhaan irra ga’eef himannaa beenyaa miidhaa yemmuu dhiyeessan xxxxx murtii dhimmich itti dhiyaate, yeroo du’xx xxxx ittiin bulinnaatiin miidhaa isaan irra ga’u gaafachuuf seerichaan kan hayyamameef abbaa fi haadhaaf malee akaakayyuuf miti jechuudhaan himannicha cufeera. Murtiin mana murtichaa akkamitti ilaalama?
Seera hariiroo hawaasaa duraan ture caalaa Seera maatii haarawaadhaan gaa’xxxx xxxx hin raawwatiin akka dhirsaa fi niitiitti waliin jiraachuudhaaf eegumsi godhameeraaf. Xxxxx xxxxxx namoota waliin jiraatan keessaa sababa balaa du’aa tokkorra qaqqabuun inni biraa keewwata 2095n xxxxx dhirsa ykn niitii jedhu fayyadamuudhaan beenyaa gaafachuu ni danda’aa? Leenjitootni irratti mar’adhaa.
Keewwata 2095(1) jalatti namootni tarreefaman sababa miidhamaan du’eef keewwata kana jalatti gaaffii beenyaa yemmuu dhiyeessan, himatamaan gamasaatiin namootni kun qabeenya bal’aa isa du’ee dhaaluudhaan fayyadamaa kan xxxxx xx’uu hubachiisuudhaan yoo falme beenyaa kaffaluu jalaa ni ba’aa? Irratti mar’adhaa.
Dhimma mana murtii tokkotti dhiyaateen, namni qabeenya bal’aa qabu konkolaataadhaan rukutamee yemmuu du’u, ijooleen isa du’ee jireenya ga’aa mataa-mataasaanii qaban, abbaan xxxxxx yeroo lubbuun turetti qabeenyasaa ofisaatiin bulchaa ture. Amma sababa inni du’eef qabeenya inni bulchaa ture bulchuudhaaf nama biraa qacarree baasiif waan saaxilamneef baasii xxxxxx xxxx nuuf haa kaffalu jechuudhaan abbaa qabeenyaa konkolaataa miidhicha qaqqabsiisee irratti himannaa dhiyeessaniiru. Himattootni beenyaa argachuu ni danda’uu? Bu’uura seera kamiitiin?
Keewwata 2095(1) jalatti namootni gama ittiin bulinnaatiin beenyaa gaafachuuf mirga qaban, gaaffiin beenyaa isaan dhiyeessan qophaa- qophaatti keessummeeffama moo jiraachuu fi i beenyaa gaafachuun isaa tokkoo warra biroo beenyaa gaafachuu irraa ni daangessa?
1.5. Namni ittigaafatamummaan irratti kufu eenyu?
Otoo waliigalteen hin jiraatiin miidhaa qaqqabuuf namootni seerich ittigaafatamaa taasisu miidhicha beenyaadhaan sirreesuudhaaf ittigaafatamummaa qabu. Raawwirratti namoota seerich miidhaa qaqqabeef ittigaafatamaa taasisu kana adda baasuudhaan ittigaafatamummaa akka baatan gochuun rakkisaa yemmuu ta’u ni mul’ata. Fakkeenyaaf konkolaataan tokko daandiirra deemaa otoo jiruu miidhaa yoo qaqqabsiise, namni miidhaan irra ga’e abbaa qabeenyaa konkolaatichaa moo? Konkolaachisaa moo? Lamaan isaanii walitti qabee himachuu qaba? gaaffiin jedhu yeroo baay’ee ni mudata.
Gaaffii miidhaa akkasiitiif ittigaafatamummaan eenyurratti kufaa jedhu deebisuuf seera bu’uuraa fi seera adeemsaa sirritti ilaaluu gaafata.
Bu’uura seera hariiroo hawaasaa lakk. 2081(1)tiin miidhaa konkolaataan (waantotni motoraan konkolaatan) qaqqabsiisaniif abbaan qabeenyaa ittigaafatamaa akka ta’e caqafameera. Abbaan qabeenyaa konkolaatichaa ittigaafatamummaa jalaa miliquu kan danda’u bu’uura lakk. 2081(2)tiin konkolaatich yeroo miidhaa geessisetti kan jalaa hatame ta’uu ykn bu’uura lakk. 2082tiin konkolaatich yeroo miidhaa qaqqabsiiseetti faayidaa nama biraatiif nama biraa xxxxx xxx ture ta’uu ykn bu’uura lakk. 2086(2)tiin miidhaan kan qaqqabe guutummaatti badii miidhamaatiin ta’uu yoo hubachiise qofaadha.
Faayidaa abbaa qabeenyaaf ykn faayidaa nama biraaf namni konkolaatichaan hojjetu badii yoo raawwate malee konkolaatich miidhaa qaqqabsiisuuf ittigaafatamaa akka hin taane seera hariiroo hawaasaa lakk. 2086(2) jalatti tumameera.
Abbaan qabeenyaa konkolaatichaa dirqisiifamee miidhamaa eerga beenya’een booda badii lakk. 2082(2) jalatti caqafame mirkaneessuudhaan kasaaraa kaffalee ture eegduu konkolaatichaa irraa deebifachuu akka danda’u lakk. 2083/1/ /2/ jalatti caqafameera.
Namni konkolaataadhaan miidhaan irra qaqqabe, beenyaa miidhaa isarra ga’eef abbaa qabeenyaa qofa himatamoo, xxxxx seeraatiin nama faayidaa abbaa qabeenyaaf ykn nama biraaf hojjetu barmaataan konkolaachisaa jedhamee kan yaamamu itti dabalee himachuu qaba? Himataan abbaa qabeenyaa konkolaataa fi konkolaachisaa walitti qabee xxx xxxxxx, xxxxx murtii lamaanuu tokkummaadhaan miidhicha akka beenya’an murteessuu ni danda’aa?
Leenjitootni seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa lakk. 33(3) fi 36 keewwata seera hariiroo hawaasaa olitti caqasaman waliin ilaaluudhaan gaaffiiwwan kana irratti xxx’xxxxx.
Dhimma mana murtii zoonii bulchiinsa naannoo 14 jedhamaa turetti dhiyaate tokko irratti, himataan daandiirra deemaa otoon jiruu, konkolaataan himatamaa lammaffaa konkolaataa himatamaa tokkoffaa duubaan sababa rukuteef konkolaataan himatamaa tokkoffaa daandii keessa ba’uudhaan miidhaa waan narraan ga’eef, beenyaa naaf haa kaffalan jechuudhaan abbootii qabeenyaa konkolaattota lamaanii fi konkolaachiftoota isaanii walitti qabuudhaan xxx xxxxxx, himatamaa tokkoffaan konkolaataan koo miidhicha kan qaqqabsiise sababa konkolaataa himatamaa lammaffaatiinidha jedhee waan falmeef xxxxx murtii dhimmicha qorate galmee lakk. 1359/82 irratti miidhaan kun kan qaqqabe konkolaataan himatamaa lammaffaa konkolaataa himatamaa tokkoffaa booddeen rukutuusaatiin waan ta’eef himatamaa lammaffaa fi konkolaachisaan isaa miidhaa qaqqabeef ittigaafatamtootadha jechuudhaan murteesseera.
Dhimmi kun ol iyyannoodhaan kan dhiyaateef xxxxx murtii waliigalaa g/h/h/lakk. 1941/88 ta’erratti badiin otoo hin jiraatiin miidhaa waliigalteen otoo hin jiraatiin qaqqabuuf himatamaa tokkoffaan rukuttaa konkolaataa himatamaa lammaffaa sababeeffachuudhaan ittigaafatamummaa miidhaa qaqqabee jalaa miliquu kanisa dandeessisu seerri hin jiru jechuudhaan miidhaa qaqqabeef himatamaa tokkoffaa ittigaafatamaa taasiseera.
Murtiilee manneen murtii lamaanii keessaa isa kamiin waliigalta? Maaliif?
Mana murtii waliigalaatiin kan itti murtaa’e himatamaa tokkoffaan maallaqa itti murtaa’e deebisiifachuuf himatamaa lammaffaa irratti himannaa otoo bane dhimmich maal waan ta’u sitti fakkaata? Leenjitootni irratti mar’adhaa.
Xxxxx abbaan qabeenyaa hin beekneen ykn hin eeyyamneen konkolaattota geejibaaf otoo hin ta’iin waan biraaf bobba’an irratti barmaataan konkolaachiftootni imalaa irraa faayidaa argachuu(fudhachuudhaan) fe’anii otoo deemanii konkolaatich garagaluudhaan ykn wayitti rukutamuudhaan miidhaa qaqqabsiisuu danda’x. Xxxxx xxxxxx konkolaataa yaabanii otoo deemaa jiranii konkolaatich garagaluusaatiin namootni miidhaan irra qaqqabe miidhaa isaanirra ga’eef himannaa beenyaa abbaa qabeenyaa konkolaataa irratti dhiyeeffannaan xxxxx murtii waliigalaa galmee lakk. 1854/88 fi 9881 ta’erratti seera hariiroo hawaasaa lakk. 2089 fayyadamuudhaan himannicha xxxxx xxxxxxxx.
Akkas taanaan miidhaa himattootaaf furmaatni maal? Himattootni gorsa seeraa otoo isin gaafatanii maal gootu?
Xxxx xxxxx kana wajjin qabxiin ka’uu malu kan biraa dhimma namoota sadaffaa ilaallatuudha. Ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuun walqabatee falmiin qaama sadaffaa bal’inaan ka’u inshuraansii kan ilaaluudha.
Inshuraansiin miidhaa tokko ilaalchisee sababa aguuggii inshuraansii kennuuf miidhaan jedhame yeroo qaqqabetti dhimmichatti seenuu danda’a. Bu’uuruma kanaan, olitti akka ilaalametti konkolaataan tokko miidhaa yoo geessise, miidhaa geessiseef aguuggii inshuraansii kan qabu xxx xx’e, namni miidhaan irra qaqqabe bu’uura seerichaatiin abbaa qabeenya konkolaataa, xxxxx gamasaatiin miidhaa qaqqabeef ittigaafatamaa kan ta’u xxx xx’e, bu’uura waliigaltee inshuraansii waliin qabuun inshuraansiin falmichatti seenee ittigaafatamummaasaa bakka bu’uudhaan beenyaa akka aguuguuf gaafachuu ni danda’a.
Kanarratti qabatamaatti qabxiin yeroo baay’ee falmisiisaa ta’ee argamu inshuraansiin falmiitti akka seenu ta’e falmicha keessatti ga’een inni qabu maalii? Kan jedhuudha.
Xxxxxxxx tokko tokko inshuraansiin gara falmiitti kan seenuuf walitti dhufeenya seeraan himataa waliin qabuuf otoo hin ta’iin sababa walitti dhufeenya waliigaltee himatamaa wajjiin qabuunidha. Xxx xxx ta’emmoo dhimmi inshuraansii himataa wajjin walfalmisiisu hin jiraatu. Falmii kan qabu xxx xx’es bu’uura waliigalteesaaniitiin himatamaa waliin malee himataa waliin walitti dhufeenya waliigaltees ta’ee waliigalteen alaa waan hin qabneef himataatti falmuuf karaa seeraa hin qabu jedhu.
Warri biroo immoo himatamaan ittigaafatamaa kan ta’u xxx xx’e, dirqamni beenyaa kaffaluu dhumarratti inshuraansii irratti kan kufu waan ta’eef mirgi himataatti falmuu itti dhiphachuu hin qabu. Seera daldalaa irrattis inshuraansiin falmii hariiroo hawaasaa ni hooggana(qajeelcha) dhimmi jedhu kanuma kan ilaaluudha jedhu.
Leenjitootni yaadota lamaanuu sirriitti ilaaluudhaan yaada isa kamtu afuura seerichaa kan hordofe akka ta’e ibsaa.
Falmii mana murtii waliigala feederalaatiif galmee h/hawaasaa lakk. 1113 irratti ol iyyannodhaan dhiyaate tokkorratti himataan mana murtii jalaatti konkolaataa himatamaatiin rukutamee miidhaan waan narra ga’eef himatamaan beenyaa naaf haa kaffalu jedhee xxx xxxxxx, himatamaan gamasaatiin konkolaatich aguuggii inshuraansii waan qabuuf bu’uura waliigaltee aguuggii inshuraansii gidduusaanii jiruun dhaabbatni inshuraansii madin Itiyoopiyaa dhimmicha keessatti hirmaachuudhaan ga’ee isaa akka kaffaluuf waan gaafateef xxxxx murtii jalaas dhaabbata inshuraansii madin Itiyoopiyaa falmicha keessatti akka hirmaatu gochuudhaan konkolaataan himatamaa miidhaa himataa irraan ga’e keessaa waliigaltee aguuggii inshuraansii irratti maallaqa caqafame dhaabbatni madin himatamaa bakka bu’ee himataadhaaf akka kaffalu murteesseera.
Dhaabbatni madin Itiyoopiyaas falmiiwwan himataa fi murtii kenname mormuudhaan komiisaa mana murtii waliigala feedaraalaatti yemmuu dhiyeeffatu, mana murtii jalaatti himataa kan ture deebi-kennaan, ol-iyyataan dhabbatni madin Itiyoopiyaa bu’uura waliigaltee aguuggii inshuraansii himatamaa waliin qabuun kan himatamaan beenyaa’u malu irraa ga’eesaa qooddachuuf makamummaa qaama sadaffatiin gara falmiitti kan seene xxx xx’u himatamaa bakka bu’uudhaan himataatti falmuu hin danda’u. Bu’uura seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa lakk. 43(3)tiin qaamni sadaffaan sababa himatamaa waliin gaaffii mirgaa qabuuf gara falmiitti kan seenu waan ta’eef, himataa wajjiniin walitti dhufeenyas ta’ee falmii omaayyuu waan hin qabaaneef himataatti falmuu hin qabu. Xxxxxxxxx waliin ga’eesaa akka kaffaluuf yoo itti murtaa’es himatamaa otoo hin ta’iin himataatti falmuudhaaf ol iyyannoon eeyyamamuufii waan hin qabneef ol iyyannisaa kufaa ta’uu qaba jechuudhaan falmeera.
Falmiin deebi-kennaa fudhatama qabamoo hin qabu? Leenjitootni Sababa seeraan deeggarame kaa’uudhaan falmii kanaaf yaada murtii kennaa.
BOQONNAA SADII
Miidhaa fi gosoota miidhaa
Kaayyoon kutaa kanaa leenjifamtootni, maalummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu, gosoota miidhaa, hanga miidhaa mirkaneessuu ilaalchisee hubannoo ga’aa akka qabatan gochuudha.
3. Maalummaa miidhaa
Xxxxx xxxxxx ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu yoo ilaallu gosoonni miidhaa tarreeffamuun gamatti midhaa jechuun maal jechuu akka ta’e hiikkaan kaa’ame hin jiru. Haa ta’u malee seerich miidhaa jedhee miidhaawwan teechise yemmuu ilaalaman, miidhaa jechuun hir’ina faayidaa ykn qabeenya namaa irratti qaqqabu ta’uu hubachuun ni danda’ama. Seericha irratti ibsa kan barreessan proofeesar Xxxxxx Xxxxxxxxxxxxxxxx xxxxx, miidhaan kasaaraa faayidaa namaa irratti qaqqabuudha jedhu kennaniiru.
3.1. Gosoota miidhaa
Armaan olitti akkaataa ibsameen miidhaan kasaaraa ykn hir’inaa faayidaa ykn qabeenya namaarratti qaqqabuudha. Faayidaan namaa kunis maallaqaan kan shallagamu ykn hin shallagamne ta’uu ni danda’a. Kasaaraan faayidaa maallaqaan shallagamu irratti qaqqabu, hanga maallaqaatiin beekamuu kan danda’u yemmuu ta’u miidhaa faayidaa maallaqaan hin shallagamne irratti qaqqabu hanga maallaqaatti shallaganii kaa’uun rakkisaadha. Kana waan ta’eef seera hariiroo hawaasaa keessatti miidhaan, miidhaawwan ifa ta’an fi miidhaa haamilee jedhamuudhaan bakka lamatti qoodamee xxx’xxxx.(s/h/h/lakk. 2090 fi 2105). Kutaa itti aanu keessatti akka ilaallutti, seerich miidhaadhaaf beenyaan kaffalamu miidhaa qaqqabe waliin kan walmadaalu ykn walgitu
ta’uu akka qabu waan tumeef, hanga beenyaa murteessuuf gosoota miidhaa addaan baasanii beekuun barbaachisaa waan ta’eef, akka itti aanutti isaan ilaalla.
3.1.1. Miidhaawwan ifa ta’an(material damage)
Qaama miidhaan irra qaqqabe, miidhaawwan isarratti qaqqaban keessaa tokko kallattiidhaan qabeenya ykn faayidaa maallaqa miidhamaa kan ilaalu ta’uu danda’a. Kana jechuunis kallattiidhaan qabeenya isaarratti miidhaan qaqqabeera xxx xx’e, sababa miidhaa kanaatiin qabeenyichi guutummaan guutuutti ykn gartokkeen faayidaadhaan ala xxx xx’e, gatii qabeenyich qabu kan ilaalu yemmuu ta’u, ykn namni tokko miidhaa qaamasarratti qaqqabe hordofee yaalamaaf baasii inni xxxxx ykn sababa miidhaan isarra ga’eef hojii hojjechuu dhabuudhaan galii inni fuula duratti dhabuu danda’us ni dabalata. Miidhaawwan akkanaa seerichaan miidhaawwan ifa ta’an kan jedhamaniidha.
Miidhawwan ifa ta’an, miidhaawwan qaqqaban ykn fuula duratti qaqqabuu danda’an jedhamuudhaan qoodamu.
A. Miidhaawwan qaqqaban(present material damage)
Kana jechuun miidhaan qaqqabuu isaatiin qabatamaatti kasaaraa maallaqaa miidhamaa irratti qaqqabe agarsiisuufidha. Fkn namni miidhaan qaamaa irratti qaqqabe tokko yaalamuuf baasii baasu, akkasumas namni miidhaan qabeenya isaarratti qaqqabe sababa miidhaatiin gatiin qabeenyichaa hir’achuu ykn guutummaa guutuutti gatii xxxxx xx’uu ni danda’a.
Kanaafuu miidhamaan tokko qaama isaarratti miidhaa qaqqabeef qarshii 500(dhibba shan) yaalamuuf baasii xxx xxxxx, qarshiin dhibbi shan miidhaa qaqqabeedha. Akkasumas qabeenya tokko fkn konkolaataa irratti balaan rukutamuu cimaan irra ga’uudhaan, konkolaataan miidhichaan dura gatiin xxxxx qarshii 40,000(kuma afurtama) ture rukutamuun booda gatiin xxxxx qarshii 25,000(kuma digdamiishan) xxx xx’e, abbaa qabeenyaa irra miidhaan qarshii 15,000(kuma kudhashanii) irra ga’eera jechuudha. Dabalataanis namni hojii guyyaatiin jiraachaa jiru tokko qaama isaarratti miidhaan qaqqabee yeroo muraasaaf fkn guyyoota 10 xxxxx xxxxxxxxx xxx xxxxxxx, xxxxxx xxxxxxxx
10 irraa citeera jechuudha. Kanaafuu galiin inni guyyaatti argatu herreegamee, fakkeenyaaf galiin isaa guyyaatti qarshii 15 xxx xx’e xxxxxxxx xxxxxxxxxx qarshii 150 dhabeera jechuudha. Kunis miidhaa qaqqabe jedhama.
B. Miidhaa gara fuul-duratti qaqqabu(future damage)
Sababa miidhaatiin, miidhamaan fuul-duratti xxx xxxxx ykn baasii inni baasu kan ilaaludha. Fakkeenyaaf konkolaachisaan tokko sababa miidhaan isarratti qaqqabeef naafa xxx xx’e, carraa akka duriisaatti hojjetee galii argachuu hin qabu jechuun ni danda’ama. Kanaafuu miidhamuu isaatiin waan dura argachaa ture gara fuul-duratti xxx xxxxx waan ta’eef, miidhaan ifaa fuul-duratti qaqqabu irra ga’eera jedhama. Fakkeenya biraatiin, namni miidhaan irratti qaqqabe tokko, sababa miidhaa kanaatiin fuul-durattis yaalii fulla’aa isa barbaachisa jedhamee ogeessota yaalatiin xxx xxxxxxxxxxxxx gara fuul- duraatti yaalumsaaf baasii baasuun isaa dhugaa hin oolledha. Waan ta’eefis miidhaan ifaa fuul-duratti qaqqabu irra ga’eera jechuudha.
Walumaagalatti, miidhaawwan ifa ta’an(miidhaa qaqqabee fi fuul-dura miidhaa qaqqabu) beenyaa kaffalchiisuu kan danda’an sirrumaan/dhugumaan/ kan argaman xxx xx’e qofaadha.(s/h/h/lakk. 2102(2) fi 2092). Jiraachuun miidhaawwan kanaa ragaadhaan kan mirkanaa’u xxx xx’u, bu’uura s/h/h/lakk. 2041tiin miidhamaan xxxxx xxxxx qabeessa dhiyeessuudhaan miidhaa isarra qaqqabee fi miidhaa fuul-duratti isarra qaqqabu mirkaneessuun irra jira. Himatamaan ifaan miidhaa yoo hin waakkatiinillee akka waan amaneetti lakkaa’xxxx miidhaa ragaan hin dhiyaanneef beenyaan isaaf murtaa’uu waan hin dandeenyeef, himataan ragaa miidhaa fi hanga miidhaa agarsiisu dhiyeessee mirkaneessuu qaba.(s/a/f/h/h/lakk. 83).
Miidhaa qaqqabe ilaalchisee, ragaa jiraachuusaa agarsiisu dhiyeessuun yoo rakkisaa ta’uu baatellee, yeroo tokko tokko ragaa hanga miidhaa qaqqabee agarsiisuu argachuun rakkisaa ta’a. Yeroo akkanaatti miidhamaan ragaa miidhaan jiraachuu agarsiisu yoo dhiyeesse fi hanga miidhaa beekuun rakkisaa xxx xx’e, miidhichaaf tilmaama sammuutiin beenyaa akka murteessu mana murtiif aangoon kennameera(s/h/h/lakk. 2102/1/). Miidhaa gara fuul-duraa immoo namni kamiyyuu waanta gara fuul-duraatii sirrumaan ga’uu danda’u sirriitti beekuu waan hin dandeenyeef, seericharratti gaaleen “miidhaan fuul- duratti qaqqabuu danda’u kan mirkanaa’e yemmuu ta’e” jedhu sirrummaa sirrii(absolute certainity) otoo hin ta’iin sirrummaa sababaawaa(reasonable certainity) kan ilaallatuudha.
3.1.2. Xxxxxxx haamilee(moral damage)
Miidhaan haamilee faayidaa maallaqaa ykn kiisa miidhamaa kan miidhu otoo hin ta’iin, miidhaa miira miidhamaa irratti qaqqabu ilaalcha keessa kan galchuudha. Sababa miidhaa
kanaatiin hubaatii miiraa, gadda, saalfii...kkf tiin miidhamuusaa bu’uureffachuudhaan akkuma gosaa fi sadarkaa miidhama haamileetiin beenyaan isaaf kaffalamuu danda’a.
Fakkeenyaaf miidhaan qaamaa nama tokko irratti qaqqabuusaatiin, gama maallaqaatiin miidhaa irra ga’u, jechuunis miidhaa ifa ta’etti dabalataan qaamnisaa hir’achuudhaan, qaama isaa irratti mallattoo jiraatu(godaannisni) hafuudhaan...kkf tiin miirri isaa miidhamuun kan hin oolledha. Miidhama miiraa kana maallaqaan shallaguuf rakkisaa ykn kan hin danda’xxxx xxx ta’ellee, miidhamasaa qabbaneessuuf ykn salphisuudhaaf bu’uura seericha irratti taa’een beenyaan miidhaa haamilee maallaqaan isaaf kaffalamuu danda’a.
Gaaffilee marii
1. Dhimma mana murtii tokkotti dhiyaaterratti himataan sababa miidhaa qaama himatamaan anarraan ga’een yaalamaa fi miidhicha irraa bayyanachuuf nyaataa fi nama nadhukkubsachiiseef baasiwwanin xxxxx naaf haa kkaffalu jedhee himachuudhaan himatamaan miidhaa isarratti qaqqabsiisuu fi sababa kanaan mana yaalaa deemee yaalamuusaa ragaa agarsiisu dhiyeesseera. Haa ta’u malee yaalamaaf, nyaataa fi dhukkubsachiiftuuf baasii hangam akka baasee ragaa agarsiisu hin dhiyeessine. Xxxxx murtii dhimmich dhiyaateefis himataan sababa miidhaatiin baasii hangam akka baasee ragaa agarsiisu yoo hin dhiyeeffatiinillee ragaa miidhamuu fi yaalamuu isaa agarsiisu waan dhiyeesseef, biyya kanatti namootni baasii baasaniif muuxannoon naga’ee fudhachuu waan hin dagaagneef, namni miidhaasaaf yaalame baasii yaalamaa baasuun akkasumas namni miidhame miidhamasaarraa bayyanachuuf baramaarraa adda kan ta’ee fi nyaata dabalataa fayyadamuudhaan baasii dabalataatiif saaxilamuun isaa waan hin hafneef jedhee sababa kaa’uudhaan tilmaamaan himataadhaaf beenyaa mureera. Leenjitootni murtii mana murtichaatti waliigaltuu? Maaliif?
2. Dhimma mana murtii biraatti dhiyaateen immoo himataan hojii qonnaa irratti bobba’e, sababa harkaa fi miilla koo irratti miidhaa qaama dhaabbataa qaqqabeen amma hojii koo qonnaa hojjechuu waanan hin dandeenyeef, qonnaa koo qotee galiin argaachaa ture amma himatamaan naaf kaffaluu qaba jedhee falmeera.
Dhimma kanarratti miidhaan himataa maaliidha? Beenyaan hoo akkamitti herregamaaf?
3. Namni konkolaataan isaa sababa balleessaa konkolaataa biraatiin rukutamtee duraa miidhamte konkolaataasaa hojjechiisuudhaaf baasii baasutti dabalataan hanga konkolaatittiin hojjetamtutti galii konkolaatittidhaan argatu gaafachuu ni danda’aa? Maaliif?
Namni konkolaataan isaa duraa rukutamte kun konkolaataan isaa hanga hojjetamutti konkolaataa biro kireeffatee hojjechuudhaan baasii biraaf yoo saaxilamee baasiin xxxx xxxxx bu’uuf ni danda’aa? Maaliif?
4 Himannaa beenyaa mana murtii biraatti dhiyaateen abbaan mucaan waggaa 12 rukuttaa konkolaatiitiin duraa du’e hanga yeroo sanaatti baasii ittiin mucicha guddise gaafateera.Leenjifamtootni seera qabeessummaa gaaffii kanaa irratti yaada kennaa.
BOQONNAA AFUR
Sirna beenyaan miidhaa(kasaaraan) itti kaffalamu.
Boqonnaa kana keessatti miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuuf beenyaan akkamiin herreegamee akka kaffalamu ilaalla. Kaayyoon kutaa kanaa agama beenyaa herreeguutiin qabxiilee ilaalcha keessa galfamuu qaban leenjifamtootni xiyyeffannaadhaan akka hubatan taasisuudha.
4. Waa’ee maalummaa beenyaa akka waliigalaatti
Barreeffama kana boqonnaa tokko keessatti caqasuuf akka yaalametti kaayyoon seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu, xxxxx walitti dhufeenya waliigalteetiin ala ta’een xxxxx xxxxxx eegame tokko irratti miidhaan yemmuu qaqqabu, namni miidhaa qaqqabsiise ykn seerich ittigaafatamaa taasisu, miidhicha beenya’uudhaan akka sirreessu taasisuudha.
Seera hariiroo hawaasaa kutaa ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu keessatti gosoota beenyaa fi shallaggii tarreessuudhaan alatti beenyaadhaaf hiikkoon hin teechifamneef.
Haa ta’u xxxxx xxxxx hariiroo hawaasaa lakk. 2090(1) fi 2091 jalatti tumaa teechifame irraa beenyaan, nama miidhaan irratti qaqqabe tokkoof hangi miidhichaa shallagamee faayidaa ykn maallaqa hanga miidhaa kanaa isaaf kennamu ta’uusa hubachuun ni danda’ama. Faayidaan miidhamaadhaaf kennamu xxx xxxxx miidhaasaa bu’ee miidhamasaa akka sirreessuuf jedhameetudha.
Kanaan booda akka ilaallutti gosootni beenyaa garaa-xxxx xxx ta’anillee, gosti beenyaa inni mummichi tooftaa miidhaa waliin maallaqa walgituun beenya’uuti.
4.1. Sirna beenyaan miidhaawwan ifa ta’aniif ittiin kaffalamu.(modes and extent of compensation for material damage).
Miidhaawwan ifa ta’an, miidhaa qaqqabe ykn miidhaa fuul-duratti qaqqabu jechuudhaan qoqqonnee ilaalleera. Sirni beenyaan miidhaawwan ifa ta’an ittiin kaffalamu qajeeltoo bu’uura lama kan hordofuudha.
Inni calqabaa sirna kaffaltii beenyaa walmadaalaa(walgitaa) xxx xx’u, kunis qaamni miidhaadhaan miidhamaa ta’e, miidhichaan dura xxxxx xxxx turetti akka deebi’u taasisuu, bakka miidhaa isarratti qaqqabee beenyaan maallaqaa akka kaffalamuuf gochuu, ykn faayidaa(bu’aa) argachuu danda’u madaaluudhaan gosoota beenyaa kaffalaman jedhamuudhaan teechisuun ni danda’ama.
Qajeeltoon inni lammaffaan, sirna kaffaltii beenyaa wal hin madaalle xxx xx’u, kunis badii miidhamaa ilaalcha keessa galchuudhaan tilmaama sammuutiin kan kaffalamu kan hammatuudha.
4.1.1. Sirna beenyaan walmadaalu(walgitu) ittiin kaffalamu(The Equivalence rule)
Sirna kanaan beenyaan kaffalamu keessumattuu miidhawwan ifa ta’aniif baay’xx xxx fayyaduudha. Tumaa seera hariiroo hawaasaa lakk. 2091 yemmuu ilaallu namni miidhaa qaqqabeef ittigaafatamaa ta’xx xxxxxx miidhamaadhaaf beenyaan inni kaffalu miidhaa miidhamaa irratti qaqqabe waliin qixa ta’ee walmadaalu akka qabu ni agarsiisa. Kanaafuu hangi miidhaa miidhamaa irratti qaqqabee beekamuu qaba.
Hanga miidhaa miidhama irratti qaqqabee karaa(tooftaawwan) itti aananiin qorachuun ni danda’ama.
I. Miidhamaan otoo miidhaan hin qaqqabiin dura bakka(xxxxx) irra turetti deebisuu.(Reinstatement)
Karaa(tooftaa) kanaan miidhamaa beenya’uudhaaf otoo miidhaan hin qaqqabiin dura xxxxx miidhamaan irra ture beekuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf konkolaataa miidhamaa irratti miidhaan kan ga’e xxx xx’e, konkolaataanisaa akka suphamuuf taasisuu, konkolaataanisaa gutummaa guutuutti kan barbadaa’ee(bade)
xxx xx’x, xxxxxxxxxx konkolaataa biraa gosaan tokkoo ta’e akka argatu gochuudhaan beenya’uu xxx xx’u, kunis miidhaa qaqqabe guutummaa guututti balleessuuf gargaara. Yeroo tokko tokko immoo miidhamaan miidhaa isarratti qaqqabe, fakkeenyaaf konkolaataa isaa irratti miidhaa qaqqabe baasii mataa isaatiin yoo suphisiise ykn guutummaa guutuutti barbadaa’eera(badeera) taanaan immoo baasii mataa isaatiin konkolaataa biraatiin bakka buufateera xxx xx’e gareen miidhaasanaaf ittigaafatamaa ta’e baasii miidhamaan xxxxx guutummaatti akka bakka buusuuf murtaa’uu danda’a.
II.Bakka buusaan beenya’uu(Exchange value)
Miidhaa qaqqabeen gatiin qabeenya miidhamaa akka hir’atu yemmuu ta’utti, gartuun miidhaa kanaaf ittigaafatamaa ta’e garaagarummaasaa akka kaffalu gochuudhaan karaa itti beenya’amuudha. Tooftaa kanaan beenyaa kaffalchiisuudhaaf miidhaadhaan dura gatii qabeenyich gabaarratti qabu mirkaneffachuun barbaachisaadha. Xxxxx biraatiin immoo qabeeny sababa miidhaatiin gatiin akka hir’atu ta’e, gatii kiraaqabeenyichaa xxx xx’e, kanuma ilaalcha keessa galchuudhaan beenyaa shallaguun barbaachisaadha. Xxxxx xxx lammaffaatiif fakkeenya gaarii ta’uu kan danda’u, qabiyyee lafaa irratti miidhaa qaqqabuudha. Itiyoopiyaa keessatti lafti kan hin gurguramnee fi hin jijjiramne waan ta’eef, gabaarratti gatiin lafaa hin jiru. Kanaafuu qabiyyee lafaa kireessuun waan danda’amuuf, gatiin kiraa kun beenyaa shallaguudhaaf bu’uura ta’a.
III.Faayidaa argamuu danda’u madaaluudhaan beenya’uu(utility value) Miidhaan miidhamaa irratti qaqqabe mirga bu’aa ykn faayidaa argachuurratti yeroo ta’u, fkn hojii daldalaa keessatti sababa dorgommii daldalaa hin malle(hinbarbaachifne) tiin miidhaa qaqqabe xxx xx’e, bu’aan miidhamaan dhabe madaalamee beenyaan akka kaffalamuuf murteeffama.
Akkaataa beenyaan miidhaa qaamaa fi balaa du’aatiif itti kaffalamu.
Sirna beenyaan walmadaalaan(walgitaan) ittiin kaffalamu ilaalchisee miidhaa qaamaa fi balaa du’aatiif akkaataa beenyaan itti kaffalamu ilaaluun, kallatii haalota qabatamootiin barbaachisaa waan ta’uuf akka itti aanutti dhiyaateera.
1. Akkataa beenyaan miidhaa qaamaa itti kaffalamu.
Miidhaa qaama namaa irratti qaqqabuuf beenyaa walgitu shallaguun baay’ee rakkisaadha. Qaamni xxxx namaa gabaa irratti gatiidhaan kan shallagamu waan hin taaneef miidhaa qaama nama tokkoo irratti qaqqabu maallaqaan herreguudhaan teechisuun rakkisaa ykn kan hin danda’amne ta’a. Haa ta’u malee kutaa ykn kutaalee qaama nama tokkoo irratti miidhaan yemmuu qaqqabetti, beenyaa isaaf kaffalamuu danda’u murteessuudhaaf, galii argachuu miidhamaatiif faayidaa kutaan qaamaa miidhamesun qabu ilaalalcha keessa galchuudhaan sababa miidhaa qaama isaa irratti qaqqabeen xxx xxxxx ykn galii(faayidaa) gara fuul-duraa dhabuu danda’u herreeguudhaan, gartuun miidhaa kanaaf ittigaafatamaa ta’e, miidhamaadhaaf beenyaa akka kaffalu murteessuun ni danda’ama.
Nama qaamnisaa miidhameef beenyaa murteessuuf qabxiileen tilmaama keessa galuu qaban, kanatti kan aananiidha.
- Xxxx fi sadarkaa miidhaa(guutummaa fi dhaabbataa, gartokkee fi dhaabbataa, miidhaa qaamaa yeroof qaqqabu(dhaabbataa hin taane) ta’uusaa.
- Walitti dhufeenya kutaan qaamaa miidhame dandeetti hojjechuu fi hojii miidhamaa waliin qabu.
- Otoo miidhaan irratti hin qaqqabiin hojii miidhamaan hojjechaa ykn irratti bobba’ee ture( hojjetaa mindeeffamee hojjetu,hojii mataa isaa hojjechuun kan jiraatu, kan hin hojjenne ykn hojii kan hin qabne ta’uusaa).
- Kutaa qaama miidhame(harka, ija miila)
- Umurii miidhamaa kan ammaa fi kan gara fuul-duraa fa’adha.
Qabxiilee kana bu’uura godhachuudhaaan beenyaan yemmuu murtaa’uu, miidhaa qaamaa walfakkaataa mataasaatiif hangi beenyaa garaagaraa haalli itti murtaa’u ni jiraata. Ta’us yemmuu beenyaan miidhaa qaamaa akkanaatiif shallagamu qajeeltoowwaan waliigalaa walmadaalummaa beenyaaa hojiirra oolchuuf yaaliin godhamuu qaba.
1. Miidhaa qaama hojjetaa qacaramaa.
Qaama hojjetaa mindeeffamee hojjetu tokkoo irratti miidhaan yoo qaqqabe sababa miidhaa kanaatiin faayidaan inni xxxxx jiraachuu ni
danda’a. Miidhaan kan isarra qaqqabe hojii itti qacaramee hojjetu waliin kan walqabatu yeroo ta’u, jechuunis miidhaa sababa hojiisaatiin qaqqabe xxx xx’e, waa’een akkaataa beenyaan kaffalamuu qixa seera hojjetaa fi hojjechiisaatiin kan ilaalamu ta’a. Haa ta’u malee miidhaan isarratti qaqqabe bifa hojiisaa waliin wal hin qabanneen xxx xx’e, bu’uura seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu ilaallatuun kan uwwifamu ta’a.
Miidhaan qaamaa hojjetaa mindeeffamaa irratti qaqqabe miidhaa yeroo gabaabaa xxx xx’e, sababa miidhaa kanaatiin yeroo murtaa’eef hojii waan hin hojjenneef galiin inni xxxxx shallaggii beenyaa miidhaatiif bu’uura ta’uudhaan kunumti akka kaffalamuuf murtaa’a. Miidhaan qaamaa hojjetaa qacaramaa irratti qaqqabe dhaabbataa xxx xx’ee fi miidhaa xxxxxx xxxxxxx hojjechaa kan ture hanga dhumaatti hojjechuu kan hin dandeenye ta’uun yoo mirkanaa’e garuu miidhaan gara fuul-duraatti qaqqabu shallagamee beenyaan miidhaa akka isaaf kaffalamuu ni murtaa’aaf. Yeroo miidhaan qaamaa dhaabbataan qaqqabetti beenyaa miidhaa gara fuul-duraaa murteessuudhaaf karaawwaan (tooftaawwan) armaan gadii hordofuun barbachisaadha.
A. Hanga miidhaa qaqqabee ilaalcha keessa galchuu:
Miidhaan qaama hojjetaa irratti qaqqabe dandeetti hojjechuusaa guutummaa guututti ykn gartokkeen dhabsiisuu danda’a. Kana jechuunis kutaan qaamaa miidhaan irratti qaqqabe xxxx hojii hojjetich hojjechaa tureef faayidaa murteessaa ta’uun isaa dagatamuu hin qabu. Fakkeenyaaf miidhaan quba harkaa irratti qaqqabe faayidaan abukaatoo(ogeessa seeraa) tokkoof qabuu fi barreessituu tokkoof qabu garaagarummaa guddaa kan qabuudha. Barreessituudhaaf akka miidhaa guutuutti kan fudhatamu xxx xx’u, ogeessa seeraatiif garuu akka miidhaa gartokkee qofatti fudhatamuu ni danda’a. Ogeessotni yaalaa miidhaa qaama xxxx namaa irratti qaqqabe ilaalchisee ga’ee(qooda) kutaan qaamaa miidhaan irratti qaqqabe qaamasaa waliigalaa keessatti qabu harka dhibbaa keessaa(parsentiidhaan)
shallaguudhaan ragaa ogummaa kennu. Fakkeenyaaf: miidhaan quba harkaa tokko irratti qaqqabe(xxx cite) qaama waliigalaa keessaa kudhan dhibbaffa(10%) kan jedhu ta’uu danda’a. Ta’us ragaan ogeessa yaalaa kun qixa ogummaa(hojii) miidhamaatiin miidhaa hordofsiisu ykn dandeetti hojjechuu kan ibsu miti. Xxxxxxxxx olitti ibsame irratti miidhaan cituu quba harka barreessituu irratti qaqqabe dandeetti barreesitummaadhaan gara fuul-duraatti hojjechuu barreessituu kana dhibbaa-dhibbatti kan hir’iseedha jedhamuu ni danda’a.
B. Yeroo miidhaan qaqqabetti galii ykn mindaa hojjetichaa. Miidhaan qaama hojjetichaa irratti qaqqabe yeroo murtaa’eef hojiirraa kan isa kutus xxx xx’e ykn guutummaa guutuutti (gara fuul-duraa) hojiisaa hojjechuurraa kan isa kutu xxx xx’e miidhicha shallaguudhaaf yeroo miidhaan qaqqabetti galiin(mindaan) inni argaachaa ture beenyaa miidhaa shallaguudhaaf bu’uura ta’a.
C. Umurii hojjetich hojii irra turu.
Miidhaa gara fuul-duraatti qaqqabu shallaguudhaaf yeroo miidhaan qaqqabetti umurii miidhamaan xxxx xxxx bu’uura godhachuudhaan gara fuul-duraa umurii inni hojii irra turu (hafu) tilmaama keessa galchuun barbaachisaadha.
2. Nama hojii mataasaa hojjechuudhaan jiraatu(self-employed) Qacaramee otoo hin ta’iin hojii kan mataasaa ta’e hojjechuudhaan nama jiraatu irratti miidhaan qaamaa yemmuu qaqqabu beenyaa miidhaa shallaguun kan hojjetaa qacaramaa caala ulfaachuu ni danda’a. Kanaafuu galii waggaatti namich argatu gibira inni mootummaadhaaf kaffalu irraa ykn xxxxx biraatiin qulqulleessuudhaan, galii isaa kan waaggaa bu’uura godhachuudhaan akkuma xxxx miidhaasaatti beenyaa shallaguun barbaachisaadha.
3. Miidhaa qaama nama hojii hojjechaa hin turre irratti qaqqabe.
Namni tokko sababa adda addaatiin hojjechuu dhiisuu danda’a; hojjechuu waan hin barbaanneef, hojii isa gitu dhabuudhaan ykn xxxxxx xxxxxx qofa hojii irra turuu fi sababni biraas caqafamuu danda’a. Miidhaa qaama nama akkasii irratti qaqqabuun galii inni xxxxx ykn galii inni gara fuul- duraatti xxxxx shallaguudhaaf bu’uura kan ta’u waanta qabatamaa argachuun rakkisaadha. Kanaafuu bu’uura seera hariiroo hawaasaa lakk. 2102 tiin tilmaama sammuu bu’uura godhachuudhaan abbootiin murtii beenyaa miidhaa sababaawaa ta’e miidhamaadhaaf akka kaffalamu murteessuu ni danda’u.
II, Balaa du’aa(mortal accidents)
Namni tokko sababa balaa irra ga’eetiin lubbuu isaa dhabuu ni danda’a. Nama tokko irratti balaan du’aa yemmuu qaqqabu, beenyaan kan kaffalamu eenyuufidha? Beenyaan xxxx xxxxxxxxx shallagama qabxiilee jedhan kaasuudhaan ni ilaalla.
- Balaa du’aatiin beenyaan kan kaffalamuuf seera hariiroo hawaasaa lakk. 2095 jalatti akka mul’atutti, balaa du’aatiif beenyaan akka kaffalamuuf gaafachuuf xxxxx xxx qaban, abbaa manaa ykn haadha manaa du’aa, warraa fi ijoolle isaati. Beenyaa kan gaafatan maqaasaaniitiin xxx xx’x, kunis gama ittiin bulinnaatiin miidhaa isaan irratti qaqqabuufidha.
- Gareen balaa du’aatiif ittigaafatamaa ta’e, beenyaan kaffalu bifaa fi xxxx sooramaatiin, nyaataaf ykn ittiinbulinnaadhaaf kan kaffalamu akka ta’e keewwaticharraa ni mul’ata.
- Namootni balaa du’aatiif beenyaa gaafachuuf mirgi kennameef fira biraa qallaba akka kennuuf gaafachuu danda’an yoo qabaatanillee, sababa balaa du’aatiin beenyaa argachuun isaaniif malu argachuudhaaf mirga akka qaban ni hubatama.
- Seera hariiroo hawaasaa lakk. 2095(2) irratti akka mul’atutti, beenyaan balaa du’aa, akkaataa bifaa fi xxxx sooramaatiin ittiinbulinnaadhaaf kan kaffalamu ta’uu akka qabu tumameera. Kanaafuu sababa balaa du’aatiin beenyaa kaffalamu murteessuudhaaf, xxxxx murtii, sirna qallabni ittiin murtaa’u seera
hariiroo hawaasaa, keessumattuu seera maatii ykn seera maatii feedaraalaa kan fooyya’e irratti argamu hubachuun irraa eegama.
- Bu’uuruma kanaan seera hariiroo hawaasaa lakk.812 ykn seera maatii feedaralaa kan fooyya’e lakk. 201 irratti akka kaa’ametti, gareen qallabni akka kennamuuf gaafatu hojjetee nyaachuuf ykn galii barbaachisaa ta’e argachuuf dandeetti kan hin qabnee fi rakkoorratti kan kufee xxx xx’e qofadha. Kana waan ta’eef gareen sababa balaa du’aatiin beenyaan akka kennamuuf gaafachuuf mirga qabu, kana agarsiisuudhaaf ykn hubachiisuudhaaf dirqamni irra jira.
- Akkasumas bu’uura seera hariiroo hawaasaa lakk. 813 ykn seera maatii feedaraalaa fooyya’e keewwata 202 tiin xxxxx xxx qallaba fudhatuu qofa otoo hin ta’iin dandeetti isa qallaba kennuus madaaluun akka barbaachisu seerota kana irratti kaa’ameera. Kanaafuu beenyaa balaa du’aatiif murteessuu irrattis kanuma hordofuun barbaachisaadha.
⮚ Akka bu’uuraatti sirni qallabni itti kaffalamu yeroo tokkotti maallaqa murtaa’e(lump sum) kaffaluudhaan otoo hin ta’iin yeroo-yerootti(periodic) akka ta’e seera hariiroo hawaasaa irrattis ta’e seera maatii feedaraalaa fooyya’e irratti kaa’ameera. Kanaafuu hanga kaffalamu dabaluu, hir’isuu,ykn akka addaan citu murteessuun akka danda’amu seera maatii irratti kaa’ameera.
⮚ Qabxiin bu’uuraa kan biraa irra darbamuu hin qabne seera hariiroo hawaasaa lakk. 2096 irratti kan tumameedha. Sababa balaa du’aatiin beenyaa gaafachuuf xxxxx xxx qaban xxxx keewwata 2095 jalatti caqafaman qofadha. Yoodhuma inni du’e xxxxx xxxxxxxxx ture ykn jiraachisaa ture ta’ellee namootni biroo beenyaa gaafachuudhaaf mirga akka hin qabne ifatti tumameera. Kanaafuu bu’uura seera Itiyoopiyaatiin namootni sababa balaa du’aatiin beenyaa gaafachuudhaaf mirgi kennameef s/h/h/ lakk. 2095 irratti warra caqafaman qofaadha.
Walumaagalatti sababa balaa du’aatiin beenyaan kaffalamu sirna beenyaan balaawwan ykn miidhaawwan birootiif ittiin kaffalamu irraa adda waan ta’eef, tumaalee seeraa ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin
jiratiin qaqqabu ilaallatan qofa ilaaluudhaan raawwachiisuun waan hin danda’amneef, seerotaa roogummaa(firooma) qaban ofeegannoodhaan ilaaluu fi hubachuu gaafata.
4.1.2. Sirna beenyaan wal hin ginnee(non-equivalence) ittii kaffalamu.
Sirni beenyaan(kasaaraan) ittiin kaffalamu kun seericha lakk. 2091 jalatti kan tumame jechuunis qajeeltoo waliigalaa “...miidhaa miidhamaa irra ga’e waliin qixxee ta’ee madaalamuu qaba” jedhu irraa haalota adda(exception) ta’a kan hammatu sirna kaffaltii beenyaati.
Sirna kaffaltii beenyaa wal hinmadaalle kutaa gurguddaa lamatti ramaduun ni danda’ama. Kunis balleessaa miidhamaa(s/h/h/lakk. 2098) fi tilmaama sammuu(Equity) dha.
I, Balleessaa miidhamaa
Balleessaan miidhamaa ykn balleessaan nama beenyaa gaafatuu hangi beenyaa murtaa’uu akka hir’atuuf sababa ta’uu danda’a.kana jechuunis miidhaa isarratti qaqqabeef miidhamaan ga’ee mataasaa kan qabu xxx xx’e, beenyaan isaaf kaffalamuu danda’u miidhaa isarratti qaqqabe wajjiniin kan walgitu otoo hin ta’iin kan hir’atu ta’a.
Tumaa seera h/h lakk. 2098 yemmuu ilaallu miidhaa miidhamaa irratti qaqqabeef gartokkeedhaan badiin miidhamaa mataanisaa ga’xx xxx qabu ta’uun kan mirkanaa’e xxx xx’e, beenyaan miidhamaadhaaf kaffalamus gartokkee akka ta’u keewwata xiqqaa tokko jalatti kaa’ameera. Kanaafuu beenyaa gartokkee murteessuudhaaf haalota naannoo bu’uura godhachuun, keessumattu hanga ga’ee miidhamaa(hanga badiisaa) madaaluudhaan namni miidhicha qaqqabsiiseera jedhame hanga beenyaa xxxxx baramaa keessatti kaffaluu irraa hir’isuudhaan murtaa’uu akka qabu seerri h/h/ lakk.2098(2) ni agarsiisa.
II, Xxxxx addaa tilmaama sammuu bu’uura godhachuudhaan beenyaan itti murtaa’u.
Tilmaama sammuutiin murtii kennuu jechuun haalota seera irratti kaa’aman akkaan hordofuun otoo hin barbaachisiin, haalota beekamoo biroo ilaalcha keessa galchuudhaan, loogii malee, bifa madaallii eegeen murtii kennamu
xxxxxx xxx xx’x, xxxxxxx haqa seera hin hordofne(justice without law) jedhuun sirna ibsamuudha jechuun ni danda’ama.
Bu’uura seera Itiyoopiyaatiin tilmaama sammuu bu’uura godhachuudhaan miidhaa qaqqabe tokkoof beenyaa(kasaaraa) murteessuun kan danda’amu haalotni seericha keessatti kaa’aman yennaa mudataniidha. Kanaafuu abbootiin murtii haalota seerich teechise bu’uura godhachuudhaan. Miidhaa qaqqabeef gareen ittigaafatamaa ta’e beenyaa hanga miidhaa qaqqabeetiin gadi ta’e akka kaffalu murteessuu ni danda’u. Tilmaama sammuu bu’uura godhachuudhaan xxxxx beenyaan itti murtaa’uu kanatti aansuudhaan ni ilaalla.
A. Gochi xxxxx xx’uu beekuu dhabuudhaan miidhaa qaqqabe: (keew. 2099)
Seera h/h lakk. 2099 irratti akka kaa’ameti namni badii hojii(gochaa) isaa tilmaamuu hin dandeenye gocha ittigaafatamummaa hordofsiisu raawwatee kan argame xxx xx’e, hanga beenyaa inni kaffaluu qabu abbootiin murtii tilmaama sammuutiin murteessuu akka danda’an tumameera. Haalli kun mudachuu kan danda’u yeroo gochaan mucaan daa’imni ykn mucaan ga’ilaaf hin geenye raawwatu ykn gochaan namni sammuun hir’na qabu raawwatu ittigaafatamummaa fidu abbootiin murtii hanga beenyaa miidhamaadhaaf kaffalamuu miidhaa qaqqaberra xinneessuudhaan murteessuu ni danda’x.
Xxxxx olitti ilaalleen abbootiin murtii tilmaama sammuu bu’uura godhachuudhaan yeroo murteessan bal’ina yaada miidhamaa fi xxxxx ittigaafatamummaadhaan gaafatamuu madaaluu akkasumas gareen ittigaafatamummaadhaan gaafatamu beenyaa kaffaluu isaatiin miidhaan isarra ga’uu danda’u madaalamuu akka qabu seerri h/h/ lakk. 2099(2) ni agarsiisa.
Fakkeenyaaf:- gareen miidhaan irratti qaqqabe daldalaa beekamaa fi qabeenya baay’xx xxx qabu xxx xx’e; karaa biraatiin immoo gareen dirqama beenyaa kaffaluu xxxx xxxx hojii guyyaatiin kan bulu(jiraatu) fi galii xiqqaa kan qabu, bulchaa maatii hedduu xxx xx’e, ykn faallaa fakkeenyichaa yoo keenyee, hangi beenyaa tilmaama sammuu bu’uureffachuudhaan murtaa’u haalota lamaanuu keessatti garaa gara akka ta’an ni xxxxxxx.
X. Xxxxx sababa ajaja qaama ol’aanutiin raawwatamu. Lakk. 2100
Hojjetaan gadii ajaja seeraan alaa hoogganaa isaa ol jiruun kenname yoo raawwate, hojjetaan gadii gocha seeraan alaa raawwateef ittigaafatamaa ta’a. Haa ta’u malee
hojjetaan gadii miira naamusa ykn ajajamuu barbaachisaa ta’een ajaja seeraan alaa hogganaan xxxx xxxxx sababa raawwateen nama biraa irratti miidhaa qaqqabsiiseef beenyaan kaffalamu isaaf hir’ifamuu ni danda’a. Hojjetaan gadii sababa ajaja hoogganaa isaatiin badii raawwateef beenyaa miidhamaadhaaf kaffalamu hir’isuudhaaf abbootiin murtii, barbaachisummaa ajajamuu xiqqachuu fi baay’achuu isaa madaaluun akka xxxx xxxx seera h/h lakk.2100 irratti tumameera.
Sababa ajaja qaama olaanuutiin xxxxx xxxxx hojjetaa gadiitiin raawwatamu ilaalchisee, qajeeltoowwan bu’uuraa waa’ee ajaja qaama olaanaa seera h/h lakk.2036 jalatti tumaman hubachuun barbaachisaadha. Seera h/h lakk. 2036 irratti hoogganaa olaanaa fi hojjetaa gadii gidduu walitti dhufeenya qaama mootummaa(public relationship) jechuunis waajjiraalee bulchiinsaa ykn dhaabbilee loltummaa keessa kan jirru walitti dhufeenya irraa-jalaa kan ilaallatuudha. Hojjetaan gadii ajaja hoogganaa isaa seeraan ala akka ta’e isaaf xxxxx xxxx jiruu, keessumattuu hoogganaan olaanaan ajajicha kenne ajajicha kennuudhaaf aangoo ykn dandeetti kan hin qabnee fi ajajichis gocha yakkaa, seeraan alaa ta’uu xxxx xxxx beekuu, hojjetaan gadii ajaja kana raawwate balleessaa akka ta’e seericha irratti tumameera.
Ta’us garuu hojjetaan gadii gocha hogganaan isaa akka inni raawwatuuf isa ajaje seeraan ala akka ta’xx xxx beekes sababa naamusa bulchiinsaa(mootummaa) ykn loltummaatiin waa’ee ajaja kennamee hoogganaa isaa wajjiniin mar’achuuf ykn falmuuf kan hin dandeenye xxx xx’e ykn hojjetaan gadii kan ajajameen alatti waan biraa gochuuf xxxxx hin dandeenye keessa waan jiruuf ajaja seeraan alaa hoogganaasaa olaanaa kan raawwate xxx xx’e balleessaa hin jedhamu. Fakkeenyaaf: hojjetaan gadii gocha seeraan alaa akka raawwatuuf yeroo ajajamu meeshaa waraanaatiin dirqisiifamee(at gun point) xxx xx’e ykn kan ajajamee yoo hin raawwatiin hojii isaa irraa akka ar’amu ajajni cimaan kan itti kenname xxx xx’x, bu’uura seera h/h lakk. 2036 tiin hojjetaan gadii kun gochaa raawwatameef balleessaa ta’uu akka hin qabne hubachuun ni danda’ama.
Kanaafuu, bu’uura seera h/h lakk. 2100tiin hojjetaan gadii ajaja seeraan alaa hoogganaasaa olaanaa hordofuudhaan badii raawwatee yoo argame, beenyaa hojjetaan gadii miidhamaadhaaf kaffalu hir’isuudhaaf haalota isa ajaja kennuu fi isa fudhatu gidduu turan fi yaada hojjetaa gadii(motives) sirriitti hubachuun ni barbaachisa.
C. Miidhaa ni qaqqaba jedhamee hin yaadamne(keewwata 2101)
Akka bu’uuraatti beenyaan miidhaa qaqqabe tokkoof kaffalamuu qabu, miidhichaan kan walmadaalu(walgitu) ta’uu akka qabu ifadha. Ta’us garuu haalota tokko tokko irratti waanti addaa mudachuu ni danda’a. Fakkeenyaaf: miidhaa qaqqabe tokkoof xxxxx baramaadhaan beenyaa qarshii 1000(kuma tokko) kan kaffalchiisu xxx xx’e, sababa xxxxx tasaa hin yaadamneetiin dhugaatti miidhaan qaqqabe qar. 10,000(kuma kudhan) ta’xx xxx xxxxxx, abbootiin murtii tilmaama sammuu bu’uura godhachuudhaan beenyaa miidhamaadhaaf kaffalamu hir’isuu akka danda’an seera h/h lakk. 2101(1) irratti tumameera. Haala kana fakkeenyaan deeggaruun waanticha caalatti ifa waan taasisuuf fakkeenya kanatti aanu haa ilaallu:
❖ Fakkeenyaaf konkolaachisaan tokko konkolaataa dhaabuuf bakka hayyamametti, sirnaan dhaabee motorasaa eerga dhaamseen booda ulaa konkolaataa banatee ba’uuf yoo jedhu, karaa cinaa isaatiin nama lafoo dhufaa jiru waan hin argineef(hubanneef), yeroo ulaa banu namni lafoo deemaa jiru kun ulaa konkolaataa bira ga’ee waan tureef, ulaan konkolaataa yemmuu banamu safartuu yeroo(“sa’aatiin” harkaa) namtich harkasaatti hidhatee jiru rukutuudhaan caccabsee faayidaan ala xxx xx’e, haa jennuutii, gatiin sa’aatii harkaa naannoo sanatti xx’xxxxx xxx jedhame qar. 500(dhibba shan) xxx xx’e, sa’aatii caccabeef beenyaan miidhamaadhaaf kaffalamuu qabu hanga qar. 500 ga’uu akka danda’u tilmaamuun ni danda’ama. Haa ta’u xxxxx xx’aatiin caccabe kun biyya alaatii miidhamaadhaaf kan ergamee fi ajaja addaatiin kan hojjetame gatiin isaas hanga qarshii 5,000(kuma shan) tti kan tilmaamamudha.
Xxxxx xxxxxx beenyaan miidhamaadhaaf kaffalamu hanga miidhaa isarratti qaqqabee ta’uu xxxx xxx jedhame murtii haqummaan hir’atu ta’uu danda’a. Waan kana ta’eef xxxxx xxx dirqamni beenyaa kaffaluu irra jiruu fi miidhamaa ilaalcha keessa galchuudhaan tilmaama sammuu bu’uura godhachuudhaan beenyaa miidhamaadhaaf kaffalamuu malu hir’isuun barbaachisaa ta’a.
Bu’uura seera h/h lakk. 2101 tiin tilmaama sammuutiin hanga beenyaa hir’isuun xxxxx xxxxx ta’e jedhamee raawwatameef raawwatinsa kan hin qabne akka ta’e seera h/h lakk. 2101(2) ni agarsiisa.
D. Waa’ee rakkisummaa tilmaamaa(keewwata 2120)
Miidhaan qaqqabuun kan mirkanaa’e xxx xx’e, miidhamaadhaaf beenyaan walmadaalu(walgitu) akka kaffalamuuf murteessuun kan walfalmisiisu hin ta’u. Haa ta’u malee, miidhaan miidhamaa irratti qaqqabe kan mirkanaa’e ta’ee haalota tokko tokkoon, hanga miidhaa shallaguuf garuu haalli baay’ee rakkisaa ta’e ykn hin danda’amne ni mudata. Haalli akkasii kun yemmuu mudatu abbootiin murtii xxxxx waantota baramoo fi ofeegannoo miidhamaan taasise, madaaluun hanga miidhaa tilmaamuudhaan bu’uura tilmaama sammuutiin beenyaa murteessuu akka qaban seera h/h lakk. 2102(1) jalatti tumameera. Dhimmicha fakkeenyaan yaa ilaallu:
Fakkeenyaa: Namni Abdallaa jedhamu hojii qonnaatiin kan bulu xxx xx’u, hojiisaa humna isaatiin hojjechuudhaan waggaatti midhaan xxxx xxxx addaa hanga kuntaala 20 oomishuudhaan nyaata maatiif kan ta’u hambisee kan irraa hafu gabaatti baasee gurguruudhaan galii hanga qarshii 7,000(kuma torbaa) akka argatu ni beekama. Abdallaan qonnaan xxxxx xxxxx xxxxxx jireenyasaa gaggeessudha. Akkasumas sagantaa babal’isa(eksiteenshiinii) oomisha midhaanii mootummaan diriirse keessatti hammatamuudhaaf qophii xxxx xxxx jiruu, jiraataa naannoo isaa kan ta’e nama Xxxx xxxxxxx wajjin waldhabdee uumameen, Xxxx uleedhaan Xxxxxxxx xxxxxxxxxx(reebuudhaan) miidhaa qaamaa kan irraan ga’e xxx xx’x, sagantaa babal’isa(eksiteenshiinii)tti hirmaachuuf qophiin inni godhe sababa miidhaa isarratti qaqqabeen otoo hin milkaa’iin hafeera. Akkasumas Abdallaan miidhaa isarratti qaqqabe yaalamee dhukkuba isaa irraa fooyya’uudhaan gara hojii isaatti xxx xxxxx’xxxxx, xxxxxx xxxxxx hojii qonnaasaa akka durii isaatti hojjechuu waan hin dandeenyeef hojjetaa guyyaa qacaruudhaan hojjechiisa.
Kanaafuu Abdallaan, karoora sagantaa babal’isaatiin(eksiteenshiiniitiin) hammatamuudhaan oomishaa fi galiisaa guddifachuuf qabate otoo hin milkaa’iin hafuun kan mirkanaa’e xxx xx’xxxxx, carraan sagantaa kanaan hammatamuu addaan cituusaatiin qabatamaatti galiin dhabe hangam akka ta’e beekuun hin danda’amu. Akkasumas yeroo akka duriisaatti hojii isaa hojjechuu hin dandeenyetti hojjetaa guyyaa qacaruudhaan hojjechisuun isaa kan mirkanaa’e xxx xx’xxxxx, waggaatti ykn ji’atti yeroo meeqaaf hojjetaa guyyaa qacaree hojjechiisuu akka danda’u qabatamaatti dubbachuun hin danda’amu. Kanaafuu baasii dabalataa hojiisaa hojjechuuf baasu qabatamaatti beekuun hin danda’amu.
Haalli akkanaa yeroo mudatu beenyaa sirrii shallaguun rakkisaa ykn kan hin danda’amne ta’a. Kanaafuu haalota naannoo irraa ka’uudhaan, Abdallaan oomishaa fi galii duraan argachaa tureen walbira qabuudhaan yeroo tokko tokko gabaadhaan alatti otoo eksiteenishiiniidhaan hammatamee galii dabalataa inni argachuu danda’u tilmaamuudhaan hanga beenyaa tilmaama sammuutiin murteessuun barbaachisaa ta’a. Hojjetaa guyyaatiif baasii dabalataan baasus ji’a tokko keessatti guyyaa sadiif ykn shaniif hojjetaa guyyaa qacaruu ni danda’a tilmaama jedhuurraa ka’uudhaan, xxxxx baramaa naannoo hojjetaa guyyaaf kaffalamu bu’uura godhachuudhaan bu’uura tilmaama sammuutiin hanga beenyaa shallaguun barbaachisaa ta’a.
Bu’uura seera h/h lakk. 2102tiin tilmaama sammuutiin beenyaa murteessuun dhimma filannoo otoo hin ta’iin dirqama(mandatory) ta’uusaa seericha irraa ni hubanna. Tumaa kana irraa kan hubannu kan biraan, akka tumaalee biro hanga beenyaa hir’isanii murteessuu otoo hin ta’iin, beenyaa mirkanaa’aa shallaguun xxxxx hin dabda’amne keessatti kan fudhatamu karaa filannoo beenyaan ittiin murtaa’u ta’uusaa hubachuun barbaachisaadha.
X. Xxxxx Barbaachisaa(necessity) (lakk. 2103)
Namni tokko qabeenya nama biraa irratti miidhaa kan geessise badii gochuun otoo hin ta’iin, ofiisaa oolchuuf ykn nama biraa miidhaarraa ykn balaa tasaarraa oolchuuf xxxxx miidhaa qaqqabsiise xxx xx’e, beenyaan miidhamaa sababa kanaan miidhaan qabeenya isaarratti qaqqabeef kaffalamu miidhaa isaa waliin madaalamee otoo hin ta’iin tilmaama sammuutiin ta’uu akka malu seerri h/h lakk. 2103 ni xxxx. Kanaafuu akka tumaa kanaatti tilmaama sammuu bu’uura godhachuudhaan murteessuun abbootii murtiif filannoo kenname otoo hinta’iin dirqama(mandatory) dha. Waan ta’eefis beenyaan hanga miidhaa miidhamaa irratti qaqqabee gad ta’e kan murtaa’u ta’a.
F. Ittigaafatamummaa hojjetaa qacaramaa
Haalotni seera hariiroo hawaasaa lakk. 2157 – 2159 jalatti kaa’aman, hojjetaan mootummaa, hojjetaan dhaabbata dhuunfaa ykn hojjetaan bakka biraatti qacarame, yeroo hojiisaa hojjetu badii yoo raawwatee fi nama biraa irratti miidhaa qaqqabsiise xxx xx’e, beenyaa hojjetich miidhamaadhaaf kaffalu guutummaatti ykn gartokkee dhaabbatni ykn namni qacare akka kaffalu abbootiin murtii murteessuu akka danda’an seera h/h lakk. 2157(1) irratti kaa’ameera.
Kanaafuu hojjetaan qacaramaan tokko yeroo hojiisaa hojjetutti nama biraa irratti miidhaa kan qaqqabsiise xxx xx’e, sadarkaa cimina badii hojjetichaa fi hojjetich badii kana kan raawwate sababa hojii kennameef dabarsee hojjechuutiin ta’uu fi ta’uu dhabuu madaaluudhaan hojjeticha kaffaltii beenyaa irraa guutummaa guutuutti bilisa gochuu ykn gartokkee qofa akka kaffalu murtaa’uu akka qabu tumaa seera h/h lakk. 2157(2) irraa hubachuun ni danda’ama. Ta’us garuu, hojjetich gochaa badii hordofsiise itti yaadee kan raawwate ykn gochaa badii raawwate kanaan yakkaan himatamee kan itti murtaa’e xxx xx’e, kaffaltii beenyaa irrattis guutummaatti ittigaafatamaa akka ta’u seerri hariiroo hawaasaa lakk. 2159 ni hubachiisa.
Walumaagalatti hojjetaa qacaramaan sababa hojii isaatiin nama biraa irratti miidhaa kan qaqqabsiise xxx xx’e, carraa guutummaa guututti kaffaltii beenyaa irraa bilisa ta’uu ykn gartokkee qofaan ittigaafatamaa ta’uu kan qabu ta’uu fi kunis bu’uura aangoo tilmaama sammuutiin murteessuu abbootii murtiif kennameetiin akka ta’e hubachuun ni danda’ama.
4.2.Sirna beenyaan miidhaa haamilee ittiin kaffalamu(modes and extent of compensation for moral damage)
Miidhamaan tokko miidhaan isarratti qaqqabe gama maallaqaatiin ykn miidhaa maallaqaan tilmaamamuu danda’u xxx xx’xx xxxxxx, xxxxxxxx xxxxxxxx xxxxxxxxx qaqqabeef, jechuunis:- gadda, aarii, salfii ykn miidhama miira isarrati qaqqabeef beenyaan isaaf kaffalamuu akka danda’u seera h/h/ lakk. 2105 irraa ni mul’ata.
Bu’uuraan miidhaa haamilee maallaqaan tilmaamanii beenya’uun kan hin danda’amneedha. Sababni isaas miidhaan haamilee miidhama miira keessa xxxx namaa waan ta’eef miidhama miiraa kana safaruun ykn tilmaamuun waan hin danda’amneefidha. Fakkeenyaaf miidhaa nama tokko irratti qaqqabeen gaddi isati dhaga’ame qarshii meeqati tilmaamama xxxxxx xxx xxxxxxxx deebii hin argannuuf. Haa ta’uuti, yoodhuma walmadaalaadha ykn walgitaadha jedhamuu baatellee seerichaan ifatti yeroo kaa’ametti miidhaa haamileetiif beenyaan maallaqaa akka kaffalamu seera h/h/ lakk.2105(2) irratti ibsameera. Kanaafuu seera h/h lakk.2105 irraa hubachuun kan danda’amu:
1ffaa :- Miidhaa haamileetiif beenyaan maallaqaa kan kaffalamu gosoota miidhaa seericha irratti kaa’aman qofaaf jedhamuun miidhaa haamileetiif beenyaan
maallaqaan kaffalamuun xxxxx addaa xxxxx tumaa waliigalaa akka hin taane hubachuun ni danda’ama.
2ffaa :- Beenyaan miidhaa haamilee maallaqa qofaan kan kaffalamu otoo hin ta’iin, filannoowwan birootiin, jechuunis- kaaffaltii maallaqaatiin ala xxx xxxxx kan akka inni balleessaa ta’e miidhamaa dhiifama akka gaafatu gochuutiin miidhaa haamilee beenya’uun akka danda’amu hubachuun ni danda’ama.
Seera hariiroo hawaasaa lakk. 2105(1) irratti akka mul’atutti miidhaan haamilee beenyaa kaffalchiisu badiidhaan miidhaa raawwatame dha. Dhimmootni seera hariiroo hawaasaa lakk. 2106 – 2115 jalatti miidhaa haamilee beenyaa kaffalchiisaniidha jedhamanii tumaman hunduu badiidhaan kan raawwatamaniidha. Kanaafuu miidhaa badiirratti hundaa’xx xxxxx, miidhaan haamilee badiin otoo hin jiraatiin qaqqabu beenyaa hin kaffalchiisu.
M /murtii waliigala feedaraalaa galmee ol-iyyannoo hariiroo lakk.480/88 ta’een dhimma dhiyaateef irratti abbaan qabeenyaa konkolaataa tokkoo badii otoo hin qabaatiin abbaa qabeenyaa qabeenyichaa waan ta’eef qofa ittigaafatamummaan irra jira jedhee seerich waan murteesseef qofa malee sababa badii raawwateef waan hin taaneef beenyaa miidhaa haamilee kaffaluuf hin dirqamu jechuun murteesseera.
Bu’uura seera h/h Itiyoopiyaatiin beenyaan haamilee miidhamaadhaaf kaffalamu qarshii 1000(kuma tokko) caaluu akka hin qabne seera h/h lakk. 2116(3) irratti tumameera.
Miidhaa haamileetiif beenyaan maallaqaa kaffalamu bu’uura tilmaama sammuutiin kan murtaa’u akka ta’e seera h/h lakk. 2106 – 2115 tumaalee jiran irraa hubachuun ni danda’ama.
4.3. Sirna akkaataa biraatiin beenya’uu.
Hangi beenyaa miidhamaadhaaf kaffalamuu kan murtaa’u miidhaa isarratti qaqqabe madaaluudhaan miidhama isaa wajjin maallaqa walgitaa ta’e akka kaffalamuuf murteessuudhaan akka ta’e ilaalleerra. Gama biraatiin miidhaa miidhamaa irratti qaqqabe sirriitti tilmaamuun kan hin danda’amne yeroo ta’etti tilmaamaa sammuutiin hanga beenyaa murteessuun akka danda’amus ilaalleera.
Miidhaa isarratti qaqqabeef miidhamaan beenyaa maallaqaa akka argatu murteessuudhaan alattis filannoowwan birootiin miidhama isaa beenya’uun akka
danda’amu tumaalee seera h/h/ lakk. 2118 – 2123ti jiran irratti ni mul’ata. Xxxxx xxxxx:
I. Waanta(qodaa) fudhatame deebisiisuu(restitution). (lakk. 2118)
Adeemsa seeraatiin alatti qodaan fudhatame abbaa mirgaa ykn abbaa qabeenyaatiif akka deebi’u murteessuudhaan miidhaama qabeenya isaa seeraan ala duraa fudhatame akka beenya’amu gochuun ni danda’ama. Qabeeny seeraan ala fudhatame miidhamaadhaaf akka deebi’u kan murtaa’u, qodaan fudhatame qofti akka deebi’u jechuudhaan otoo hin ta’iin, qodaan fudhatame kun faayidaalee horee(fides) dabalatee miidhamaadhaaf akka deebi’u gochuunidha.
Qodaa seeraan ala fudhatame akka deebisuuf namni itti murtaa’e qodicha balleesseera xxx xx’e, tilmaama qodichaa kaffaluu akka qabu seericha irraa ni mul’ata. Qodicha akka deebisuuf namni itti murtaa’e qodich sababa humna humnasaa oli ta’een naduraa badeera jechuudhaan falmiin ykn mormiin inni dhiyeessu fudhatama kan hin qabme akka ta’es seericha irratti kaa’ameera.
Fakkeenyaaf :- miidhamaa irraa seeraan ala kan fudhatame “saawwa” xxx xx’x, saawwittiin isa fudhate harka yeroo turteetti dhalteetti xxx xx’e, saawwitiin abbaa qabeenyaatiif akka deebitu yeroo murtaa’u jabbii xxxxx waliinidha. Ta’us saawwitti akka deebisuuf namni itti murtaa’e saawwitti of- biraa yeroo tursiisetti saawwittiidhaaf nyaataa fi waan kana fakkaataniif baasii xxxxx xxxxx gaafachuu akka qabu: jechuunis- bu’uura tumaalee seeraan ala duroomuu ilaallataniin abbaan saawwaa (miidhamaan) akka kaffaluuf gaafachuu akka danda’u seera h/h lakk. 2118 irratti tumameera.
II. Xxxx fakkaataadhaan bakka buusuu(reparation). Lakk. 2119
Qabeenyi miidhamaa xxx xxxx ykn kan miidhame xxx xx’e namni miidhichaaf ittigaafatamaa ta’e bakka qabeenya balleessee kan biraa akka bakka buusu ykn qabeenyi jedhame kan suphamu ykn haaromsamu xxx xx’es namni miidhichaaf ittigaafatamaa ta’e baasii isaa guutummaatti kaffaluudhaan qodich akka suphamu ykn haaromsamu akka taasisu itti murtaa’a. Ta’us miidhaamaan qodaa isa duraa bade baasii mataasaatiin kan biraatiin bakka buuseera xxx xx’e ykn baasii mataasaatiin suphisiiseera(haaromsiiseera) xxx
xx’e gareen miidhichaaf ittigaafatamaa ta’e baasii miidhamaa akka bakka buusuuf ni murtaa’a.
Haa ta’u malee, baduu ykn miidhamuu qodaa miidhamaatiif gareen ittigaafatamaa ta’e mootummaa yeroo ta’etti qabeenya badesana akka bakka buusuuf itti murtaa’uu akka hin danda’amne seericha irraa kan mul’atu xxx xx’u, mootummaa irratti kan murtaa’u tilmaama qodichaa akka kaffalu qofadha.
III. Waa’ee kabajaa fi maqaa gaarii(remedial publication) lakk. 2120 Gochaan kabaja ykn maqaa gaarii nama biraa miidhu yemmuu raawwatamutti gareen gochichaaf ittigaafatamaa ta’e, kabaja ykn maqaa gaarii miidhamaa deebisuudhaaf baasii mataa isaatiin beeksisa haaromsa maqaa akka ibsamuu fi akka barreeffamu akka taasisuuf abbootiin murtii isa ajajuu akka danda’an tumameera. Gareen maqa-balleessichaaf ittigaafatamaa ta’e maqaa gaarii ykn kabaja miidhamaa akka deebi’uuf beeksisaan akka ibsu waanti ajajamu miidhaa miidhamaa irratti qaqqabeef beenyaan maallaqaa akka kaffalamuuf kan murtaa’utti dabalataan ta’uu ni danda’a. Waa’ee maqaa gaarii ykn kabajaa ilaalchisee garaagarummaa bu’uuraa seera h/h lakk. 2120 fi 2049 gidduu jiru sirritti hubachuun barbaachisaadha.
IV. Ofeeggannoowwan (xxxxx xxxxxxx) (Injunction) lakk. 2121
Gochaawwan tokko tokko amaluma isaaniitiin akka dhaabbatan yoo hin godhamne, miidhaa qaqqabu ittisuun ykn dhaabuun hin danda’amu. Fakkeenyaaf : dangaa nama biraatti ce’uu, waantota jeeqan raawwachuu, mallattoo daldalaa mirga nama biraa ta’etti fayyadamuu, fi kkf gochaawwan fakkaatan yoo akka dhaabbatan godhamuu baatan miidhamaadhaaf furmaata ta’uu dhabuu danda’a.
Kanaafuu waanti miidhaa fidu akka hin hojjetamne; kan hojjetamaa jiru yoo jiraates gochich akka dhaabbatu, gara fuul-duraattis akka hin calqabamne abbootiin murtii ajaja dhorkaa kennuu akka danda’an seera h/h lakk. 2121 jalatti tumameera. Waan ta’eefis abbootiin murtii ajaja dhorkaa xxx xxxxxx gochich miidhaa kan fidu ta’uu sirriitti yemmuu hubatanii fi miidhaan ni
qaqqaba jedhamee yaadame kunis amalasaatiin xxxx maallaqaan hin beenya’amne ta’uun isaa yemmuu mirkanaa’eedha.
4.4. Akkaataa shallaggii beenyaa seera waliigaltee fi waliigalteen alaa. Ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuuf beenyaan isaa bu’uura seera h/h lakk. 2090(1) fi 2091 tiin hanga maallaqaa walgitaa ta’eedha. Hangi miidhaa miidhamaa shallagamee eerga beekameen booda bu’uura qajeelfama seeraatiin miidhamaan beenyaa miidhaa isaa gitu ykn walmadaalun beenya’ama jechuudha.
Walmadaalummaan miidhaa fi beenyaa xxx xxxxx ittigafatamummaa waliigalteen alaa keessatti tooftaa shallaggii beenyaa isa bu’uuraa xxx xx’u, xxxxx xxxx ta’een bu’uura seera h/h lakk.2098(1) tiin miidhaan qaqqabe gartokkee badii miidhamaatiin xxx xx’e. Beenyaan xxxx xxxxxxx isaatiin kan walmadaalu otoo hin ta’iin gartokkee qofadha. Haaluma walfakkatuun haalonni seera h/h lakk.2099 – 2103 irratti kaa’aman yeroo mudatanitti xxxxx murtii qajeeltoo walmadaaluu miidhaa fi beenyaa gadhiisuudhaan beenyaa xiqqaa haalonni agarsiisan tilmaama sammuutiin murteessuu ni danda’a.
Seera waliigaltee keessatti waliigaltee raawwachuu dhabuudhaan miidhaa qaqqabuuf shallaggiin beenyaa bu’uura tumaalee seera waliigalteen alaa keessa jiraniin akka ta’e seera h/h lakk.1790(2) jalatti ni mul’ata. Kun kan agarsiisuu qajeeltoon walmadaalummaa beenyaa miidhaa seera waliigaltee keessattis raawwatinsa akka qabaatuudha.
Seera h/h lakk. 1779(1) jalatti immoo waliigaltee raawwachuu dhabuudhaan kasaaraan qaqqabu kan herreegamu, ilaalcha nama sammuu hubataa qabu hundaatiin raawwatamuu dhabuudhaan ni qaqqaba jedhamee hanga tilmaamamu akka ta’e tumameera. Ilaalcha nama sammuu hubataa qabuutiin beenyaa miidhaa shallaguun kun qajeeltoo walmadaalummaa beenyaa fi miidhaa olitti caqafameef xxxxx addaa ta’uusaa hubachuun ni danda’ama.
Haa ta’u xxxxx xxxxx h/h lakk. 1800 jalatti abbaan idaa miidhaan abbaa maallaqaa irratti qaqqabe xiqqaa ta’uu yoo hubachiise fi bu’uura seera h/h lakk. 1801(1)tiin abbaan maallaqaa yeroo waliigaltee godhetti miidhicha caalatti kan cimsan sababoota adda addaa abbaa idaa dursee kan beeksise xxx
xx’e ykn lakk. Xiqqaa 2 jalatti abbaan idaa miidhuuf xxxxx waanta godheen ykn daguu guddaadhaan ykn sababa badii cimaatiin xxx xx’e kasaaraan kaffalamu kan shallagamu ilaalcha(yaada) tilmaama nama sammuu hubataa qabuutiin otoo hin ta’iin qixxee miidhaa qaqqabuun isaa mirkana’eenidha Shalliggiin kasaaraa waliigaltee raawwachuu dhabuu kun immoo qajeeltoo walmadaalummaa beenyaa fi miidhaa isa duraa sanatti nu deebisa. Kanaafuu akka seerri h/h lakk. 1800 fi 1801 jedhutti miidhaan gad-aanaan ykn ol-aanaan xxx xxxxxxxx’e, beenyaan isaa hanguma miidhaa mirkanaa’e kanaa ykn walmadaalaa taasifamee herreegama. Xxxxx xxxxxx ala ta’een waliigaltee raawwachuu dhabuudhaan kasaaraan kaffalamu hanga ilaalcha(yaada) nama sammuu hubataa qabuun waliigaltee raawwachuu dhabuudhaan ni qaqqaba jedhee tilmaamuutiin ta’a jechuudha.
Miidhamtoota Yakkaati fi gaaffii beenyaa
Gocha yakkaatiinis ta’ee yakka hin taaneen namni miidhaan otoo waliigalteen hin jiraatiin irratti qaqqabe, miidhaa isarratti qaqqabeef tumaalee seera waliigalteen alaa irratti hundaa’uudhaan gaaffi beenyaa dhiyeessuu ni danda’a. Gaaffiin beenyaa isaas gaaffii hariiroo hawaasaa ta’uu isaa irraan kan ka’e dhiyaachuu kan qabu mana murtii dhimma hariiroo hawaasaa ilaaluuf aangoon kennameefitidha.
Haa ta’u xxxxx xxxxx kana irraa adda ta’een sababa gocha yakkaatiin namni miidhaan isarratti qaqqabe bu’uura tumaalee seera adeemsa falmii yakkaa lakk. 154 hanga 159 jiraniin gaaffii beenyaa isaa himannaa yakkaa wajjiniin mana murtii himannaa yakkichaa ilaalaa jirutti dhiyeesse akka ilaalamuuf taasisuu ni danda’a.
Tumaalee seera adeemsa falmii yakkaa kanarraa hubachuun akka danda’amutti, sababni gaaffiin beenyaa himannaa yakkaa waliin akka dhiyaatu itti eeyyamameef sababa gocha yakkaatiin namni miidhaan irratti qaqqabe, baasii dabalataatiif otoo hin saaxilamiin, fakkeenyaaf: kaffaltii abbaa seerummaa, ragaa dabalataa irra kan hafe ragaa dhimma yakkaatiif kaffaltii waraqaa yaamichaa otoo hin kaffaliin gaaffiin beenyaasaa saffisaan ilaalamee murtii akka argatuufidha./s/d/f/y/lakk. 154 fi 159/.
Sirni gaaffi beenyaa kun faayidaa warra yakkaan gaafatamaniif kan kaa’ame xxx xx’es, sababa gocha yakkaatiin namootni miidhaan irratti qaqqabu, gaaffii beenyaa isaanii qofaatti dhaddacha hariiroo hawaasaatiif dhiyeessuu malee himannaa yakkaa wajjin walqabsiisanii dhaddacha himannaa yakkichaa ilaaluuf dhiyeessuun hojii irratti baay’ee hin baratamne.
Gaaffilee marii
1. Xxxxx murtii waliigala feedaraalaa galmee h/h lakk. 12667 ta’e irratti haati mucaan waggaa 13 rukuttaa konkolaataatiin jalaa du’ee, mucaan koo yeroo lubbuudhaan tureti naaf ergamee mosee fi corqaa(daaraa) gurguruudhaan galii naaf argamsiisaa ture. Amma gargaarsii fi galiin mucaa kootii kun waan na duraa hafeef beenyaan naaf haa kaffalamu jechuudhaan gaaffii isheen dhiyeessite, mucaan du’e haadha isa deesse irraa gargaarsa kan barbaadu daa’imaa guddachaa jiruudha malee haadha isaa jiraachisuu kan danda’u miti jechuudhaan gaaffii xxxxx kufaa godheera
Leenjifamtootni murtii mana murtichaa seerichaa fi baratamaadhaan biyya xxxxxx keessatti ga’ee hojii daa’imman maatii keessatti qaban walbira qabuudhaan akkamitti madaaltu?
2. Mana murtii waliigala feedaraalaa dhaddach ijjibbaataa galmee lakk. 1128 ta’erratti, mucaan waggaa 9 konkolaataadhaan rukutamtee miilaa fi xxxxx xxxxx irratti miidhaan qaamaa dhaabbataan waan qaqqabeef, himannaa beenyaa guddiftuu daa’imatiitiin dhiyaate irratti murtii kenneen miidhamuu mucaa kanaatiin ammatti galiin hafe yoo hin jiraannellee gara fuul-duraa mucaan kun akka nama qaama guutuu qabuutti hojjechuudhaans ta’ee olii fi gadi kaattee jireenya xxxxx mo’achuudhaaf dandeettiin isheen qabdu baay’xx xxx hir’atu waan ta’eef, miidhaan kun immoo hangam akka ta’uu akka danda’u beekuun rakkisaa waan ta’eef jechuudhaan beenyaa miidhaa gara fuul-duraa tilmaama sammuutiin mucittiif murteesseera. Seera qabeessummaa murtiichaa irratti mar’adhaa.
3. Gaaffii beenyaa miidhaa gara fuul-duraa mana murtii biraatti dhiyaatee irrati maatiin mucaan isaanii barataa kolleejjii ta’e rukuttaa konkolataatiin
duraa du’e, mucaan isaanii kun barnoota isaa xumuree hojii gaarii irratti bobba’uudhaan isaan sooruu kan danda’u waan ta’eef, amma garuu kun waan jalaa hafeef beenyaan herreegamee akka kaffalamuuf gaafataniiru.Leenjifamtootni gaaffii kanaaf sababa roogummaa qabu kaasuudhaan yaada murtii irratti kennaa.
4. Dhimma mana murtii waliigalaa feedaraalaatiif galmee lakk. 19338 ta’e irratti iyyattuun dursa himannaa mana murtii olaanaa xxxxxx Wallaga Lixaatti himatamaa(waamamaa) irratti dhiyeessiteen, himatamaan reebicha narratti raawwateen ijji koo mirgaa waan badeef miidhaa ija koo irratti qaqqabe yaalii hordofuudhaaf kan nagargaaru nama tokko waliin ta’uudhaan gara Finfinneetti yeroo deddebinu geejibaaf qar. 2950.90, hospitaalaa fi qorichaaf 363.16, ija nam-tolchee galchisiifachuu fi manzaraa(golgaa ijaa)dhaaf qar.415.00, nyaata,siree fi geejiba taaksiidhaaf qar. 8100.00 baasii fi beenyaan haamilee qar. 1000.00 naaf haa kaffalamu. Dabalataanis ijji koo yeroo badetti kutaa 10ffaa kanan ga’ee fi umuriin koos waggaa 20kan ture xxx xx’u, sababa miidhaa narra ga’een barumsa koo waanan addaan kuteef hojjettuu mootummaa ta’uudhaaf fedhiin ani qabu milkaa’uu waan hin dandeenyeef, ijji xxx xxxx hin jaamne ta’xx xxx xiqqaate ji’aan qar. 120 argachaa hojii mootummaa hanga waggaa 55 yoodhan hojjedhe, waggaa 35f hojii xxxx xxxxx turu waan ta’eef kunis yemmuu herregamu 120 x 12 x 35 = qar. 40,000.00 waan ta’uuf walumaagalatti qar. 50,830.56 baasii fi kasaaraa wajjiniin naaf haa kaffalu jechuun himatteetti.
Xxxxx murtii godinichaas falmii bitaa fi mirgaa ilaaluudhaan himattuun reebicha isheerra ga’een ija xxxxx tokko xxx xxxxxx waan ta’ee fi namni ija tokko qabu nama ija lamaan qabu waliin dandeetti hojjechuu qixxee akka hin qabaanne ni amanama jechuudhaan, himattuun yeroo miidhaan irratti qaqqabe umuriin xxxxx waggaa 27 kan ture xxx xx’u, xxxx xxxxxxxx irra hin qaqqabne ta’ee guyyaatti qar. 4 ji’atti qar. 120, waggaatti qar. 1440.00 argachuu ni dandeessi. Himattuun hanga waggaa 50 ti ni jiraatti jedhamee waan tilmaamamuuf walumaagalatti galii qar.41,760.00 ni
argatti ture. Haa ta’u malee sababa miidhaa xxxxx xxxx qaqqabeen dandeetiin hojjechu xxxxx 40% dhaan kan hir’ate waan ta’eef kunis yeroo herregamu qar. 16,800.57 waan ta’uuf beenyaa haamilee qar. 1000.00 dabalatee qar. 17,800.00, bittaa qorichaaf qar. 363.05, manzaraadhaaf qar. 415.40, geejibaaf qar. 1060.30, turtii Finfinneeti sireef, nyaataaf, geejiba taaksiif himattuu fi nama xxxxx xxxxxxxxxx xxx. 1740.00 waliigalatti qar. 21,378.92 himatamaan himattuudhaaf haa kaffalu jechuudhaan murteesseera.
Himatamaan murtichaan mufachuudhaan m/murtii waliigala Oromiyaatti ol-iyyannoosaa kan dhiyeeffate xxx xx’eyyuu xxxxx murtichaa ol- iyyannoosaa otoo hin fudhatiin hafeera.
Himatamaan dhimma kana m/murtii waliigala Oromiyaa dhaddacha ijibaataatti yemmuu dhiyeeffatu, dhaddach ijibbaataa sababa ijji xxxxx tokko baduun himattuun hojjettee galii akka hin arganne waan xxxxx dhorku waan hin taaneef manneen murtii jalaa beenyaan miidhaa gara fuul-duraa isheef kaffalamuu qaba jechuudhaan murtiin xxxxxx akka seera hariiroo hawaasaa lakk. 2090(1)tti seera qabeessa miti jechuudhaan gama kanaan beenyaa murtaa’e diiguudhaan kan yaalii hordofuudhaaf baasii himattuun baaftee fi beenyaa haamilee ilaalchisee murtii kenname cimseera.
Murticha mormuudhaan himattuun jalaa(iyyattuun) dhimmicha mana murtii waliigala feedaraalaa dhaddacha ijibbaatatiif yemmuu dhiyeessitu, dhaddachichis iyyattuun sababa badinsa ija tokkoo xxxxx xxxx qaqqabeen guutummaa guutuutti dandeetiii hojjechuu dhabdeeti jechamuu yoobaates, beenyaan miidhaa qaqqabe wajjiniin walqixa ta’ee walmadaaluu qaba yeroo jedhamu akka waliigalaatti hir’xxx xxxxx hojjechuu(general utility) wajjiniin ilaalameetu malee hir’xxx xxxxx hojjechuu addaa(special utility) wajjiniin ilaalamee waan hin taaneef iyyattuun ija xxxxx tokko dhabuun xxxxx jireenyashee gara fuul-duraatti hir’ina galii yoo hin hordofsiisnellee akka namaatti jiraachuuf jireenya xxxxx xxxxxx tokko tokko fi sochiishee irratti miidhaa kan qaqqabsiisu ta’uun mirkanummaa
sababawaa(reasonable certainity) kan qabu waan ta’eef, kallatti tumaalee lakk. 2091 fi 2092tiin beenyaa murteessuun roogummaa ni qabaata. Gareen miidhaan irratti qaqqabe hanga miidhaa irra ga’ee fi inni miidhaa qaqqabsiisee beenyaa kaffaluuf dirqama isarra jiru hubachiisuun akka xxxx xxxx seera h/h lakk. 2141 irrati kan kaa’ame xxx xx’xxxxx, miidhamaan miidhaan kan irratti qaqqabe ta’uu mirkaneessee garuummoo hanga beenyaa tilmaamuuf haalli rakkisaa ta’e yeroo mudatu bu’uura lakk. 2102 tiin abbootiin murtii tilmaama sammuutiin hanga beenyaa murteessuuf aangoon kan kennameef waan ta’eef xxxxx murtii olaanaa xxxxxx Wallaga Lixaa hanga beenyaa tilmaama sammuutiin murteessuun isaa fi xxxxx murtii waliigala Oromiyaas kanuma cimsuun isaa seera qabeessadha jechuudhaan beenyaan miidhaa gara fuul-duraa iyyattuudhaaf kaffalamuu hin qabu jedhamee dhaddacha ijibbaataa mana murtii waliigala Oromiyaatiin murtii kenname diigeera.
- Murtiilee manneen murtii sadarkaadhaan jiraniin kennaman ilaaluudhaan murtii isa kamtu seericha sirriti kan hordofe isinitti fakkaata? Sababaan deeggaruudhaan ibsaa.
- Xxxxx murtii olaanaa xxxxxx Xxxxxxx Lixaa himattuun (iyyattuun) waggaa 50 jiraachuu dandeessi jedhee kan kaa’ee maal sababa godhachuudhaan?
- Xxxxx murtii olaanaa xxxxxx Wallaga Lixaa ragaa miidhaan qaamaa 40% iyyatuu irratti qaqqabeera jedhu kallatiidhaan galii wajjiniin walqunnamsiisuudhaan galiin iyyattuu gara fuul-duraa hanguma kanaan xxx’xxx jedhuun heerregni teechise sirriidha jettanii amantuu? Hangi hir’ina qaamaa boordii yaalatiin murtaa’u fi dandeettiin hojjechuu miidhamaa akkamitti walitti dhufa?
5. Dhimma biraa mana murtii tokkotti dhiyaate irratti immoo, balaa konkolaataatiin miidhaan qaamaa waan haadha manaa isaa irratti qaqqabeef, abbaan mana xxxxx dhukkubsachiisuuf mana yaalaatti yeroon deddebi’aa turetti hojii daldalaa koo irratti hojjechuudhaan galiin guyyaa guyyaati argachaa ture waan naduraa hafeef, kan naduraa hafe xxx xxxx
haa kaffalamu jechuudhaan miidhaa haadha mana isaaf nama ittigaafatamaa ta’e irratti himannaa dhiyeesseera.
Balaan qaqqabee fi beenyaan gaafatame walitti dhufeenya qabaa? Haa ibsamu.
6. Ad. Alamituu dubartii waggaa 40 dhaabbata hojii barreessa dhuunfaa keessati barreessitummaadhaan qacaramuudhaan hojjechaa ji’aan mindaa qar. 500(dhibba shan) xxxxxx xxxxxxxxx. Ad. Alamituun hojiirraa gara manaatti lafoo deemaa otoo jirtuu konkolaataan qabeenya ob. Ingidaa ta’e ad. Alamituu rukutuudhaan xxxxx xxxxx ad. Alamituu qubni inni walakkaa baay’ee miidhamee akka citu ta’eera. Kanarraa kan ka’e ad. Alamituun hojii(ogummaa) barreessitummaa itti fufuu hin dandeenye.
A. Beenyaan miidhaa ad. Alamituuf kaffalamu akkamitti shallagama?
B. Beenyaan miidhaa ad. Alamituuf kaffalamu akka nama miidhaan 100% irra ga’eetti lakkaa’xxxx mindaan isheef kaffalamaa turee fi umuriin xxxxx ilaalacha keessa galfamee miidhaa 100% tiin ta’aa moo? Qubni xxxxx cituu isaatiin ogummaa barreesitummaa itti fufuu hin dandeessu xxx xx’xxxxx xxxxxx hojii biraa hojjechuu qabaachuun xxxxx ilaalcha keessa galfamuu qabaa? Haa ibsamu.
7. Mucaan waggaa 8 tokko balaa konkolaataatiin ija isaa tokko irratti miidhaan qaqqabee xxx xxxx(jaame) bu’uura seera hariiroo hawaasa lakk. 2092tiin beenyaa miidhaa gara fuul-duraa gaafachuu ni danda’aa? Seera h/h lakk. 2092 irratti gaaleen ...miidhich kan mirkanaa’e xxx xx’x xxxxx
tumaa seera h/h lakk. 2102 wajjiniin akkamiin firooma(xxxxxxx xxxxx)?
8. Bu’uura seera h/h lakk. 2095 tiin balaa du’aatiif beenyaan kaffalamu bifaa fi xxxx sooramaa nyaata ykn ittiin bulinnaa kennuutiin akka ta’e tumameera. Haa ta’u xxxxx xxxxxx murtii Itiyoopiyaa keessatti beenyaan balaa du’aatiif kaffalamu bifaa fi xxxx sooramaatiin otoo hin ta’iin, yeroo tokkotti maallaqni murtaa’e(lump sum) miidhamaadhaaf akka kaffalamu ajajuu(murteessuu)dhaani.
A. Beenyaa miidhaa bifaa fi xxxx sooramaatiin akka kaffalamu gochuun kallattii miidhamtootaa fi isa beenyaa kaffaluutiin faayidaa fi miidhaa qabu ibsi.
B. Manneen murtii Itiyoopiyaa akkaataa kaffaltii beenyaa balaa du’aa irratti sirna seericharratti kaa’ameen alatti yeroo tokkotti maallaqni murtaa’e(lump sum) akka kaffalamu kan murteessan maaliif sitti fakkaata?
9. Bu’uura seera h/h lakk. 2116(3)tiin beenyaan miidhaa haamilee sababa kamiiniyyuu qar. 1,000(kuma tokko) kan caalu ta’uu akka hin dandeenye tumameera. Namootni beenyaa miidhaa haamilee gaafatan tokkoo ol yeroo ta’an tokko tokkoo isaaniif hanga qarshii 1,000(kuma tokko) akka kaffalamuuf murteessuun ni danda’amaa? Maaliif?
Guduunfaa
Barreeffamni kun qabxiilee gurguddoo seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabu kaasuudhaan hojii irratti dhimmoota irra deddebi’anii mudatan irratti xiyyeeffannaa kan taasise xxx xx’u, dhimmootni fi gaaffileen mana murtii tokko tokkoo kutaalee keessati ka’an seericha bal’inaan kan tuttuqaniidha.
Hojii leenjii leenjitootaaf qophaa’e waan ta’eef yaadolee diddiriirsuudhaan ibsuudhaan fixuu caala bifa mariif affeeruun dhiyeessuun barbaachisaa ta’ee waan argameef, leenjitootnii dhimmoota tokko tokkoo kutaalee keessati ka’an xiyyeeffanoodhaan mar’achuu fi gaaffilee hojjechuun irra jira.
Leenjisaanis qabxiilee xxxxx xxxxxxxxx keessati ka’an irrati leenjitootni xiyyeeffanoodhaan akka hirmaatan kakaasuudhaan gaaffilee hojjetaman(gilgaala) akka hojjetan taasisuudhaan akkasumas yaada furmaataa irrati leenjitoota qajeelchuudhaan leenjich galma akka ga’u gochuun irraa eegama.
Kitaabolee wabii
1. Seera hariiroo hawaasaa Itiyoopiyaa
2. Seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa Itiyoopiyaa
3. Seera daldalaa Itiyoopiyaa
4. Murtiiwwan m/murtii waliigala feederaalaa jiildii 1, lakk. 1
5. Murtiiwwan m/murtii feedaraalaa dhaddacha ijibaataa jiildii 1, lakk. 1
6. Murtiiwwan m/murtii waliigala feedaraalaa jiildii 3, lakk. 3
7. Xxxx(Xxxxxx ) xxxxxxxxxxxxx,(1977) The Ethiopian law of compensation for damage
,Addis Ababa university faculity of law.