Qajeelfama Leenjii Hojii irraa Barsiisootaa FI Hoggantoota Manneen Barnootaa
Qajeelfama Leenjii Hojii irraa Barsiisootaa FI Hoggantoota Manneen Barnootaa
Biiroo Barnoota Oromiyaa
Caamsaa 2010 Finfinnee
Qajeelfama sagantaa leenjii hojiirraa kan barsiisootaa oolmaa daa’immanii sad. 1ffaa, 2ffaafi qophaa’inaa keessatti raawwatinsa kan qabaatu Qajeelfamani leenjii sagantaa hojiirraa Xxxxxxx Xxxxxxxx
Kutaa Tokko Tumaalee Waliigalaa
1.1. Xxxx Xxxxx Gabaabaa
Qajeelfamni kun “Qajeelfama sagantaa leenjii hojiirraa Barsiisootaa fi hoggantoota manneen barnootaa Xxxxxxx Xxxxxxxx jedhamee waamamuu nidanda’ama.
1.2.Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biraa kan hinkennsiifne xxx xx’e qajeelfama kana keessatti:
1.2.1. “Barsiisaa” jechuun Sagantaa Barnoota idileen duraa irraa kaasee Manneetii barnoota Sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi Qophaa’inaa ,kolleejjii Barnoota Barsiisootaa akkasumas bufattota Barnoota idileen alaafi misooma hawaasaa naannoo oromiyaa keessatti mootummaadhan dhaabbiidhaanii fi kontiraataan qaxaramee hojii baruuf barsiisuu kan hojjataa jiru jechuudha.
1.2.2. “Hoggantoota Manneen Barnootaa” jechuun Manneen barnootaa Barnootaa Idileen Duraa, sadarkaa tokkoffaa, sadarkaa lammaffaa (9-12) naannoo Oromiyaa keessattii dhaabbilee barnootaa Mootummaa hojii baruuf barsiisuu hogganan/qajeelchan fi deggarsa ogummaa xxx xxxxxx Dura bu’ootaa I/Aanaa Dura bu’ootaa fi Supparvaayzarootata’an jechuudha.
1.2.3. “Sagantaa leenjii Hojiirraa” jechuun Barsiisoonnii fi Hoggantoonnii Manneetii Barnootaa otuu hojiirra jiran gahuumsaaf dandettii isaanii Cimsuuf sagantaa idileen ykn sagantaa gannaan leenjii yeroo gabaabaa ykn leenjii yeroo dheeraa keessattii kan ittiin hirmaataniidha.
1.2.4. “ Wabii “ Jechuun Barsiisaa ykn Hoggantoota Manneen barnootaa carraa barnoota kennameef baasiin itti bahuuf xxxxx waadaa seenaan yoo raawwachuu baatan baasii itti xxxx akkasumas yoo barbaachiisaa ta’e kisaaraa dabalatee
bakka isaa bu’ee dirqama barsiisaa ykn hoggantoonnii manneen barnootaa seenan bahuuf qaama waadaa seenu jechuu dha.
1.3.Daangaa Raawwatinsa Qajeelfama kanaa
1.3.1. Qajeelfamnni kun Manneen Barnootaa buufata Al-Idileefi misoma hawaasaa, Barnoota Fedhii Addaa, Barnootaa Idileen Duraa, Manneen Barnoota Xxxxxxxx Xxxxxxxx, Lammaffaafi Qophaa’inaa akkasumas Kolleejjii Barnoota Barsiistotaa Naannoo Oromiyaa keessatti argaman hunda keessatti yeroo leenjiin qoodamee kennameefitti kan raawwatu ta’a.
1.4.Ibsa Koornayaa
1.4.1. Qajeelfama kana keessatti jechi koornayaa dhiiraatiin ibsame hundi dubartiis ni dabalata.
Kutaa Lama
2. Xxxxxxx Xxxxxxxxx
2.1. Kaayyoo
Barsiisootaa fi Hoggantoota manneen barnootaa dandeettii fi gahuumsa ogummaa isaanii foyyeessuun tarsiimoo misooma barnootaa galmaan gahuu dandeessisu uumuun hojii qulqullina fi siyaa’inaan raawwachuun dandeettii isanii cimsuun itti gaafatamuummaa caalmaatti fudhachuu akka danda’an taasiisuuf leenjii barnootaa sadarkaa Sartafiikettii,Dippilomaa,Digrii duraa,Maastarsii sagantaa idileefi gannaatiin galchuun akka baratan gochuu
2.2.Gosoota leenjii Hojiirraa
⮚ Leenjiiwwan sadarkaalee barnoota xxxx xxxxxxxxx dhaabbilee biyya keessa jiran keessatti sagantaa idilee ykn sagantaa gannaatin seertifikeettii irraa gara dippiloomaatti leenjii kennamu.
⮚ Leenjiiwwan sadarkaa barnoota xxxx xxxxxxxxx dhaabbilee biyya keessa jiran keessatti sagantaa idileefi gannaatiin dippiloomaa irraa gara digirii 1ffaatti
⮚ Leenjiiwwan sadarkaa barnoota xxxx xxxxxxxxx dhaabbilee biyya keessa jiran keessatti sagantaa idileefi gannaatiin digirii duraa irraa gara digirii 2ffaatti
⮚ Leenjiiwwan biyya alaa barnoota addaa addaatiin baasiiwwan barbaachiisu danda’uun ministeera barnootaa irraa gahoo naannoo keenyaaf kennamu.
2.3. Haal- dureewwan Dorgommii leenjii Hojiirraaf barbaachiisan
2.3.1. Ulaagaa qaamoota carraa leenjii kennaniin gaafatamuu guutuun akkuma jiruutti ta’ee
A. Biyya kessattiis ta’ee biyya alaattii sadarkaa kamiiyyuu irraattii leenjii biraa hordofaa kan hin jirree ta’uu qaba.
B. Kaadhiimamaa sagantaa leenjii isaaf malu dorgomee darbe tokko qaama carraa leenjii kenneefiin fudhatama dhabuu isaa ykn yeroon jalqaba sagantaa barumsichaa darbuu isaa ,ykn qaamoota sadarkaa sadarkaan jiran gaafachuudhaan kan hin darbiin ta’uun isaa hanga mirkanaa’uutti leenjii xxxx biraa kamiittuu dorgomuu hin danda’u
C. Dorgoomtoota naannoo horsiisee bulaan ala kaadhiimamtoonni leenjii hundi yoo
xiqqate tajaajila waggaa lama kan qaban ta’uu qabu. Kan horsiisee bulaa garuu xxxxx qabatamaa naannoo isaaniirratti hundaa’a
D. Barsiistonni ykn Hoggantonnii manneen barnootaa asiin dura baasii mootummaatiin leenji sagantaa idileen ykn gannaatiin,fagootiin ykn biyya alaatti barnoota isaa hordofee xumuree fi leenjii sagantaa itti aanuuf dorgomuu kan danda’uu
1. Barnoota erga xumuree booda xxxx barnootaa leenjifameen mana hojii isa leenjiise keessatti xxx xxxxxxxx waggaa lamaafi ol kan tajaajile ta’uu qaba.
2. Dorgomtonnii sadarkaa barnoota walfakkaatuu irratti dorgomuu hin danda’an.Fkn Namni dippilomaa qabu Sagantaa dippilomaa irrattii hin dorgomu.
3. Dorgomaan leenjii tokkoo leenjii biyya keessaa ykn biyya alaaf dorgomee erga mo’atee fi fudhatama argatee booda leenjiicha otuu itti hin fayyadamiin xxx xxxx ykn leenjiicha eegalee sababa qubsaa hin taaneen yoo addaan kute dhimmichi qoratamee yoo itti mirkanaa’ee carraa leenjii yeroo biraa dorgomuuf
⮚ Dorgomee mo’ee osoo hindeemiin kan hafe xxx xx’e, waggaa tokko adabamee waggaa itti aanutti dorgoma
⮚ Jalqabee kan addaan xxxxx xxx ta’ee waggaa lama eeguu qaba.
E. Bu’uura ulaagaa filannoo sadarkaa dorgommii barnootaa hundaatti Qaama Midhamtoonni dorgomtoota kan biroo waliin erga waldorgomanii booda parsantaan 3 qaama miidhamtootaaf dabalamee walqixa xxx xx’an Qaama Midhamaaf dursi ni kennamaaf. Ramadii Qaama Midhamtoota kotaa godinaaf kenname kessaa iddoo isaaniif mjatuutii ramadamuu.
F. Istaandaardii manneen barnootaa eegsisuuf Dura bu’ootaa, I/Antotaafi Supparvaayizaroonni sadarkaa 1ffaa xxxx barnoota hoggansaatiin ala eebbifaman leenjii hoggnsaa (PGDSL) fudhatu.
G. Suuppravaayizaroonni sadarkaa 1ffaa hoggansa barnootaatiin eebbifaman leenjii ogummaa suupparvaayizarummaa (PGCPSS) fudhatu.
H. Suupparvaayizaroonni sad.2ffaa hoggansa barnootaatiin (school leadership) digirii 2ffaa qaban leenjii ogummaa suupparvaayizarummaa (PGCSSS) fudhatu.
I. Dura bu’oonnifi I/Aantonni manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa hoggansa barnootaatiin eebbifaman leenjii ogummaa oggansaa (PGDSL) fudhachuuf hindirqaman.
Kutaa Sadii
3. Qajeelfama Filannoo
3.1. Qajeelfama Filannoo Leenjii Barsiisotaa Sagantaa Gannaa seertifikeettii irraa gara Dippiloomaa
3.1.1. Kaayyoo
A. Barnoota Qulqullinni isaa mirkanaa’e sadarkaa 1ffaa saayikilii tokkoffaa keessatti akka mirkanaa’u gochuuf barsiistota dippiloomaa qaban bakkichi barbaadu gahoomsuun guutuuf
3.1.2. Ulaagaalee filannoo
1. Dandeettii Afaanii
• Dorgomtoonni Afaan Oromoo sirriitti dhagga’uu, dubbachuu, dubbisuu fi barreessuu kan danda’an ta’uu qabu.
2. Umurii Dorgomtootaa
a) Umuriin dorgomtootaa xxxxx mijeessitootaa waggaa 18 hanga 35 ta’a. Kunis ragaa dhaabbilee fayyaa mootummaa ykn umurii kaardii barnoota kutaa 8ffaa galmaa’aniin kan mirkanaa’uu ta’a.
b) Umuriin barsiisota buleeyyii ilaalchisee barnoota gannaa erga xumuranii booda waggaa sadii tajaajiluu kan danda’an.
c) Barsiisonni buleeyyii ulaagaa barbaachisu guutaniif kootaa Godinichaaf kenname keessatti dursi ni xxxxxxxxx.
d) Xxxxx mijeessitota Dh.L.B (T.T.I )dhaan qacqramanii hojjachaa jiran qabxiin ( G.P.A ) xxxxx qajalfamaan ulaagaa yoo guutan xxxxx xxxx isaanii utuu hin ilaalamiin dursii ni kennamaaf.
e) Barsiisota buleeyyii sertifikeetiin taa’anii kanaan dura kolleejjii keessaa rakkoo akkaadaamiin har’itaman dorgommiin kun hin hammatu.
3. Qophii barnootaa
a) Dorgomtoonni dorgomtoota naannoo horsiisee bulaa dabaltee akkaataa imaammata barnoota haaraatiin kutaa 10ffaa fi imaammata duraan kutaa 12ffaa kan xumuran ta’ee lamaanuu guyyaa dorgommiif dhiyaatan dura waggoottan walitti aanaan afuran keessatti yoo xinnaate al lama qorumsa biyyoolessaa kutaa 10ffaa fudhatanii qabxii fooyyesaa deemuun isaanii ilaalamee, xxxx barnoota Afaan oromoo qabxii “C”fi isaa ol, A/Ingiliizii “C” fi Herregaan “C’’ fi isaa ol kan fidanii fi Dhi. qabxii 2.0 fi isaa ol akkasumas Du. qab.2.0 fi isaa ol kan qaban ta’uu qabu.
b) Xxxxx mijeessitoonni ragaa sertifikeetii (TTI) qabxii 2.0 fi isaa ol qaban barri isaan qormaata biyyaalessaa kutaa 10ffaa ykn 12ffaa fudhatan irratti xiyyeeffachuun dirqama miti.
c) Barsiisonni buleeyyii Kan isaan ittiin dorgoman qabxii qormaata biyyaalessaa ykn qabxii dhaabbata leenjii beekamtii qabu irraa ittiin eebbifaman ta’ee qabxii 2.00 fi isaa ol ta’uu qaba.
4. Akkaataa Kenna Qabxii Ulaagaa Filannoo
a) Qabxiin firii Tiranskiriptii kutaa 9ffaa-10ffaa 50%. Keessaa ta’ee qabxii kana 0.5tiin baay’isuun gatiin ni kennama.
b) Qabxiin firii qorumsa biyyoolessaa kutaa 10ffaa ykn 12ffaa tokko qofti qabameefii 50% keessaa kan ilaalamu ta’ee qabxii kana 12.5tiin baay’isuun gatiin ni kennama.
5. Baay’nni dorgomtoota xxxxx mjeessitootaa kootaa kennamee ol ta’a xxx xx’e :-
a) Shamarraniif 50% carraan ni eegama
b) Dorgomtootni Tartiiba qabxii ittiin galmaa’aniitiin duraa duubaan erga tarreeffamanii booda akkaataa wal caalmaa qabxii isaaniitiin fudhatamu
c) Dhiiraa fi dubarri yoo wal qixa ta’an dubaraaf carraan ni kennama.
6. Filanoo Dippiloomaa kana keessatti dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan
A. Guca dorgomtootni ittiin dorgoman tokkoon tokkoo isaa kolleejjii ga’oon keessan keessa jiruun adda bahee koppii lama lamaan guutamee koppiin tokko kolleejjiif ergama.
B. Ragaan dorgomtootaa (Tiraaniskiriiptii fi Sartifikeetii) kan orijinaala waliin ilaalame chaappaa waajjira barnoota Godinaa/Aanaa /Bulchiinsa Magaalaa itti godhamee mirkanaa’ee suura dorgomtootaa(3) duuba irratti maqaan barreeffamee waraqaa keessa kaa’xxxx isteeppilariin ragaatti hidhamee kolleejjiif ergama.
C. Qaboon yaa’ii akka walii galaatti koppii tokko erguun barbaachisaa dha.
D. Kolleejjonni ofii isaaniitiif irra deeebi’anii raga dhihaate yoo sakattaa’an hanqina mul’atuuf qaama raga dhiheessetu itti gaafatama.
X. Xxxxx kootaa kennamee irratti hundaa’’ee namni hafu yoo jira ta’e yeroo dorgommii eeggataan ni kaa’ama.
F. Godinni/Bul.Magaalaa/Aanaan gahoo isaanii kenname kana irratti namoonni dorgoman dhabamanii yoo guutuu baate , gahoo irraa hafe xxxxxx biraatiif kennuun akka danda’amutti hatattamaan BBOtti kan beeksisan ta’a.
G. Gahoo kenname xxxxxxxxx dubartootni 50% kophaa isaaniitti waliin dorgomu.
H. Ragaan dhihaatu seera qabeessa ta’uu qaba. Namni ragaa sobaa dhiheesse dorgommii keessaa ni haqama. Qaamni ragaa sobaa kennee fi dhiheesse lachanuu seeraan itti gaafatama.
I. Filannoon iftoominnaan akka gaggeeffamuuf beeksifni dorggommiif afeeru ifatti maxxanfamuu qaba. Raawwiin filannoo ifatti raawwatamee bu’aan filannoos ifatti maxxanfamee ibsama.
J. Bu’aan dorggommii manajimantii waajjirichaan mirkana’xx xxx waajjira bulchiinsa magaalaa kolleejjiif ennaa ergamu kan waajjira barnoota aanaa waajjira barnoota godinaaf erga ergameen booda Godinni Koollejjootaaf kenna.
K. Sadarkaa Godinaatti gareen adeemsi hojii misooma barsiisotaa fi hoggansa barnootaa, waldaa barsiisota godinaa waliin ta’uun adeemsi filannoo sadarkaa aanaatti raawwate:
1. Qajeelfaman raawwachuu isaa ni mirkaneessa,
2. Dogonggorri yoo raawwatame sirreessuun BBOf gabaasa
3. Ragaa barsiisota filatamanii ni qindeessa
4. Filannoo raawwate ragaa kanneen darbanii eeggattoota waliin qindeessuun B/Magaalotaafi Godinaaleen kolleejjotaaf ni dabarsu.
5. Ragaa kolleejjotaaf dabarse walitti qindeessuun akka godinichaatti namoota barnoota gannaaf waggaa kana darban istaatiksii isaanii kolleejjii itti ergamanii fi saalaan xxxx xxxxx BBO’’f gabaasa ni dhiheessa.
3.2. Filannoo Leenjii Barsiisotaa Sagantaa Gannaa Dippiloomaa irraa Gara Digirii 1ffaa
3.2.1. Kaayyoo:
• Barnoota Qulqullinni isaa mirkanaa’e sadarkaa 1ffaa saayikilii 2ffaafi sadarkaa 2ffaa saayikilii 1ffaa keessatti akka mirkanaa’u gochuuf barsiistota digirii 1ffaa qaban bakkichi barbaadu gahoomsuun guutuuf
3.2.2. Ulaagaalee Filannoo Digirii 1ffaa
A. Haal-duree filannoo
1. Qophii Barnootaa Ilaalchisee
• Koollejjii Barnoota Barsiistotaa keessaa sagantaa dippiloomaatiin eebbifamanii qabxii waliigalaa ittiin eebbifaman CGPA 2 fi isaa ol kan qaban;
2.Tajaajila
• Barsiisaan/tuun dorgommiif dhiyaatu/ttu Dippiloomaan erga eebbifamee/tee booda manneen barnoota mootummaa sad. 1ffaa ykn sad.lammaffaa keessatii barsiisaa kan jiranii tajaajila waggaa 2 fi isaa ol qabaachuu qaba.
• Haata’u malee kootaa qoodame BBO irraa kenname kan hinguunne xxx xx’e akkaataa walcaalmaa tajaajilaa qabaniin kan filataman ta’a
3. Madaallii Hojii Bu’aa irratti xiyyeeffatee
• Manneen barnootaa ramdaman keessatti gahumsa hojii barsiisummaatiin ( Performance Evaluation) cunfaa qabxii walitti fufaa seemistara 3n 75% fi isaa ol kanneen qabanii fi fuula durattis sadarkaa kanaan barsiisuuf gahumsaa fi fedhii kan qaban.
4. Umrii Ilaalchisee
• Barsiisonni filataman erga baratanii eebbifaman booda waggaa sadiif tajaajila kennuu kan danda’an ta’uu qabu
5. Xxxxx dubartootaaf dursi itti kennamu:
• Dubartoonni qabxii waliigalaa ittiin eebbifaman GPA 2 fi isaa ol qaban carraa kenname xxxxxxx 30% irratti waliin dorgomu;
• Ulaagaa filannoo waliigalaatiin dhiiraa fi dubartiiin yoo qabxii isaan argatan walqixa ta’e, dubartiif dursi kennama;
6. Barsiisota Kanaan Dura Leenjii Gannaa Dhunfaan Barataa Jiran Ilaalchisee;
• Barsiisota kanaan dura leenjii gannaa dhunfaan jalqabanii yeroo ammaa dorgomuun baasii mootummaatiin leenji’uuf carraa argatan xxxx barnootaa isaan leenjii ittiin eegalan Xxxxxx/Bul.Magaalaa keessaniif kennamee jira xxx xx’e yunivarsiitii armaan dura leenjii itti eegalanitti itti fufuu akka danda’aniif godinaaleen xxxxx ni mijeessuuf.
• Barsiistonni xxxx barnootaa dhuunfaan jalqabanii kan dhuunfaan jalqabaniin alatti xxxx barnoota biroo irratti dorgomanii darban xxxx xxxx barnootaa dhuunfaan eegalanitti jijjiirrachuu hindanda’an
7. Barsiisoota Ogummaa adda addaa irratti dorgoman ilaalchisee
A. Sadarkaa Barnoota Level IVn eebbiffamanii qacarramani jiraniis dorgomuu ni danda’uu.
X. Xxxx barnoota irratti dorgoman kalattin leenjii kan fudhatan xxx xx’e dorgomiif dursii ni kennamaaf.
C. Barsiisonni Barnoota Level IV eebbifamanii dorgoman “COC” kan darban ta’uu isaani ragaa dhiyeefachuu qabu.
D. Barsiistonni EdPM (EdAd)n dippiloomaan eebbifamanii hoggansa irraa bu’anii hojii barsiisummaarratti hojjechaa xxxxx xxxx barnoota saayinsii hawaasaa keessaa tokko filachuun qabxii 2.00 fi isaa xx xxx qabaatan dorgomuu nidanda’u.
8. Filannoo digirii 1ffaa kana keessatti Dhimmoota Ilaalamuu Qaban
A. Barsiisonni xxxx barnoota meejarii godhatanii ittiin eebbifamanii fi barsiisaa jiraniin dorgomuu qabu.
B. Barsiistota akkaataa kootaa kennameen dorgomanii xxxxxx xxxxx gahoo ministeera barnootaatiin Yunivarsiitotaaf qoodameen Godinaalee B/Magaalotaa ramadii gaggeessuun BBOf erguu qabu
X. Xxxx barnoota IT fi Tekniikaal diroowiingii irratti barsiisonnii Herregaa
,Keemistiirii, Fiziiksiin eebbifaman dorgomuu ni danda’u.
D. Ekoonoomiiksii fi Biznasii irrattii Barsiisoonnii Saayiinsii Hawaasaatiin eebbifaman dorgomuu ni danda’u.
E. Barsiisonnii fi Dura Bu’oonni filataman gara BBOtti ennaa ergaman qaboo yaa’ii ittiin dorgomanii filatamanii kan Afaan Oromootiin qophaa’ee unka qophaa’ee ergame irratti hundaa’uun guutamee soft copy fi hard copy dhaan afaan Ingiliffaan guutamee akkasumas waadaa achitti guutuun ergama .
3.3. Filannoo Leenjii Barsiisotaa Sagantaa Gannaa digirii 1ffaa irraa gara digirii 2ffaa
3.3.1. Kaayyoo:
• Barnoota Qulqullinni isaa mirkanaa’e sadarkaa 2ffaa saayikilii 2ffaa keessatti akka mirkanaa’u gochuuf barsiistota digirii 2ffaa qaban bakkichi barbaadu gahoomsuun guutuuf
3.3.2. Ulaagaalee Filannoo
1. Umurii:
A. Umrii : Xxxxxxx xxx xxxxx’u osoo soorama hin ba’iin tajaajila waggaa lamaa kennuu kan danda’u.
2. Qabxii Seensaa:
A. Dorgomaan kamiyyuu dorgommiif dhiyaachuuf digirii duraan meejariidhaan wayta eebbifamu/tuu qabxii waliigalaa (CGPA) 2.00 fi isaa ol qabaachuu qaba.
B. Barsiistonni EdPM (EdAd) n eebbifamanii hoggansa irraa bu’anii hojii barsiisummaarratti hojjechaa xxxxx xxxx barnoota aantee (minor) isaaniitiin qabxii 2.00 fi isaa ol qaban dorgomuu danda’u,
3. Tajaajila
A. Barsiisaan/tuun, Dura Bu’aa/tuun dorgommiif dhiyaatu Digrii duraatiin kan eebbifamee/tee hojii barumsaarra kan jirufi tajaajila waggaa 2 fi sanaa ol kan qabu.
B. Barsiisonni, Dura Bu’oonnifi I/Aantonni kutaa 5-8, (sad. 1ffaa) 9-12 (Sad.2ffaafi qophaa’inaa keesatti barsiisanfi hogganan) waldoorgomanii qabxiin isaanii walqixa xxx xx’e barsiistonni, Hogantoonni qophaa’ina keesatti barsiisan/hoggananiif dursi nikenamaaf.
4. Madaallii Hojii Bu’aa irratti xiyyeeffatee
A. Manneen barnootaa ramdaman keessatti gahumsa hojii barsiisummaatiin ( Performance Evaluation) cunfaa qabxii walitti fufaa seemistara 3n 75% fi isaa ol Kanneen qabanii fi fuula durattis sadarkaa kanaan barsiisuuf gahumsaa fi fedhii Kan qaban.
5. Leenjii Ogummaa Barsiisummaa (PGDT) Ilaalchisee
A. Barsiistonnii barnoota Appilaayidiitiin eebbifamanii barsiisummaan qacaramanii jiran leenjii ogummaa barsiisummaa osoo hinxumuriin barnoota itti aanu dorgumuu hindanda’an.
6. Qormaata Sensaa ilaalichisee
A. Dorgomtoonni qorumsa seensaa Yunivarsiitiiwwaniin/ Ministeera barnootaatiin qophaa’an qoramanii darbuun irraa eegama
7. Filannoo digirii 2ffaa Keessaatti Dhimmoota Ilaalamuu Qaban
1. Dhiiraa fi dubarri qabxii walqixa yoo argatan dubartiif dursi ni kennama.
2. Barsiisonnii fi Dura Bu’oonni filataman gara BBOtti ennaa ergaman qaboo yaa’ii ittiin dorgomanii filatamanii kan Afaan Oromootiin qophaa’ee unka qophaa’ee ergame irratti hundaa’uun guutamee soft copy fi hard copy dhaan afaan Ingiliffaan guutamee akkasumas waadaa achitti guutuun ergama .
3. Filatamtoonni Yunivarsiitiin itti ramadaman qormaata seensaa kennuuf ennaa waamicha dabarsu, iddootti argamuun qoramuu qabu.
Kutaa Afur
4.1. Xxxxx Kenniinsa Qabxii
4.2. Leenjii barnoota gannaa sadarkaa barnoota hundaa (Dippiloomaa, Digirii 1ffaa fi Digirii 2ffaa) dorgomsiisuuf xxxxx kenniinsa qabxii
4.2. 1. Qabxii Barnoota Waliigalaaf—30%
4.2.2. Qabxii Raawwannoo Hojii 50%
4.2. 3. Tajaajila Kennaniif 20%
4.2.4. Gabatee qabxiin ittiin kennamu
Barnoota waliigalaa %30 | Raawwii Hojii %50 | Tajaajila %20 |
Qabxii | Gatii Kenname | Qabxii | Gatii Kenname | Qabxii | Gatii Kenname |
4.00 | 30 | 96-100 | 50 | 19 fi ol | 20 |
3.80-3.99 | 27.5 | 00-00 | 00 | 00-00 | 18 |
3.60-3.79 | 25 | 86-90 | 40 | 15-16 | 16 |
3.40-3.59 | 22.5 | 00-00 | 00 | 00-00 | 14 |
3.20-3.39 | 20 | 76-80 | 30 | 11-12 | 12 |
3.00-3.19 | 17.5 | 75 | 25 | 9-10 | 10 |
2.80-2.99 | 15 | 7-8 | 8 | ||
2.60-2.79 | 12.5 | 5-6 | 6 | ||
2.40-2.59 | 10 | 3-4 | 4 | ||
2.20-2.39 | 7.5 | 2 | |||
2.00-2.19 | 5.0 |
Kutaa Shan
5.1. Koree Filannoo sagantaa leenjii hojiirraa
Xxxxxx filannoo dorgommii barnoota gannaa dorgommii sagantaa barnoota gannaa sadanii armaan olitti qophaa’an hojiirra oolchuu qaban
5.1.1. Xxxxxxxx Xxxxxxxxxx
1. Abbaa A/H/Misooma Xxx.xx hoggansaa bar. ykn nama bakka bu’e walitti qabaa
2. Hoji raawwattoota Misooma Barsiisootaa fi hoggantoota manneen barnootaa 2 miseensa ta’uun kan hojjetan xxx xx’u isaan Keessaa namni tokko Barreessaa ta’a
3. Waldaa Barsiisotaa Godinaa irraa namni lama Miseensa
4. Xxxxxx Xxxxxxxxx Xxxxxxx irra nama tokko Miseensa
5.1.2. Sadarkaa Aanaa/Bulchinsa Magaalaatti
A. Abbaa Adeemsaa H/ Misooma Barsiisotaa fi hoggansaa bar. ykn nammni bakka bu’e .Walitti qabaa
B. Hoji raawwattoota A/Hojii Misooma Barsiisotaa fi hoggantoota Manneen Barnootaa lama miseensa xxx xx’an isaan Keessaa tokko barreessaa.
C. Waldaa Barsiisotaa Aanaa/B.Magaalaa irraa namni lama… Miseensa
D. Dhimma Korniyyaa Aanaa/Bul.Magaalaa irra nama tokko Miseensa
Kutaa ja’a
6.1. Sirna Itti Gaafaatamummaa
6.1.1. Rakkoo adeemsa raawwii dorgommii barnoota gannaa keessatti uumamuuf
1. Kootaa Yunivarsiitii tokkoof kenname gara birootti ramaduu,
2. Xxxxx qajeelfamaatiin xxxx barnootaa irratti dorgomuu qabu dhiisanii kan birootti dorgomsiisuu,
3. Iftoominaan dorgomsiisuu dhabuu,
4. Nama darbuu qabu dhiisanii kan darbuu hinqabne dabarsuu,
5. Maqaa dorgomtootaa seeraan unka kennamerratti guutuun erguu dhabuu
6. Nama ulaagaa hinguunne dorgomsiisuu,
7. Barnoota gannaa kan dhuunfaan jalqaban xxxx barnootaa irratti dorgomaniin kan xxxxxx xxx ta’e gara mootummaatti nanneessuu dhabuu,
8. Kootaa barsiisummaa qofaaf ergamerratti namoota isaan hinillallannef dabarsani kennuu
9. Yeroo jedhame keessatti dorgommii raawwatanii dhiheessuu dadhabuu
10. ’Hard copy’ fi ’soft copy’ dhaan ragaa dorgomtootaa qindeessanii dhiheessuu dhabuu xxxxxx filannoo dorgomichaa kan itti gaafatamu ta’a.
Kutaa Torba
7.1. Yeroo Raawwii qajeelfamichaa
Qajeelfamni kun Manaajimentiin Biiroo Barnootaa Oromiyaatiin mirkanaa’ee Ji’a
Guyyaa bara 2010 eegalee kan hojiirra oolu ta’a.
Miiltoo
Unka Wabii /Waliigalteen Leenjii Itti kennamu
Xxxxxx Xxxxxxxxx Oromiyaatti unka barsiistonniifi Hoggantoonni manneen barnootaa barnoota gannaa/idileef yeroo ergaman waadaafi dirqama wabii ittiin xxxxx
Guyyaa Xxxxxx Aanaa/B/ Magaalaa
4. Xxxx leenjii
Akkaataa qajeelfama raawwii wabii leenjiirratti ibsameen leenjii sagantaa _ wabii barbaachisuuf akkaataa armaan gadiitti dhiyaateen Biiroo Barnoota Oromiyaa carraa leenjii kenneefi barsiisaa/hoggansa manneen barnootaa carraa leenjii kennameef gidduutti waliigaltee leenjiifi wabummaa mallattaa’a.
5. Waadaa kennaa (mana hojii)
6. Waadaa Fudhataa Maqaa
Xxxxxxx Xxxxxx Xxxxxxxx barnootaa amma qabu
7. Ani waadaa fudhataan (leenjifamaan) obbo/Xxxxx Xxxxxx leenjii naaf kenname kanatti akkaataa ulaagaa qajeelfama leenjichaatiin leenjicha xumuree yeroon deebi’u mana hojii koo yeroo turmaata leenjichi fudhatu
ta’e dachaadhaan tajaajiluuf waadaa seeneera. Waadaa kana yoon bahuu xxxxxx baasii dhimma barnoota kanaaf mootummaan xxxxx qarshii 10000.00 ( qarshii Kuma kudhan) kaffaluuf fedhiifi beekumsa guutuudhaan waadaa seenuu koo mallattoo kootiin nan mirkaneessa. Raawwii kanaafis wabii obbo/ aaddee
dhiheesseera. Mallattoo
Wabii
Anii Obbo/ Aadde
Obboo/ Aadde
tiif akkaataa armaan olitti ibsameen waliigaltee xxxx xxxx xxxxxxxxxx baate bakka isaa/xxxxx bu’ee raawwachuuf baasii xxxxxxxxxx xxxxxx/xxxxxxxx xxxx qarshii 10,000.00 (kuma kudhan) kan kaffalu ta’uu koo waliigaltee wabummaa kana beekee fedhii guutuun fudhachuu koo mallattoo kootiin nan mirkaneessa.
Maqaa wabii Gahee hojii Mallattoo
Guyyaa
Unka Dorgommii 1st degree
Subject ------------------------------------
No | Name | sex | Subject computed for | Universit y Graduate d | Subject graduated | CGPA | Efficincy | Service | Tota l | Ran k | Zo ne | Woreda | University Placement | Rema rk | |||
GP A | Poi nt | Eficie ncy | Poin t | Ye ar | Poi nt | ||||||||||||
No Full Name Job Discription Day Sign
1. ----------------------------------------
2. ----------------------------------------
3. -----------------------------------------
-------------------------------------
-------------------------------------
-------------------------------------
------
------
------
4. 5.
_
No | Full Name | Job Discription | Day | Sign |
1. | ---------------------------------------- | ------------------------------------- ------ | ||
2. | ---------------------------------------- | ------------------------------------- ------ | ||
3. | ----------------------------------------- | ------------------------------------- ------ |
2010 E.C. 2nd degree Summer training Teachers and School Leaders candidates , Their work Place and University Placement for enterance exam registration format
No | Fuul Name | sex | Work place | Subject | University placement for enterance exam | Remark | |||
Region | Zone | Woreda | School | ||||||
1 | |||||||||
2 | |||||||||
3 | |||||||||
4 | |||||||||
5 | |||||||||
6 | |||||||||
7 | |||||||||
8 | |||||||||
9 | |||||||||
10 | |||||||||
11 | |||||||||
12 | |||||||||
13 | |||||||||
14 | |||||||||
15 | |||||||||
16 |
4.
5.