KUTAA FISKAALAA FI HOJII
KUTAA FISKAALAA FI HOJII
Waajjira Xiinxala Aktuwaarii fi Faayinaansii
Daldala CareOregon fi SCAN
Abbaan Taayitaa Fayyaa Oregon (OHA) waliigaltee daldalaa eegumsa fayyaa, kan akka walitti makamuu fi bittaa, yeroo miseensota Karoora Fayyaa Oregon (OHP) tuqan ilaaluuf aangoo qaba. OHA'n daldalawwan namootaafis ta'e hawaasa Oregoniif miidhaa akka hin geessisne mirkaneessuuf itti gaafatamummaa qaba. Amajjii 12, 2023, OHA'n beeksiisa guutuu hin taane SCAN Group fi CareOregon irraa “Form A.” jedhamu argate. Form A’n karoora dhaabbileen kunneen walitti makuuf qaban ibsa.
Hagayya 2023 keessa, gareen SCAN fi CareOregon odeeffannoo Form A’n guutuu ta'uu isaa ilaaluuf barbaachisu OHA'tti kan dhiyeessan xxx xx'u, OHA'n yeroo ammaa kana daldala kana gamaaggamaa jira.
Dhimma kana keessa eenyutu harka qaba?
CareOregon dhaabbata bu’aadhaaf hin hojjenne kan miseensota Karoora Fayyaa Oregon kutaalee biyyattii hedduu keessatti argamaniif faayidaa kunuunsa fayyaa kan kennu xxx xx’u, kunis Naannoolee Xxxxxxxxx, Clatsop, Columbia, Xxxxxxx, Multnomah, Tillamook, fi Washington dabalataa. CareOregon Xxxxxxx Care Connect fi Columbia Pacific Coordinated Care Organizations hojjechisa. Dhaabbanni kun tajaajila bulchiinsaa Health Share of Oregon dhaf ni kenna. CareOregon tajaajila fayyaa mana keessaa fi tajaajila hospisiis ni kenna. Dhaabbatichi Oregon keessatti namoota 500,000 ol tajaajilaa jira.
SCAN Group dhaabbata bu’aadhaaf hin hojjenne kan teessoo isaa Kaalifoorniyaa godhatee fi karoora fayyaa Medicare Advantage dhiyeessuudha. Gareen SCAN gareewwan yaalaa sadii kan hojjechisu xxx xx’u, ga’eessota dulloomanii fi namoota mana jireenyaa tasgabbaa’aa hin taane qabaniif tajaajila kunuunsa fayyaa fi deeggarsa ni kenna. Dhaabbatichi kutaalee biyyattii hedduu keessatti namoota 270,000 ol ta'aniif tajaajila kenna.
Waa'ee waliigaltee kanaa
SCAN Group fi CareOregon dhaabbata walitti makamaa miseensota Medicare fi Medicaid kutaalee biyyattii hedduu keessatti aragaman tajaajilu uumuu barbaadu. Daldala yaadame kana keessatti SCAN Group maqaan isaa HealthRight jedhamee kan jijjiiramu xxx xx’u, CareOregon ammoo dhaabbata HealthRight jalatti argamu
ta’uuf doolaara miiliyoona 120 kaffala. CareOregon tajaajila amma jiru irratti jijjiirama tokkollee hin tilmaamu. CareOregon hoggansaafi hojjettoota isaa xxxx xxxxx tursiisuuf karoora qaba. Daldalli kun xumuramuusaa dura CareOregon dhaabbata tola ooltummaa fedhii namoota Oregon keessa jiraniif tajaajilu uumuuf doolaara miiliyoona 25 gumaacha.
Itti aansee maaltu ta'a?
OHAn gamaaggama daldala kanaa gaggeessaa jira. Gamaaggamni kun OHA'n hawaasa Oregon fi miseensota Medicaid 500,000 ol CareOregon’n uwwifaman kanneen kaawuntii Oregon 13 keessa jiran irratti dhiibbaa akkamii geessisuu akka danda’u hubachuuf gargaara. Yeroo gamaaggama kanaatti OHAn odeeffannoo eegumsa fayyaa, gabaasa oduu fi miidiyaa, odeeffannoo dhaabbilee irraa argamu, fi yaada ummataa fayyadamuun daldala kana raggaasisuu fi dhiisuu isaa murteessa. Daldalli kun sagantaalee seera qabeessummaa mootummaa birootiinis ilaalamaa jira.
Xxxxxxx kee dhagaʼuu barbaanna!
Yaadni uummataa gamaaggama OHA'f murteessaadha! Yaadni isin kennitan akkaataa daldalli kun namoota hawaasa keessan keessa jiraniif akkamitti akka gargaaru ykn miidhu hubachuuf nu gargaaruu danda'a. Yaada fi deebii keessan daldala kana irratti qooduuf, maaloo hanga Muddee 6, 2023tti gara XxxxXXxxxXxxxxx.XXX@xxx.xxxxxx.xxx iimeelii ergaa. Xxxxx xxxxxxxx keessan keessatti xxxxx “XxxxXxxxxx,” maal akka yaaddan, akkasumas waliigaltee kana ni deeggartu ykn ni mormitu kan jedhu barreessaa.
OHA'n yaada ummataa argate sagantaawwan seeraa qabeessummaa mootummaa biroo waliin ni qooda. Bittaa fi gurgurtaa kana ilaalchisee xxxxx xxx kennuuf karaan dogoggoraa hin jiru.
Barreeffama kana afaan biraatin, maxxansa guddaan, bireeyiliin yookin bifa ati filattun kaffaltii malee argachuu dandeessa.
XxxxXXxxxXxxxxx.XXX@xxx.xxxxxx.xxx irratti email nuuf ergi.