Kaffaltiilee Yaalaa Hin Eegamnee Ilaalchisee Mirgaa fi Eegumsa Keessan
Kaffaltiilee Yaalaa Hin Eegamnee Ilaalchisee Mirgaa fi Eegumsa Keessan
Yeroo tajaajila fayyaa hatattamaa argattan ykn dhiheessaa tajaajilaa wabii fayyaa keessan alaa ta’e irraa hospitaala wabii fayyaa keessan keessatti ykn tajaajila baqaqsanii hodhuu bakkaa bakkatti socho’utti yaalamtan kaffaltii herregaa irraa ni eegamtu. Haaloota kanneen keessatti, karoora keessan kan kaffaltii waloo wabii-waloo fi/ykn kan hir’ifamu danda’u caalaa gafatamuu hin qabdu.
“kaffaltiin madaalaa” (yeroo tokko tokko “kaffaltii hin eegamnee” kan jedhamu) maaliidha?
Yeroo doktora ykn dhiyeessaa kunuunsa fayyaa biraa bira dhaqxan, baasii hanga tokkoo kiisii keessanii baaftu dandeessuu kan akka kanfaltii waloo, wabii-waloo, ykn kan hir’ifamu danda’u jiraachuu danda’x. Xxx dhiheessaan tajaajilaa ykn wiirtuu fayyaa kan neetiwoorkii karoora fayyaa keessan keessa hin jirre deemtan ta’e baasii dabalataa qabaachuu yookiin kaffaltii guutuu kaffaluu maltu.
“Neetwoorkiin-ala” jechuun dhiyeessitootaa fi wiirtuulee fayyaa tajaajilawwan kennuuf karoora fayyaa keessan waliin waliigaltee hin mallatteessine jechuudha. Dhiyeessitoonni neetworkiin- alaa garaagarummaa waan karoorri kee kaffaluu fi kaffaltii guutuu tajaajilaaf kaffalamuu gidduu jiru akka isiin kaffalchisan eeyyamamuuf danda’a. Kunis “kaffaltii madaalaa (balance billing)” xxxxxxx. Hammi kunis gatii dhaabbilee karoora fayyaa keessatti tajaajila walfakkaataaf kaffalamu olii fi kangara hir’ifama karoora keessaniitti ykn daangaa baasii kiisii irra kaffalamu kan waggaatti shallagamuu ta’u dhiisuu danda’a.
“Kaffaltiin hin eegamnee” madaala kaffaltii hin yaadamnedha. Kun kan ta’uu danda’u yeroo sini qaamoota kunuunsa keessan irratti hirmaatan to’achuu hin dandeenyee—akka yeroo wallaansa fayyaa hatattamaa qabaattan yookiin yeroo daawwannaaf wiirtuu fayyaa wabii fayaa keessan keessa argamuutti beelama qabattan garuu xxxxx hin eegamneen dhiheessaa tajaajilaa karoora- fayyaa-alaan yaalamtu. Kanfaltiin wallaansa hin eegamne adeemsa yookiin tajaajila irratti hundaa’uun doolaara kumaatamaan kaffalchiisuu danda’a.
Kanneen armaan gadiitiif kaffaltii madaalaa irraa ni eegamta:
Tajaajiloota hatattamaa
Xxx xxxxx fayyaa hatattamaa qabaattanii kan tajaajila hatattamaa dhiheessaa tajaajilaa ykn wiirtuu fayyaa wabii fayyaa keessan alaa ta’e irraa argattan, inni guddaa isiin kaffalchisuu danda’an hamma. kaffaltii baasii wabiin fayyaa keessan qooddatuuti (kan akka kanfaltii waloo, wabii-waloo, ykn kan hir’ifamu danda’u). Tajaajiloota hatattamaa kanneeniiff kaffaltii madaalaa akka kaffaltan gaafatamu hin dandeessan. Yoo eeyyama barreeffamaa kennitan fi tajaajiloota xxxxx tasgabaa’uutiin boodatiif kan eegumsawwan kaffaltii herregaa keessan dhiistan xxx xx’e xxxxx, xxx xxxx xxxx tasgabaa’aa keessa jiraattaniin booda tajaajila argachuu dandeessu dabalata.
Tajaajilliwwan tokko tokko hospitaala wabii fayaa keessan keessatti ykn tajaajila baqaqsanii hodhuu bakkaa bakkatti socho’utti
Yeroo hospitaala wabii fayyaa keessan ykn tajaajila baqaqsanii hodhuu bakkaa bakkatti socho’u irraa tajaajila argatan, dhiyeessitoonni murtaa’aan achii wabii fayyaa keessan ala ta’uu danda’x. Xxxxx akkaa keessatti, dhiyeessitoonni kanneen irra guddaa isaanii amma kaffalchisuu karoorri wabii fayyaa keessanii qooddachu danda’aniiti. Kunis qoricha yaala hatattamaa, qoricha hadoochaa, qorannoo dhukkubaa, qorannoowwan raajii, laaboraatorii, kunuunsa daa'imman haaraa dhalatan, gargaaraa doktara wallansa baqaqsanii hodhuu, doktara hospitaalaa, ykn doktara waldhaansa xiyyeeffannaa addaatiif. Dhiyeessitoonni kunneen kaffaltii herregaa isiin kaffalchisu hin danda’an akkasumas eegumsawwan kaffaltii herregaa keessan akka dhiistan isin hin gaafatan.
Xxx xxxxxxx xxxxxxxxxxxx kennite fi eegumsawwan kaffaltii herregaa keessan dhiistan ta’e xxxxx, tajaajila xxxx biraa wiirtuulee fayyaa wabii fayyaa keessan keessatti xxx xxxxxxxx, dhiyeessitoonni wabii-fayyaan-alaa jran kaffaltii madaalaa si kaffalchisuu hin danda’an.
Kaffaltii madaalaa keessan dhiisuudhaan eegumsawwn keessan dhiisuun gonkumaa sirraa hin barbaadamu. Akkasumas karoora wabii-fayyaa alaa irraa tajaajila argachuun isin irraa hin barbaadamu. Dhiheessa tajaajilaa ykn wiirtuu fayyaa wabii-fayyaa karoora kee keessatti argamuu filachuu dandeessa.
Jiraattonni Ohio kanneen inshuraansii fayyaa karaa karoorawwan Qajeelcha Inshuraansii Ohio’in to’atamaniis argatanis akka seera Ohio’tti gaaffiiwwan kaffaltii wal’aansaa akka tasaa isaan qaqqabuu irraa eegamoodha. Wayita isin neetoorkiin alaa irraa kunuunsa hin eegamine argattan, seerri Ohio eegumsawwan armaan gadii dhiyeessa.
• Tajaajilawwan yeroo atattamaa kanneen tajaajilwwan ambulaansiidhaan dhiyaatan dabalatee, yoo kan karoora fayyaa keessaniin xxxx xxx dhiyeeffaman ta’e iyyuu, tajaajiloota yeroo atattamaatiif gaaffiin kaffaltii madaalaa (balance billing) hinjiru.
• Wayita dhiyeessaa karoora fayyaa keessaa filachuu hin dandeenyetti, dhiyeessitoota karoora fayyaatiin alaa dhaabbata kan karoora fayyaa keessaatti argamuutiin gaaffiin kaffaltii madaalaa gaafatamu hin jiru.
• Hammi baasii qooddannaa keessanii, kanneen akka kaffaltii waloo, inshuraansii waloo, fi kan hir’ifamu danda’u, amma kanfaltii tajaajiloota karoora fayyaa keessan keessaatti kaffaltaniin kan daangeffamedha.
Karoorawwan fayyaa kutaa biyyaa Ohio’tiin to’ataman qubeewwan “ODI” jedhan waraqaa eenyummaa inshuraanii keessanii irratti sirriitti ibsaman qabu. Odeeffannoo dabalataa xxxxx://xxxxxxxxx.xxxx.xxx/xxx/xxxxxx/xxx/xxx/xxxxxxxxx/xxxxxx/xxxxxxxx-xxxxxxx irraa argachuu ni dandeessu.
Yeroo kaffaltiin madaalaa hin eeyyamamne, eegumsawwan kanneen ni qabdu:
• Isin kanfaluufitti gaafatamuma kan qabdan gatii qooda kee qofa (yoo dhiheessan tajaajilaa ykn wiirtuun fayyaa karoora wabii-fayyaa keessan keessatti kan argamuu ta’e, kan akka kanfaltii waloo, wabii-waloo, ykn kan hir’ifamu danda’amu). Karoorri fayyaa keessan dhiyeessitoota fi wiirtuulee fayyaa karoora wabii-fayyaa ala jiraniif kallattiidhaan baasii dabalataa kamuu ni kaffala.
• Walumaagalatti, karoorri fayyaa keessan dirqama kan qabu:
o Xxxx xxxxx eeyyama argachun hin barbaachifne haguggii tajaajiloota fayyaa hatattamaaf argachuu (akkasumas “Dursa eyyamsiisuu” jedhamuun beekama).
o Haguuggii tajaajiloota fayyaa hatattamaa dhiyeessitoota karoora wabii fayyaan alaatiin.
o Hamma dhiheessaa tajaajilaa ykn wiirtuu fayyaaf kaffaltan dhiheessa tajaajilaa ykn wiirtuu fayyaa ksroora wabii-fayyaa keessan keessatti xxxxxxxx xxxxxxxx irratti bu’uura godhachu akkasumas hamma sana ibsa faayidaawwan keessan keessatti agarsiisu.
o Hamma tajaajiloota fayyaa hatattamaaf ykn tajaajiloota wabii fayyaan alaaf kaffaltan kamuu gara hir’ifama karoora keessaniitti yookiin daangaa baasii kiisii irra kaffalamutti lakkaa’aa.
Xxx xxxxxxxxxxx akka kaffaltan gaafatamtan kan yaaddan ta’e, Xxxxxxxx Xxxxxx Xxxxx Ohio 0-000-000-0000 irratti bilbilaan qunnamaa. Lakkoofsi bilbilaa odeeffannoo federaalaa fi komii dhiyeeffachuuf 0-000-000-0000.
Waa’xx xxxxx keessan seera federaalaa xxxx xxxx irratti odeeffannoo dabalataaf argachuuf marsaaratii xxx.xxx.xxx/xxxxxxxxxxx/xxxxxxxxx daawwadhaa.
Waa’xx xxxxx keessan Ohio xxxx xxxx irratti odeeffannoo dabalataaf argachuuf marsaaratii xxxxx://xxxxxxxxx.xxxx.xxx/xxx/xxxxxx/xxx/xxx/xxxxxxxxx/xxxxxx/xxxxxxxx-xxxxxxx daawwadhaa.