Sirna
Tajaajilawwan Fayyaa Fairview (Fairview Health Services)
Imaammata
Imaammata Kaffaltii fi Funaansaa Tajaajiloota Maallaqaa Dhukkubsataa
Garagalchiwwan maxxanfaman wabii qofaafi. Xxxxxxxx haaraaf maaloo garagalcha elektiroonikaa ilaalaa.
Kaayyoo:
Imaamanni kuni adeemsa dhukkubsataa kaffalchiisuu Tajaajiloota Fayyaa Fairview (Fairview Health Services) fi HealthEast (walitti qabaadhan, “Fairview” jedhamanii) tarkaanfilee funaansaa kan tarii yommuu kunuunsa fayyaa Fairview dhan kennameefiif kaffaluu dhaban fudhataman, kan akka tarkaanfii funaansaa addaa ibsa. Qajeelfamoonni bu'uuraa imaammata kana duuba jiran dhukkubsattootaa fi wabii kennitoota itti gaafatamummaa qaban (kan kana booda "dhukkubsataa(toota)" jedhaman) ulfinaa fi kabajaan walqixaaan kunuunsuf, adeemsonni kaffaltii fi funaansaa sirriin xxxxx walfakkaatun hordofamuu mirkaneessuf, akkasumas dhukkubichi Imaammata Deeggarsa Maallaqaa Fairview (kan kana booda "FAP" jedhamuun beekamu) jalatti gahumsa qabaachuu fi dhabuu isaa murteessuf tattaaffiiwwan sirriin godhamuu isaanii mirkaneessufidha.
Ibsa Imaammataa:
Erga dhukkubsattoonni xxxxxx tajaajiloota argatanii booda, dhukkubsattootaa fi kaffaltoota isaanii isaan ilaallatu yeroodhan akkasumas karaa sirrii ta'een kaffaltii gaafachuun imaammata Fairview ti. Yeroo adeemsa kaffaltii gaafachuu fi funaanuu kana, hojjettoonni Fairview tajaajila maamilaa qulqullina qabu kennuudhaf akkasumas herregoota hin kaffalamin yeroodhaan hordofuuf kutannoodhan ni hojjetu. Hojjettoonni Fairview akkasuma sababoota dhukkubsataan tokko deeggarsa maallaqaa FAP jala jiruuf kaadhimamaa akka ta'u godhan dammaqinaan ni eegu, akkasumas adeemsa sana keessatti dhukkubsattoota ni gargaaru.
Hiikkaawwan:
ECAs – Tarkaanfilee Funaansaa Addaa Hojiiwwan funaansaa armaan gadii dabalatu:
• Haalota hedduu keessatti, idaa dhukkubsataa tokkoo qaama biraatti gurguruu.
• Dhukkubsataa ilaalchisee odeeffannoo kireeditii faallessaa ta'e eejensii kireeditiitti gabaasuu.
• Sababa herreega duraan hin kaffalamneen yookan kaffaltii herregaa wal'aansa fayyaa barbaachisaa yeroo ammaa kennuun duraa osoo hin kaffalamin jiru kaffalchiisuu barbaadudhaan wal'aansa fayyaa barbaachisaa yeroo ammaa tursiisuu yookan diduu.
• Tarkaanfilee adeemsa seeraa yookan mana murtii barbaadan; xxxx idaa kaffalanitti qabeenya namaa qabuu, mindaa irraa hir'isuu, herreega baankii irraa hir'isuu yookan qabuu, tarkaanfii siivilii jalqabuu, fi tarkaanfilee seeraa ibsaman biroo.
Wal'aansa Fayyaa Barbaachisaa
Wal'aansi fayyaa barbaachisaa ta'e, wal'aansa akka ilaalcha hakiima/ogeessa fayyaa wal'aanaa beekamtii Fairview qabuuttii fi akkaataa wal'aansa idileetti:
• Jalqabuu yookan hammaachuu dhibee, xxxxx qaamaa, yookan hir'ina qaamaa ittisuuf;
• Qorannoo fayyaa gaggeessuf;
• Haalota fayyaa qaamaa, amalaa fi/ykn sammuutif wal'aansa dhukkubbii hir'isu, fayyisu yookan wal'aanu kennuuf; akkasumas/ykn
• Dandeettii dalagaa nama sanaa fi dandeettiwwan dalagaa sirrii namoota umurii walfakkaataa ta'anii ilaalcha keessa galchuudhan, namni suni dandeettii dalagaawwan guyyuu dalaguu isaa akka argatu yookan qabaatu gargaaruf barbaachisuudha.
• Tajaajiloonni akkaataa wal'aansa fayyaatti barbaachisan, bu'uura Xxxx Xxxxx XIX Seera Wabii Hawaasaa Federaalaatin (Title XIX of the Federal Social Security Act) labsametti, tajaajiloota dhukkubsataa ciisee yaalamuu fi deddeebi'ee yaalamuu, akkasumas tajaajila hospitaalaa bu'uura Xxxx Xxxxx XIX Seera Wabii Hawaasaa Federaalaatin uwwifamee fi dhukkubsataa ciisee yaalamuuf fi deddeebi'ee yaalamuuf akkaataa
wal'aansa fayyaatin barbaachisaadha jedhamu kamiyyuu dabalatu. Dabalataan, wal'aansi dhaabbata hospitaalaa xxxxx'insa yookan LLC hospitaalichi kaapitaala yookan dhala bu'aawwanii itti argatu keessatti kennamu gargaarsa maallaqaatif ulaagaa ni guuta. Tajaajiloonni dirqama akkaataa ulaagaalee hojmaata wal'aansa fayyaa biyyaalessaa bal'inaan yeroo tajaajiloonni sunneen kennamanitti fudhatama qabaniitin raawwatamuu qabu. Kaayyoo isaa sirritti milkeessuf, tajaajilli tokkoon tokkoon isaa hammaan, dheerina yerootin, akkasumas bal'inaan gahaa ta'uu qaba.
• Tajaajiloonni akka wal'aansa fayyaatti barbaachisoo ta'an tajaajiloota wal'aansota sadarkaa yaalii yookan kan uumama wal'aansa miidhaginaa qaban hin dabalatan.
• Haalonni biroon barbaachisummaa wal'aansota fayyaa murtaa'anii deeggaran kan hammatan:
o Ragaa saayinsii qulqullina olaanaa qabu kan akka dhukkubsattoonni xxxxx murtaa'aa tokko qaban wala'aansa gaafatame irraa kan fayyadaman ta'uu ibsu;
o Faayidaan xxxx akkasii akkaataa wal'aansa fayyaa qabatamaa ta'etti barbaachisaa ta'uu isaa; fi/ykn
o Wal'aansonni filannoo gatii xiqqaa fi karaalen itti kennaman ilaalamanii didamaniiru.
Wal'aansota Xxxxxx Xxxxxx Xxxx Xxxxx
Wal'aansonni yaalii wal'aansotaa fi tarkaanfilee yaalaa bal'inaan ogeessota ogummaa sirrii keessa jiraniin xxxxx fayyaa ilaalamaa jiru qorachuuf, ittisuuf, yookan wal'aanuf akka miidhaa-maleessa fi bu'a-qabeessaatti hin fudhatamneedha. Yeroo tarkaanfin wal'aansaa tokko kan yaalii ta'uu murteessan, wantoonni murteessoo ta'an sirriin, kanneen armaan gadii dabalatu, garuu kanneeniin hin daangeffaman:
• tarkaanfin wal'aansichaa akka qaama qorannoo kiliinikaatti qofatti jiraachuu isaa;
• barruulee sirriin joornaalii ogeessota beekumsa qixa qabaniin gulaalaman keessa jiran, tarkaanfin wal'aansicha ilaalamaa jiruu dabalataan akka qoratamu kan gaafatan ta'uu isaanii; yookan
• tarkaanfin wal'aansichaa, karaa baay'ee adda ta'een fi/ykn xxxxx fayyaa adda ta'eef naannoo qaamaa adda ta'e keessatti faayidaa irra kan oolu ta'uun isaa, sana booda ogeessota biroo ogummaa sirrii keessa [Fairview, Twin Cities, Minnesota, Ameerikaa, fi kkf. keessatti] jiraniin bal'inaan kan fudhatama qabaatu ta'uu.
Ba'aa Maallaqaan Itti Fufiinsa Hinqabaanne
Tajaajilicha kennuudhaf xxxxx dhaabbata Fairview gibira irraa bilisa ta'e irra baasii guddaan itti jiraatuu fi taatee dhaabbatichi kaffaltii gahaa malee dhukkubsattoota xxxxx walfakkaataa qabaniif tajaajila walfakkaataa kennuu itti hin dandeenyee fi maallaqaan itti gaafatamummaa itti qabaatu keessatti, tarii dhukkubsataan tajaajila itti barbaadu.
Maatii
Kaayyoowwan imaammata kanaatif, maatin:
• Akka qajeelfamoota IRS dhan ibsametti, haadha manaa fi abbaa manaa walfuudhanii fi hirkattoota kamiyyuudha.
• Akka qajeelfamoota IRS dhan ibsametti, nama dhuunfaa hirkattoota qabudha.
• Nama hin fuune ykn hin heerumnee fi hirkattoota hin qabnedha.
Yoo manichi maatii tokkoo ol kan hammatu ta'e, qajeelfamoonni hiyyummaa maatii tokkoon tokkoonif addatti hojii irra oolu.
Adeemsa:
I. Dhukkubsataa Kaffalchiisuu:
Iyyannoowwan baraarsaa (inshuraansii) hunda sirrittii fi yeroodhan kaffalchiisun kaayyoo Fairview ti. Odeeffannoo fi quunnamtii dhukkubsattootaa fi kaffaltoota irraa argamu irratti hundaa'us, Fairview dhukkubsattoonni herregaa fi odeeffannoo sirrii fudhachuu isaanii akkasumas carraa kaffaltii kaffaluu fi/ykn wal'aansa tola-ooltummaatif iyyachuu qabaachuu isaanii mirkaneessuf hordoffii gahaa ni xxxxx. Adeemsi kaffaltii gaafachuu qajeelfamoota armaan gadiitin ni deeggarama:
A. Dhukkubsattoota baraarsa hin qabne hundaaf, Fairview kaffaltoota qaama sadaffaa hunda (akka dhukkubsataadhan kennametti xxxxxx xxxxxxxx'etti) yeroodhan ni kaffalchiisa, haalota addaa armaan gadii irraa kan hafe:
• Baraarsa biyyaa alaa - gaaffii dhukkubsataatin, dhukkubsataan garagalcha kaffaltii baraarsa isaatiif galchan ni argatu. Fairview dhukkubsataa irraa kaffaltii guyyoota 90 keessatti eega. Fairview fedhii isaa qofaan, akka kabaja dhukkubsataatti, dhimma irratti hundaa'udhaan baraarsa biyyaa alaa kaffalchiisuu filachuu mala.
B. Akkaataa Waliigaltee Ulaagaalee Funaansaa Abbaa Alangaa Waliigalaa Fairview yeroo ammaatti, dhukkubsattoonni jiraattota Minnesotaa yookan Wisconsin baraarsa hin qabne hundi kan tajaajiloota wal'aansa fayyaa barbaachisaa hospitaalaa fudhatan, hir'ifama namoota baraarsa hin qabneef kennamu ni argatu. Hir'ifamni namoota baraarsa hin qabneef kennamu, hir'ifama kaffalaa mit-mootummaa qacarame isa hunda caalaa guddaa keenyaf kennamuun walqixa ni ta'a, akkasumas herregni hafu akka qaama adeemsa kaffaltii baratamaa Fairviewutti yeroo yeroodhaan dhukkubsataan akka kaffalamu ni taasifama. Dhukkubsattoonni hundi, herrega isaanitiif ibsa mi'oota tarreeffamanii gaafachuu malu.
X. Xxx gaaffin sababa dogongora Fairview ta'een kaffalaadhan didame (yookan hin adeemsifamne), Fairview hamma sana xxxx xxxxx kamiifuu dhukkubsataa hin kaffalchiisu, kunis osoo kaffalaan kaffalee jiraatee kan dhukkubsatichi kaffaluuf dirqama qabuuf ture.
X. Xxx gaaffin sababa too'annoo Fairview'n ala ta'een kaffalaadhan didame (yookan hin adeemsifamne), hojjettoonni Fairview gaafichaaf furmaata fiduuf akka barbaachisaa ta'etti kaffalaa fi dhukkubsataa ni hordofu. Xxx xxxxxxxxxxxxxx hordoffii barbaachisaa ta'an booda furmaanni gaaffichaa hin argamne, Fairview dhukkubsataa kaffalchiisuu mala yookan tarkaanfilee biroo ulaagaalee hojmaata Fairview yeroo ammaa waliin deeman fudhachuu mala.
E. Dhukkubsattoonni kaffaltii gaafataman hundi, gargaarsa maallaqaa ilaalchisee carraa yookan adeemsa kaffaltii gaafatamuu isaanii keessatti yeroo kamiyyuu herregoota isaanitiif xxxxx mijeessuu mari'achuuf carraa Fairview qunnamuu ni qabaatu.
II. Dhukkubsataa Irraa Funaanuu fi Eejensii Irraa Funaanuu:
X. Xxx xiqqaate ibsiwwan 3 funaansa herregoota ofiin kaffalaniif teessoo yeroo dhumaatif beekamaa ta'etti dhukkubsataa tokkoon tokkoonif ergamuu yookan iimeelii godhamuu qaba; haa ta'u malee, erga dhukkubsataan iyyata guutuu gargaarsa maallaqaa FAP jala jiruuf galchee yookan guutumaan guututti kaffalee booda, ibsoonni dabalataa ergamuu hin barbaachisan. Xalayaawwan 3 barbaachisan keessaa isa jalqabaa fi isa dhumaa gidduu, xxx xxxxxxxx guyyoonni 60 darbuu qabu. Yeroo tajaajilaatti yookan yeroo deemsaatti teessoo sirrii kennuun dirqama dhukkubsataati. Xxx xxxxxxxx xxxxxxx xxxxxx xxx xxxxxxxx, hojjettoonni tooftaalen filannoo biraa ittiin dhukkubsataa argatan jiraachuu isaanii ni murteessu. Ibsoonni herrega dhukkubsataa qeenxee herregoota ofiin-kaffalaniii hundi kanneen armaan gadii hammatu, garuu kanneen qofatti hin murteeffaman:
1. Cuunfaa sirrii tajaajiloota ibsichaan uwwifamanii - ibsa jalqabaa qofa
2. Hubachiisa barreeffamaa waa'ee jiraachuu gargaarsa maallaqaa FAP hospitaalaa jala jiruu, lakkoofsa bilbilaa qajeelchichaa fi teessoo marsaariitii garagalchiwwan sanadootaa irraa argamuu xxxxx dabalatee, dhukkubsataadhaf beeksisuu fi himu.
X. Xxx dhukkubsataan herrega isaa/xxxxx xxxxxxxx fi/ykn kaffaltii isaanii ilaalchisee sanadoota gaafatan, Fairview sandoota gaafataman barreeffamaan xxxxxxxx 7 keessatti ni dhiheessa. Xxx xxxxxx xxxxxx 7 hin danda'mne, xalayaan beeksisaa guyyoota 7 keessatti ni ergama akkasumas funaansa dabalataa guyyaa deebii booda jiru akkaataa Imaammata Himannaa Komii Fairview itti fufuun dura, herreegni guyyoota 30'f qabamee ni tura. Ulaagaalen deebii olitti ibsaman eejensoota funaansaa fi abbootii alangaa funaansaa Fairview irratti hojii irra kan oolan ta'a.
C. Yaaddoowwan wal'aansa dhukkubsataa, karaa adeemsa kan furmaatilee fi deebii dhukkubsataaf kennanii ni keessummeessamu. Xxxxxxxxx(onni) akka barbaachisaa ta'etti ni qabamu.
D. Karaa ibsoota kaffaltii, xalayaalee fi bilbilootaa fayyadamuutin, Fairview dhukkubsataan wal'aansa tola- ooltummaatif gahumsa qabaachuu maluu isaa baruudhaf dammaqinaan hordofuu dabalatee, herreegota hin kaffalamneef furmaata argachuuf dhukkubsattoota qunnamuuf tarkaanfilee hordoffii xiyyeeffannodhan raawwataman ni fudhata. Yoo yeroo adeemsa kanaatti herregoonni furmaata hin arganne, herregoonni hin kaffalamne funaansaf gara eejensii qaama sadaffaatti yookan abbaa alangaatti ergamuu malu.
III. Tarkaanfilee Funaansa Seeraa fi Funaansa Addaa:
A. Haalota imaammata kanaa eegudhaan, kaffaltii tajaajiloota wal'aansa fayyaa kennamanii fudhachuudhaf, Fairview herregoota funaansa seeran godhamu irra kaa'uu akkasumas tarkaanfilee seeraa kamiyyuu fi hunda fudhachuu mala, kunis tarkaanfilee funaansa addaa (Extraordinary Collection Actions, ECAs) dabalata.
B. Tarkaanfileen Funaansa Addaa akka armaan gadiitti eegalamuu malu:
1. ECAwwan fudhatamuun dura, erga kaffaltiin tajaajila booda dhukkubsataadhaa ergamee kaasee, xxx xxxxxxxx guyyoonni 120 ni kennamu, akkasumas Fairview dhukkubsataan wal'aansa tola-ooltummaa FAP jala jiruuf akka iyyatu, guyyaa ibsaa sana irraa kaasee yoo xiqqaate guyyoota 240 ni kenna.
2. Yoo dhukkubsataan funaansawwan seeraa jalqabuun duratti wal'aansa tola-ooltummaa FAP jala jiruuf iyyata galfate, tarkaanfileen funaansa addaa (ECAs) jaqabamuu isaanii dura, Fairview gahumsa
dhukkubsataa kan murteessu ta'x. Xxx dhukkubsataan xx'xxxx jahan darban keessatti durumaanuu murtee wal'aansa tola-ooltummaa kan qabu ta'e, xxx xxxxxxxx dhukkubsatichaa xxxxx guddaa ta'een murtee haaraa raawwachuu gaafataniin jijjiirraman malee, murteen duraa faayidaa irra ni oola.
3. Herregoota funaansa seeran godhamutti dabarsuun dura, yoo herreegni kamiyyuu funaansa seeraa irraa kan hafuu qabu ta'e, Fairview calallii agarsiistuu wal'aansa tola-ooltummaa ni gaggeessa. Herreegota funaansa seeran godhamutti dabarfamaniif, Fairview ECAwwan yaadamuu isaanii dhukkubsatichaaf barreeffamaan beeksisa dhiyeessuu qaba. Beeksisni kuni yaada guduunfaa FAP afaan salphaa ta'een ibsu dabalachuu qaba akkasumas yoo xiqqaate ECAwwan osoo hin jalqabamin guyyoota 30 dursee kennamuu qaba. Yeroo banaa guyyaa-30 kana, Fairview akkasuma ECAwwan fudhatamuuf akka yaadaman afaanin dhukkubsaticha beeksisuuf akkasumas Imaammata Gargaarsa Maallaqaa Fairview dhukkubsataa beeksisuuf, carraaqqiiwwan sirrii fayyadamuu qaba. Fakkeenyi carraaqqiiwwan sirrii beeksisa afaanii kanaa tokko, dhukkubsataadhaf bilbiluu fi ergaa sagalee kaa'uu dabalata.
4. Erga funaansa seeran godhamutti dabarfamee booda, abbootin alangaa funaansaa ECAwwan kanneen akka tarkaanfilee mana murtii banuu, hir'ifamoota mindaa fi baankii raawwachiisuu fi funaansa seeran godhamu biraa fayyadamuu jiran aangon kennamuu fi qaba; haa ta'u malee, himannaawwan seeraa jalqabaa banamuun dura, Tajaajiloota Maallaqaa Dhukkubsataa (Patient Financial Services) mirkaneessun barbaachisaadha. Gochaawwan akkasii akka kontiraata qaamota gidduutti godhame keessatti xxxxxxxxx, bu'uura ulaagaalee Waliigalteewwan Ulaagaalee Funaansa Abbaa Alangaa Waliigalaa Fairview ta'uu qabu.
5. Yoo dhukkubsataan yeroo ECAwwan raawwatamaa jiran gaarii yaadudhaan iyyata wal'aansa tola- ooltummaa galfate, Fairview yeroo iyyanni adeemsifamaa jiruu fi murtiin dhumaa godhamaa jiru ECAwwan dhaabsisuuf carraaqqiiwwan hunda caalan fayyadama.
IV. Tajaajila Maamilaa:
Yeroo adeemsa kaffaltii gaafachuu fi funaanuu, Fairview fi bakka buutotni (eejentoonni) isaa qajeelfamoota armaan gadii hojii irra oolchuudhaan taajila maamilaa qulqullina qabu ni kennu:
• Fairview fi ejentoonni isaa ulaagaa irra darba hinqabne afaan miidhama geessisu, hacuucaa, nama aarsu, gowwoomsu yookan dogongorsu yookan hojjettoota isaatin raawwataman irratti hojii irra ni oolchu.
• Fairview fi eejentoonni isaa, gaaffilee fi/ykn waldhabbiiwwan dhukkubsataatif adeemsa qajeelaa, bilbila bilisaa dhukkubsataan irratti bilbiluu maluu fi teessoo waajjiraa ifa ta'e kan isaan itti barreessuu danda'an dabalatu kaa'uu qabu. Odeeffannoon kuni kaffaltiiwwanii fi ibsoota funaansaa dhukkubsataa Fairview dhan ergaman hunda irratti ni tarreeffama.
• Erga dhukkubsataan isaan qunnamee booda, Fairview fi hojjettootni bakka bu'aa (eejentii) xxxx xxxxxxx danda'amaa ta'een bilbiloota dhukkubsattootaa ni deebisu (garuu erga bilbilamee booda guyaa hojii tokko hin caalle keessatti) akkasumas akka adeemsa komii hiikutti waldhabbiiwwan barreeffamaan galaniif guyyoota 7 keessatti deebii ni kennu.
• Fairview fi ejentoonni isaa galmee komiiwwanii fi himannaawwan dhukkubsataa (kan afaanin xxxxxx xxxxxxxxxxxxx godhaman) ni qabatu.
V. Jiraachuu Imaammataa:
• Garagalchiwwan elektiroonikaa Imaammata Kaffaltii fi Funaansaa Fairview, Imaammata Gargaarsa Maallaqaa Fairview fi unkaan Iyyata Kunuunsa Tola-ooltummaa keenyaa marsaariitii: xxx.xxxxxxxx.xxx/xxxxxxx irratti argamuu danda'u.
• Akkasumas garagalchiwwan imaammattootaa akka xalayaadhan isiniif ergaman yookan iyyata Wal'aansa Tola-ooltummaa fi adeemsa gahumsaa irratti mari'achuuf Waajjiraalee Daldala Giddugalaa (Central Business Offices) xxxxxx keessaa tokko qunnamuu ni dandeessu.
o Tajaajiloota Fayyaa Fairview (Fairview Health Services) 000-000-0000 irratti yookan bilbila bilisaatin 0-000-000-0000 irratti
o Kunuunsa Wal'aansaa HealthEast (HealthEast Care System) 000-000-0000 irratti yookan kaffaltii- malee bilisaan 0-000-000-0000 irratti
o Giddugala Fayyaa Fairview Range (Fairview Range Medical Center) 000-000-0000 irratti yookan kaffaltii-malee bilisaan 0-000-000-0000 irratti
• Xxxxxxxxxxxxxx waraqaa imaammattootaa fi unkaa iyyata Wal'aansa Tola-ooltummaa keenyaa waajjiroota kaffaltii keenyaa keessaa tokko irraa akkasumas bakkee tokkoon tokkoon hospitaalaa irraa argamuu danda'u.
x 000 X 00xx Xxxxxx, Xxxxxxx, XX 00000
o 0000 Xxxx Xxxxxx Xxxx, Xxxxx Xxxxxx, XX 00000
Dhaabbileen Hojiirra Oolchuuf Fudhatan kanneen armaan gadii hammatu, garuu kanneenitti hin daangeffaman:
Giddugalli Fayyaa Fairview Lakes (Fairview Lakes Medical Center) imaammata kana fudhatee jira. Gareen Meedikaalaa Fairview (Fairview Medical Group) imaammata kana fudhatee jira.
Giddugalli Fayyaa Fairview Northland (Fairview Northland Medical Center) imaammata kana fudhatee jira. Giddugalli Fayyaa Fairview Range (Fairview Range Medical Center) imaammata kana fudhatee jira.
Hospitaalli Fairview Ridges imaammata kana fudhatee jira. Hospitaalli Fairview Southdale imaammata kana fudhatee jira.
Xxxxxxxxxx Xxxxxx Xxxxxxxxxxxxxx Minnesota (University of Minnesota Medical Center), Fairview imaammata kana fudhatee jira.
Kiliinikii fi Hospitaalli Grand Itasca imaammata kana fudhatanii jiru. Hospitaalli Beetsayidaa HealthEast imaammata kana fudhatee jira. Hospitaalli Qulqulluu Yohaannis HealthEast imaammata kana fudhatee jira. Hospitaalli Qulqulluu Yoosef HealthEast imaammata kana fudhatee jira.
Hospitaalli HealthEast Woodwinds imaammata kana fudhatee jira.
Kiliinikoonni HealthEast fi Dhaabbileen Gibira irraa bilisa ta'an biroon imaammata kana fudhatanii jiru.
Abbaa Imaammataa:
Qindeessaa Sirnaa, Marsaa Galii (System Director, Revenue Cycle)
Xxx Xxxxxxxxxxx:
Boordii Qindeessitootaa Fairview (Fairview Board of Directors)